Pirezidaantii Kaawunsilii Mirga Namoomaa Mootummoota Gamtoomanii, Abbaa Alangaa ICC duraaniin Itoophiyaatti hoggantuu Komishinii ogeessota Mirga Namoomaa Idil addunyaa godhanii muudan

Faatuu Bensoodaa

Faatuu Bensoodaa (lammii Gaambiyaa), Kaarii Beetii (lammii Keeniyaa) fi Isteevan Raatinar (USA) miseensota sadii Komishinii Ga’eessota Mirga Namoomaa Idil addunyaa ta’uun akka muudaman Pirezidaantii Kaawunsilii Mirga Namoomaa, Ambaasaaddar Federikoo Vilagaas kaleessa beeksisaniiru. Faatuun hooggantuu Komishinii miseensota sadi qabu kana akka ta’an muudamaniiru.

Akkaataa murtee S-33/1 Muddee 17 bara 2021 baheen, Kaawunsiliin Mirga Namoomaa, himannaa sarbiinsa mirga namoomaa idil addunyaa fi seera namoomaafi godaantota Itoophiyaa, Sadaasa 3 bara 2020 booda  qaamolee hundaanuu raawwataman irratti qorannoo walabaa akka gaggeessuuf  komishinii mirgoota namoomaa Pirezdaantii Kaawunsilii Mirgoota Namoomaan muudamu akka hundeeffamu murteesseera.

Komishiniin miseensota sadi kun, “Himannaawwan sarbiinsa kana ilaalchisee dhugaa qabeessummaa odeeffannoo argaman akka mirkaneessu, ragaa akka  sassaabu, kanneen itti gaafatamu qaban akka adda baasu, akkasumas odeeffannoo argaman kana adeemsa itti gaafatamummaa amma adeemaa jiru fi gara fuula-duratti gaggeeffamu irratti akka gargaaran akka taasisu,” qajeelfamni kennameefi jira.

Murteen kun,  qaamni miseensota 47 qabu, gabaasa waajjira Komishinara Ol’aanaa Mirga Namoomaa fi Koimishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa irratti hundaa’un  itti gaafatamummaa fi araara fiduuf mootummaa Itoophiyaatiif gorsa akkasumas deeggarsa teeknikaa akka dhiyeessu ajajeera.

Komishinaroonni kunneen dandeettii mataa isaanin kan tajaajilan yoo ta’u, yaa’ii Kaawunsilii Mirga Namoomaa 50ffaa Waxabajjii/Adoolessa bara 2022 irratti ibsa afaanii, akkasumas yaa’ii 51ffaa Fulbaana/Onkololeessa 2022,  gaggeeffamu irratti gabaasa barreeffamaa akka dhiyeessan gaafatamaniiru. 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.