Gareen Qulqulleessaa Boordii Filannoo Daawud Ibsaa Hidhaa Manaa Keessa Turuu Mirkaneesse: Boordiin Filannoo Akka Hiikamu Gaafate

Hayyu Duree ABO Daawud Ibsaa

Finfinnee, Bitootessa 4/2022-Boordiin Filannoo Biyyooleessaa Xalayaa har’a baaseen gareen qulqulleessaa boodrichaan ergame Hayyu Dureen Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) hidhaa manaa keessa akka jiru mirkaneesse. Boordiin Filannoo Komishinii Poolisii Federaalaa fi Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyooleessaa hatattamaan akka hiikan gaafate. 

Boordiin Filannoo paartilee galmaa’anii socho’an akka hordofu eere xalayichi. Komii baartileen garaagaraa dhiyeessan qulqulleessuf  gareewwan iyyannoo paartilee siyaasaa kunneen qulqulleessan  Naannoolee Oromiyaa, Beenishaangul Gumuz,  Sabaaf Sablammoota fi Uummattoota Kibbaa, Amaaraa, Kibba Dhihaa fi Sidaamaatti akkasumas bulchiinsa magaalaa Finfinneetti hundeessu hime. Gareewwan kunneenis  paartii biyya bulchaa jiru irraa nama tokko, boordii filannoo biyyaaleessaa irra nama lama, akkasumas paartilee komii dhiyeeffatan irraa nama tokko tokko miseensummaan qabaate akka hundeeffaman ibseera.

Adeemsa qulqulleessu kana keessatti gareen gara Oromiyaatti bobbaafame iyyannoo Hayyuu Dureen Adda Bilisummaa Oromoo Daawud Ibsaa Ebla 10/2021 irraa kaasee manaa akka hin bane godhamanii hidhaa dhaabbiirra akka jiran qaqqabe. Xalayaan Addis Standard ilaale kan ABO’n Caamsaa 4/2021 Boordii Filannoof barreesse manni Dawud Ibsa humnoota hidhataniin qabamuu fi hayyu dureen dhaabichaa reebamuu ibsuun boordichi akka hordofu gaafata. 

Haa ta’u malee boordiin filannoo dhimma kana qulqulleeffachuuf miseensota garee kanaa Gurraandhala 28/2022 guyyaa sa’aatii 10 irratti gara mana jireenya isaanii dhaqanii akka adda baafatan godhamu eerameera.

Miseensonni garee qulqulleessituu garas dhaqan iyyannoon dhiyaate sirrii akka ta’eefi manni jireenya isaani humnoota nageenyaan eegamaa akka jiru mirkaneessu boordichi xalayaa ergee kanaan ibseera.

Miseensonni garee kanaa yeroo mana jireenya hayyuu durichaa gahanii balbala rukutan kan balbala isaaniif bane hojjettoota nageenyaa uffata idilee uffatan akka tahan, namni tokkoyyuu seenuu akka hin dandeenye ibsanii, seenanii akka ilaalaniif dursa eeyyamni gaafatamu waan qabuuf eessarraa akka dhufaniifi maaliif akka dhufan gaafachuu isaani fi dhumarratti erga sakatta’amanii booda bilbila harkaa isaani alatti dhiisanii akka argatan isaanif eeyyamameera jedha xalayaan boordichaa.

Miseensonni garee qulqulleessituu kanaa marii  Daawud Ibsaa waliin taasisaniin,  Daawud Ebla 10, 2021 irraa kaasee manaa akka hin baanee humnoota hidhatan mana isaanitti ramadamaniin dhorkamu hubataniiru kan jedhe boordichi,  Daawud mirga socho’uu isaanii daangeeffame akka jiru hubachuu ibseera.

Kanaaf, anga’aan olaanaa paartii siyaasaa kana hidhaa dhaabbii adeemsa seeraa kamiinuu fudhatama hin qabne kana hatattamaan irraa ka’u qaba waan ta’eef dhaabbileen kunniin [Komishinii Poolisii Federaalaa fi Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyooleessaa] eegumsa ramadame kaasanii mirga socho’u isaanii kabajuun boordichaaf akka ibsan hubachiiseera.

ABO’n yeroo garaa garaatti Dawud ibsaa ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaan booda hojii isaa idilee irraa ugguramuu beeksisee ture. Mana jireenyaa isaatti maatii fi miseensotni dhaabichaa qunnamuu danda’u ture. Haa ta’u malee erga paartichi murtee shororkeessummaan ramadamuu ABUT fi WBO(Kan mootummaan shanee jedhee waamu) mormee booda, Caamsaa 2021 manni jireenyaa hayyu duree Adda Bilisummaa Oromoo humnoota mootummaatiin marfame. ABO’n “Jechi shanee jedhu sirna Gadaa,keessatti akkasumas  sirna ittiin bulmaata Oromoo fi Aadaa Oromoo keessatti  ulfoodha” jedhe.  Waxabajjii 15, Aministii Intarnaashinaaliin xalayaa Ministira Nagaa Mufariyaat Kamiili barreesseen Daawud akka hiikamu gaafatee ture.

Hidhamuu Hoggantoota ABO

Guraandhala 9/2022- Manni murtii Waliigalaa Federaalaa galmee Koloneel Gammachuu Ayyaana fi kanneen biroo afur akka cufamu murteesse. Murtiin kun kan murtaa’e erga abukaattootni hidhamtootaa sarbiinsi mirga namoomaa hidhamtoota irra gahera, kana malees poolisii fi abbaan alaangaa ajaja mana murtii hin kabajan jechuun himata dhiyeessani booda. Himatamtoota galmee kana jala jiran keessa namni sadi mana murtiitti dhiyaatanii jiru, garuu namootni lamaan hafan eessa akka jiran hin beekamu jechuun abukaatton isaanii Milkiyaas Bulchaa Addis Standarditti hime.

