Oduu: Ambaasaaddarri Ameerikaa hojiiwwan magaalaa Adaamaatti deeggarsa mootummaa Ameerikaatin hojjataman daawwatte

Naatinaa’eel Fiixeetiin @NatieFit

Finfinnee, Adoolessa 27/2022 – Itoophiyaatti waamamtuun Imbaasii Ameerikaa Ambaasaaddar Tireesii An Jaakobsan magaalaa Adaamaatti daawwannaa taasifteetti. Daawwannaa ishee kanaan kantiibaa magaalaa Adaamaa Haayiluu Jaldee waliin ta’uun bakka bu’oota hawaasaa waliin marii kan taasisan yoo ta’u, invastimantiiwwan Ameerikaan bu’uuraalee misoomaa eegumsa fayyaa fi dargaggoota Oromiyaa gahoomsu irratti hojjachaa jirtu akka daawwatan Imbaasiin Ameerikaa beeksiseera.   

Ambaasaaddar Jaakobsan, haala hojii nageenya fi misooma naannichaa irratti qindoominaan hojjatamaa jiru itti fufsiisu danda’amu irratti kantiibaa magaalaa Adaamaa Haayiluu Jaldee waliin mari’achuunis ibsameera. Marii kanaan kantiibaan magaalaa Adaamaa waa’ee rakkoo fi carraa gaarii hawaasicha, naannoo Oromiyaa fi guutuu Itoophiyaa keessa jiru ilaalchisee ibsa godheera. Kana malees “Deeggarsa itti fufiinsa qabu mootummaan Ameerikaa magaalittiif godhu” ibsuun galateeffateera.  

Itti aansuun, laabraatoorii “Adama Regional Laboratory” jedhamu kan jiraattota miiliyoona 20 ol godinaalee bahaa Oromiyaa sagal, akkasumas hospitaalota 58 fi buufataalee fayyaa 700 tajaajilaa jiru daawwatameera. Laabraatooriin magaalaa Adaamaa keessatti argamu kun Itoophiyaa keessatti hordoffii dhibeewwan cimsu irratti akka qaama ijoo ta’eera jedhame. Ameerikaan karaa ‘Centers for Disease Control (CDC)’ fi ‘U.S. President’s Emergency Plan for AIDS Relief (PEPFAR)’ ijaarsa kanaaf deeggarsa dolaara miiliyoona 3 (birrii miiliyoona 157.7) akka taasifte ibsameera.   

Dhumarratti Ambaasaaddarittiin Koolleejjii Poolii Teekinikaa Adaamaatti proojektii dubartoota hedduu gahoomsu irratti hojjachaa jiru daawwateetti. Proojektiin kun dubartoota 82 gahumsa daldala bu’uuraa akka qabaatan kan gargaare yoo ta’u, Ambaasaaddar Jaakobsan dubartoota kunneen keessa muraasa isaani arguun deeggarsa meeshaalee akka goote ibsameera.   

Bara 2021 keessatti Ameerikaan deeggarsa maallaqaa gara biiliyoona 1.3tti dhiyaatu damee fayyaa, nageenya fi deeggarsa namoomaaf Itoophiyaaf oolu akka laatte kan ibse Imbaasichi, gara fuulduraafis mootummaa federaalaa fi naannolee waliin qindoominaan hojjachuu akka itti fuftu beeksiseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.