Naannoo Oromiyaatti sababa Hongeetiin beeladootni miliyoona 1.3 du’uun ibsame

Finfinnee – Hongee Naannoo Oromiyaatti mudateen beeladootni miliyoona 1.3 ta’an kanneen birrii biliyoona 26 olitti tilmaamaman du’uu isaanii Komishiiniin Hoggansa Sodaa Balaa naannichaa ibseera.

Komishiinichatti Daarektarri Akeekkachiisa Duraa fi Hir’ina Sodaa Balaa, Obbo Beenyaa Dureessaa akka himetti, Naannoo Oromiyaa Godinaalee 8 keessatti hongee muudateen beeladoota miliyoona 24 ta’an irra miidhaan qaqqabeera. Beeladootni miliyoona 1.3 ta’an kan birrii biiliyoona 26 olitti tilmaamaman ammoo du’aniiru.

Naannichatti roobni waqtii isaatiin roobuu dhaburraa kan ka’e Godinaalee 8 keessatti hongee cimaan akka muudatu taasisee kan jedhe obbo Beenyaan walii galaatti beeladootni miliyoona 14 hanqina nyaataa fi bishanitiin rakkoof saxilamuu, qorannoon adda ba’uu ibseera.

Beeladoota kanneeniif marga nyaataa dhiyeessuun qormata guddaa waan ta’eefis, horii, re’ootaa fi gaala irra rakkoon ga’aa jirus olaanaa akka ta’e himeera. Horii miidhaan irra ga’e keessaa dhibbeentaa 10 kan ta’aniif mootummaan deeggarsa nyaata horii taasisaa jirachuus obbo Beenyaan kan dubbate. Dabalataanis, Baalee Bahaa fi naannawa Gujiitti hongeen ammallee miidhaa cimaa geessisaa jirachuun himameera.

Roobni waqtii Bonaa dhufu kan itti fufu yoo ta’e miidhaan ga’u hir’achuu mala kan jedhe obbo Beenyaan, akka raagni qilleensa hanga yoonaa jiru agarsiisutti, haalli qilleensa Bahaa fi Kibba Bahaa Oromiyaa jiru gogaa ta’uu isaatin yaaddoo uumera jedhe.

Sababa hongichaatin hanga yoonaa horiin miiliyoona lama ta’an kufanii deeggarsa namaatiin lafa kan ka’anii fi socho’an ta’uu ibsuun, dhiibbaan hongeen kun diinagdee naannichaarras ta’ee akka biyyatti geessise olaanaa ta’uu obbo Beenyaa Dureessaa dubbateera.

Akka ibsa isaatti, sababa hongee kanaatiin, hanqinni nyaata namaa fi bishaanii akkasumas hanqinni nyaataa fi bishaan dhugaatii beeladootaa muudateera. Miidhaan sababa kanaan Baalee Bahaa fi Booranaatti qaqqabees olaanaadha. Deebii rakkoo muudateen walgitu kennuuf Mootummaan Naannoos mootummaa Federaalaa waliin qindaa’uun hojjataa jira. Hanga yoonattis, hirmaannaa mootummaa naannicha mootummaa federaalaa fi ummatatiin, dhaabbilee dhuunfaa fi deeggartootaa addaa addaa qindeessuun, lammilee hongeen miidhamaniif deeggarsi taasifamaa jira jedhame. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.