Oduu: Haleellaa Gondaritti raawwatameen lakkoofsi namoota du’an 21 gahe, Manneen Maree Dhimmoota Islaamummaa Finfinnee, Amaaraa haqa gaafatan

Geetahun Tsaggaayeetiin @GetahunTsegay12 

Finfinnee – Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Finfinnee ibsa har’a ganama baaseen lakkoofsi namoota kaleessa Godaritti ajjeefaman gara 21 ol guddachuu fi haleellaan taasifame “Haleellaa itti karoorfame gaggeeffame” ta’uu ibse. Masjiidota fi Quraannii gubachuu fi dubartootni gudeedamu akkasumas qabeenyi musliimotaa barbadaa’u ibse.  

Haaluma wal fakkatuun Manni Maree Islaamummaa naannoo Amaaraa mootummaan naannichaa haleellaa musliimota fi qabeenya isaanii irratti taasifamu akka dhaabsisuu fi yakkamtoota seeratti akka dhiyeessu gaafate.

Waamichi kun kan dhiyaate erga namootni sirna awwaalcha Sheekii beekamaa naannichaa Sheek Kamaal Laggaas irratti argamani turan irratti haleellaan raawwatamee booda. Har’a magaala musliimotni Finfinnee Masjiida  Anwaaritti  haqa gaafachuuf hiriira gaggeessaniiru. 

Hogganaan Biiroo Nageenyaa Naannoo Amaaraa, Dassaalany Xaasaw, waa’ee rakkoo nageenyaa kana miidiyaa naannichaaf mirkaneessuun, namootni gareedhaan jiran namoota awwaalchaaf sassaabaman mana amantaa Ortodoksii masjiida bukkee jiru irraa dhakaa guuraa jiru jechuun dhakaadhaan isaan haleeluu hime. “Walitti bu’iinsa namoota dhuunfaa giddu uumamee gara walitti bu’iinsa gareetti guddachuu agarsiiseera,” jedhe Dassaalany.  

Mootummaan naannoo Amaaraa gama isaatiin “Walitti bu’insa uumameen lubbuun namootaa darbuun, qaamni miidhamuui fi qabeenyi barbadaa’un na gaddisiise jira. Maatii miidhamtootaaf jajjabina hawwa.” jedhe, lakkoofsa namoota miidhamanii osoo hin ibsin. “Finxaalessummaan bu’aan isaa lubbuu fi qabeenya barbadeessuu waan ta’eef Naannoon Amaaraa kana booda finxaalessummaa bifa kamiiyyuu baachuu hin qabu. Kanaaf tarkaanfiin seeraa barbaachisaa ta’e ni fudhatama.” jedhe. 

“Masjiidotni kan gubatan yoo ta’u qabeenyi guddaan oftultootaan barbadaa’eera. Kunis jibbiinsa Islaamummaa ifatti agarsiisa” jedha ibsi Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Finfinnee. Manni Marichi ibsa isaatin, gocha gara-jabummaa ‘Finxaaleeyyiin’ hawaasa musliimaa irratti raawwataa jiran dhaabsisu hin dandeenye jechuun mootummaa, miidiyaalee naannoo Amaaraa fi hoggantoota siyaasaa tokko tokko gaafatamaa taasiseera. “Sababa walitti bu’iinsa daangaatin yakka lubbuu musliimota 21 galaafate dabsuuf yaalii taasifamaa jiruun hawaasni musliimaa heddu gaddeera.” 

Manni Maricha, mootummaan hammina miidhaa qaqqabe ifatti akka ibsuufi yakkamtoota seeratti akka dhiyeessu gaafateera. Hawaasni musliimaa mara dhimmicha karaa nagaa qabeessa ta’een akka keessummeesu fi gara fuuladurattis haleellaan walfakkaatan akka hin mudanneef of eeggannoo akka taasisuus waamicha dhiyeesseera.   

Kana malees Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Finfinnee ibsa kaleessa galgala baaseen sagantaa Giddu gala islaama fi Masjiida ijaaruuf magaalaa finfinnee Kutaa bulchiinsa Lammii kuraa naannoo Ayaat jedhamutti lafa bulchiinsa magaalichaa irraa argametti ijaaruuf qabate haquu beeksise.  “Finxaaleyyiin caasaa kutaa magaalaa keessa jiran buru hokkora kaasuuf akka karoorfatan waajjira nageenyaa fi waajjira kantiibaa magaalaa finfinnee irraa odeeffannoo arganne” jechuun akeekkachiisa ibsichi. 

Manni Maree Dhimoota Islaamummaa Amaaraa gama isaatiin haleellaa kaleessa Gondaritti hawaasa musliimaarratti qaqqabe balaaleeffachuun ibsa baaseera. Fuulduratti haleellaawwan walfakkaatan ittisuuf tarsiimoo qopheessuun hawaasni musliimaa akka falmu akka taasisu beeksiseera. Dabalataan hawaasni musliimaa addunyaa maratti argaman karaa kamiinuu haleellicha akka balaaleeffatanii fi qaama furmaata gara fuuladuraa akka ta’an waamicha dhiyeesseera. Manni Marichi ibsa kanaan, abbootii amantaa biroos saamicha, dararaa fi rakkoo hawaasa musliimaarratti taasifamaa jiru isaan yaaddeessee haleellaa gaggeeffamaa jiru balaaleeffachuun hordoftoota isaani akka gorsan waamicha taasiseera. Ibsa kanaan waldhiibbaa ayyaanaa cuphaa irratti uumameen boodaa manni marichaa aanga’oota naannoo wajjiin marii gaggeessaniif xiyyeeffannoon keennamuu dhabuun hokkora kanaaf sababa ta’e jedhe. 

Waajjirri nageenyaa magaalaa Gondar kaleessa galgala hokkorri humnoota nageenyaa naannichaatiin dhaabachuu fi jiraattotni humnoota nageenyaa wajjiin ta’anii tasgabbii uumuuf hojjachaa akka turan ibse. “Humnoota nageenyaa waliin ta’uun magaalaa keenya kan tasgabbeessan jiraattota magaalichaa ni galateeffanna”kan jedhe bulchiinsi magaalichaa yakkamtoota seeratti dhiyeessuuf waadaa seene. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.