Oduu: Badhaasni Ogbarruu Gaaddisaa Birruun Moggaafame Adoolessa 30 gaggeeffama

Naatinaa’eel Fiixeetiin @NatieFit 

Finfinnee, Adoolessa 27/2022 – Badhaasni ogbarruu akka biyyattiitti kan jalqabaa ta’e fi barreessaa hangafa Asoosama Afaan Oromoo ammayyaa Gaaddisaa Birruu yaadachuuf maqaa ‘Badhaasa Gaaddisaa’ jedhuun moggaafame Adoolessa 30, 2022 akka gaggeeffamu Waldaan Barreessitoota Oromiyaa beeksise. Waldichi sagantaa badhaasa kana ilaalchisee har’a Adoolessa 27 miidiyaaleef ibsa laateera.

Ibsa har’a laatame irratti ilmi Gaaddisaa,  Bahaayiluu Gaaddisaa, Pirezdaantii Waldaa Barreessitoota Oromiyaa Roobinaa Shuumii, Isaayyaas Hordofaa dabalatee miseensonni waldichaa biroon argamaniiru. 

Pirezidaantiin  Waldaa Barreessitoota Oromiyaa  Roobinaa Shuumii badhaasni kun kaayyoowwan barreessaa kitaaba Afaan Oromoo hangafa Gaaddisaa Birruu yaadachuu, dargaggoota ogummaa kana keessa jiran jajjabeessuu fi ogbarruu Afaan Oromoo guddisu jedhan qabachuun akka gaggeeffamu ibseera. 

‘Badhaasni Gaaddisaa’ barreeffamoota Afaan Oromootin hojjataman irratti kan xiyyeeffatee fi gosoota ogbarruu hunda akka badhaasu kan ibsame yoo ta’u, isaanis Walaloo, Asoosama (dheeraa fi gabaabaa), Wallee/Lyrics, Iskiriiptii (kan Fiilmii, Diraamaa, Tiyaatira) fi kitaabolee seenaa of keessatti kan qabateedha.  

Waldaan Barreessitoota Oromiyaa bara 2002 ALI eeyyama argatee hojii kan eegale yoo ta’u, Gaaddisaan namoota hangafaa waldicha hudeessan keessa isa tokko fi Pirezidaantii waldichaa kan jalqabaati. Waahilloota isaani ibsa har’aa irratti argaman keessa tokko Isaayyaas Hordofaa, Gaaddisaa dabalatee namoota jaha ta’anii waldicha akka hundeessan yaadachiiseera. 

Gaaddisaan waldaa kana hundeessuun ala nama asoosama “Kuusaa Gadoo” jedhu yeroo jalqabaaf qubee  Afaan Oromootiin barreessan ta’uun hangafummaan yaadatamu. 

Sagantaan badhaasa barana gaggeeffamu kun barreeffamoota hangafa bara 1980 hanga 1990 ALI’tti hojjataman irratti xiyyeeffachuun kan gaggeeffamu yoo ta’u, bara dhufuu eegalee garuu barreeffamoota hunda hirmaachisuun kaadhimamtoota ifa gochuun dorgomsiise akka badhaasu ibsameera. 

Badhaasni kun badhaasa maallaqaa fi Geebaa of keessatti kan qabu yoo ta’u, sirni badhaasa kanaas Adoolessa 30, 2022 Hoteela Iliiliitti gaggeeffama. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.