Sadaasa darbe Abbaan Alangaa, galmee Gammachuu Ayyaanaa fi kanneen biroo 13, himata manni murtii bilisa isaan baasee ture irratti ol iyyannoo ji’a ja’a booda gaafate. Ol iyyannoon Abbaa Alangaa murtii manni murtii Olaanaa Federaalaa ragaalee abbaa alangaa haasaa bilbilaa waraabame labsii 1176/2012 bu’uureffatee kufaa taasise mormee dhiyyeffate.

Abbaan Alangaa labsii kun erga himatamaan shororkeessummaan himatame booda waan labsameef manni murtii ragaalee abbaa alangaa akka fudhatu gaafate. Kana malees ragaalee namaa godinaalee Wallaggaa Bahaa fi Lixaa jiraatan sababa rakkoo nageenyaatiif dhihachuu waan hin dandeenyeef murteen himatamtoota bilisa taasise akka kufuu fi ragaan haasaa bilbilaan waraabame akka fudhatamu gaafate.

Beellamoota itti aananitti abukaattotni sarbiinsa mirga namoomaa himatootaa irra gahe ilaachisuun mana murtiitiif himata dhiyeessanii jedha Milkiyaas. Seeraan ala hidhamuu akkasumas mana murtiitin erga hiikamanii deebi’anii hidhamuun himatamoota irra gahe jira.

Dabalataanis abukaattotni himatamtootaa adeemsa abbaan alangaa fi poolisiin, maamila isaanii ji’a ja’aa oliif ajaja mana murtii diduun hidhaa keessa tursan irratti gaaffii qaban dhiyeessaniru. Abukaattotni Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa dhiitta mirga namoomaa himatmtoota irra gahaa ture dhaabsisuu dadhabuun itti gafatammummaa isaa bahachuu dadhabe jechuun himatan. “Maamilootni keenya akka bilisa ta’an gaafanna. Maamilootni keenya seeran ala hidhamuu qofa osoo hin taanee abukaattota isaanii waliin akka wal hin argine dhorkamaniiru.”

Abukaattotni hidhamtootaa maamilootni isaani hiikamanii himata isaanii ala taa’anii akka hordofan gaafatamuu kan dubbate Milkiyaas walabummaa mana murtii irraa shakkii qabu ibse. Gareen abukaattoo qamoleen sirna haqaa keessa jiran hundi Abbaa Alanagaa irraa kaasee hanga Poolisii Federaalaatti seera yakkaa akkasumas seera hariiroo hawaasatiin akka gaafataman himan.

Abbootiin seeraa ol iyyannoo Abbaa Alangaa ugguruun himata sarbama mirga namoomaatiif Abbaan Alangaa ibsa akka kennuu gaafate. Haa ta’u malee manni murtii “Himatamtoota eenyu akka hidhe waan hin beekamneef” himatamtootni mana hidhaa akka turan murteesse jedha Milkiyaas.“Manni murtii eenyu akka himatamtoota hidhe wallaaluun isaa nama dhiba. Komii keenya koree bulchiinsa abbootii seeraatti ni dhiyeeffanna.”jedha Milkiyaas. Dabaluunis, “Maamilootni keenya, manneen hidhaa seeraan alaa dabalatee manneen hidhaa hedduutti geeffamanii jiru, amma garuu waajjira Poolisii Federaalaatti hidhamanii jiru. Abbootiin seeraa maamiloota keenya maaliif akka hin hiikiin hin beeknu.”jedhe.

Abbootiin murtii beellamas ta’ee yeroo abbaan alangaa qorannoo sarbama mirga namoomaa itti dhiyeessuu hin ibsine jedhe Milkiyaas. Dabaluunis “Adeemsi kun seera biyyattiis ta’ee kan idil addunyaa kan cabse fi adabbii naamusaa kan qabu.” Abukaattotni maamiloota waliin erga mari’atanii booda ol iyyannoo koree bulchiinsa abbotii seeraatti yookan Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha Ijibbaatatti ni dhiyyessina jedha. Oolmaa mana murtii booda himatamtootni mana hidhaa Poolisii Federaalaatti iddoo ji’oota darbaniif itti hidhamanitti deebifamanii jiru.

Adeemsi mana murtii, himatamtoota galmee koloneel Gammachuu Ayyaanaa jala jiranii, mana murtii irraa hafuu abbootii seeraa dabalatee bu’aa ba’iin kan guutame ture. Beellamootni baay’een dabarfamanii jiru. Koloneel Gammachuun Sadaasa 29/2021 mana murtiitti yeroo dhiyaatu abukaattoon isaanii quba akka hin qabne maatiin isaa Addis Standarditti himanii turan.

Beellama Mudde 16/2021 fi 17/2021 irratti Poolisiin koloneel Gammachuu hin dhiyeessine. Mudde 29/2021 beellama mana murtii Waliigalaa Federaalaa Caffee Araaraatti kan dhiyaatan Koloneel Gammachuu Amajji 10/2022 beellamaman.

Qondaalli ABO Koloneel Gammachuu Ayyaanaa ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa booda Dilbata Adooleessa 4,2020 yeroo lammaffaaf hidhame himanni shororkeessummaa irratti baname. Erga hidhamee adeemsa mana murtii wal xaxaa keessa kan darbee fi yeroo baay’ee mana murtiitin hiikamus deebi’ee hidhamuun manneen hidhaa seeraan alaa dabalatee manneen hidhaa seera qabeessa keessatti ji’oota 18 tiif hidhamee jira jedha Milkiyaas. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.