Oduu: Naannoo Amaaraa, magaalaa Gondaritti Haleellaa Sirna Awwaalcha Sheekii Irratti Qaqqabeen Yoo Xinnaate Lubbuu Namoota Sadii Darbe

Finfinnee – Naannoo Amaaraa, magaalaa Gondar keessatti namoota sirna awwaalcha Sheekii beekamaa naannichaa Sheek Kamaal Laggaas irratti argamani turan irratti haleellaa qaqqabeen yoo xinnaate lubbuun namoota sadi darbu gabaasaaleen achii bahan ni eeru. Gabaasaaleen hedduus haleellichi Masjidoota irratti kan xiyyeeffate akka ture eeraniiru.

“Lakkoofsa obboloota keenya Gondaritti ajjeefaman gara sadi ol guddateera. Yeroo ammaan kana Masjiidotni haleelamaa jiru, guyyaa ifatti manni saamamaa fi qabeenyi musliimaa barbadaa’aa jiraachuu jiraattota irraa dhageenyeerra. Naannichi mootummaan deebii ariifachiisaa yoo hin laannee ykn yoo mootummaan Federaalaa giddu hin seenu taanaan, salphaatti hin dhaabbatu,” jechuun hayyuun musliimaa beekamaa Ustaaz Badruu Huseen fuula feesbuukii isaa irratti barreesse.  

Hogganaan Biiroo Nageenyaa Naannoo Amaaraa, Dassaalany Xaasaw, waa’ee rakkoo nageenyaa kana miidiyaa naannichaaf mirkaneessuun, namootni gareedhaan jiran namoota awwaalchaaf sassaabaman mana amantaa Ortodoksii masjiida bukkee jiru irraa dhakaa guuraa jiru jechuun dhakaadhaan isaan haleeluu hime. “Walitti bu’iinsa namoota dhuunfaa giddu uumamee gara walitti bu’iinsa gareetti guddachuu agarsiiseera,” jedhe Dassaalany.  

Milishoota fi Poolisoota Naannichaa dabalatee humnootni nageenyaa hokkora kana too’achuuf yaalaa jiru, dargaggoota fi jaarsoliin biyyaa humnoota nageenya gargaaruuf yaalii gochaa jiru kan jedhe Dassaalany, humni nageenyaa haalicha to’achuuf gahumsa qaba jedhe. Haata’u malee namootni hokkora kana babal’isuuf “Yaalii gubuu” dabalatee yaalii guddaa godhan akka turan ibsuun, eenyummaa shakkamtoota hin eerre. 

Hayyoota fi sochii musliimaa hedduun waa’ee hokkoricha gabaasaa turan. “Magaalaa Gondar keessatti maaltu uumamaa jira? Godaannisa badaa kaleessa keessa dabarree osoo hin fayyiin godaannisa bara baraaf hin badne kaa’uun maaliif barbaachise?” jechuun fuula fesbuukii isaarratti kan barreesse Ustaaz Abubakar Ahimad, “Mootummaa Naannichaa, humnoota nageenyaa, abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa eessa jirtu? miidhaa gahaa jiru atattamaan dhaabsisuu qabdu” jedhe.  

Hogganaan Biiroo Nageenyaa Naannichaa garee maqaadhaan hin dhoofneetin “Gadditootatti dhakaa darbachuun” waliin jireenya amantaalee lamaan balleessuuf kan barbaadaniidha jechuun qeeqe. Dargaggeessi naannoo adda addaa irraa “Odeeffannoo sirri hin taane” itti kennuun gara hokkoratti akka makamuuf dhiibbaan dabalaa jiraachu dubbate. Yeroo amman kana humnoonni nageenyaa gara naannichatti bobba’aa jiru jedheera.

Bulchiinsi Magaalaa Gondar, uummata musliimaafis ta’e kiristaanaaf tajaajila yaala fayyaa aadaa fi ammayyaa dabalatee tajaajiloota hawaasummaa bilisaan laachuun maqaa gaarii kan qaban Sheek Kamaaliif kabaja laateera.  

Bulchiinsi magaalichaa Sheek Kamaaliin “Musliima fi Kiristaanaaf abbaadha” jechuun laliseera. “Keessattuu Kiristaanota biratti arjummaan beekamu.”

“Dhalatanii kan guddatan Gondaritti. Hayyoota habashaa irraa beekumsa baay’ee kan horatan yoo ta’u, abbaa isaani Sheek Laggaas bakka bu’uun yaalii fayyaa bilisa kennaa turan. Tajaajilli isaani amantaa irratti kan hundaa’e hin turre,” jedhe Biiroo Kominikeeshinii magaalicha. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.