Xiinxala: Gujii, Booranaa Dhukkubni Garaa Kaasaa Dararaa Jira; Aanga’ootni Mootummaa Keemikaalli, Qorichi Hanqate Jedhu

Suuraa: OBN

Darajjee Gonfaa tiin @DerejeGonfa

Finfinnee, Dhibeen garaa kaasaa bifa weeraraatiin ka’ee, namoota hedduu irraan rakkoo hammataa geessisaa jira jechuun jiraattotni godina Gujii, Gujii Lixaa  fi Booranaa Addis standarditti  himan. Bishaan Bootteedhaan dhiyaatu qulqulleessuuf hanqina keemikaala fi qorichaa muudateen hawaasni dhibee garaa kaasaaf saaxilamuu dubbatu aanga’ootni mootummaa. 

Hongeen Itoophiyaa gara namoota miliyoona 7 beelaaf saaxile, godinaaleen Guujii fi Booranaa keessatii daran hammateea uummata godinicha hanqina nyaata fi bishaanitii saaxilee jira. Hongee kana hordofee rakkoon gama fayyaatin dhufu keessumaa, weerarri fayyaa hawasichaa rakkoo keessa galchu akka hin muudanneef, Ministeerri Fayyaa fi Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasa Itoophiyaa, waajjiraalee naannolee waliin ta’uun qorannoo ariifachiisaa gaggeessuudhan deebii kennuu irratti hojataa jiraa jedhe Ministeerri Fayyaa. 

Jiraataan Godina Gujii Magaalaa Nageelle Boraanaa, Boruu Dullachaa akka jedhutti maatiin isaa afur dhukkuba garaa kaasaan dhibamanii wal’aansarra jiru. “Gujii keessatti rakkoon hongeen geessifte kan lakkofsa qabuu miti, hamma hanga lubbu keenyatti ga’eera. Deeggarsi  qaama dhimmi ilaallatu biraa dhabamuun ammoo caalatti rakkoo  hammeessa jira” jedha.

Akka Boruun jedhutti, balfi beeladoota dhumanii dirree irratti hafee foolii badaa fi faalama bishaanii uumuun rakkoo fayyaa hammataaf jirattota saaxileera. “Botteen asiin dura bishaan deddeebisaa turellee rakkoo nageenyaaf jedhee hojichicha adda kutera. Bakkawwaan heddutti konkolaataanis ta’ee baajaajiin hin socho’u. Namni  yoo dhukkubichaan qabamu gaarii harreetiin fe’amee gara dhaabbilee fayyaatti geeffamaa jira. Gujii keessatti dhimma fayyaa namni quba qabu hin jiru, iyyannee deebi dhabne” jedha.

Itti dabaluunis, “Gandoota baadiyyaa keessatti namuu kan rakkatuu bishanuma argate dhuga, silaa  waantootni bishaan ittin qulqulleessan jiraatee hanga kana miidhaf hin saaxilamnu.  Amma  namni guyyuma guyyaan mana yaalatti guuramaa jira. Keessumaa daa’imman hedduun dhukkuaba kanaaf saaxilamaniiru,  waan kana irratti  furmaata hatattamaa barbaanna” jedhe.

Jiraataan godina Gujii Lixaa magaalaa Bulee Horaa  Gumii Godaanaas, yaada Boruun wal fakkaatu kan eere yoo ta’u naannawa baadiyyatti rakkoon yeroodha gara yerootti hammaataa akka jiru eera. “Horii qara du’an, kan tortoree kan balfa ta’e,  akkasumas  horiin dhukkubaan du’anillee jiru kun hundi lolaan yoo madda bishaanitti haramu bishaan ni faalee. Jirattootni  ammoo bishaan kanaan ala waan hin qabneef bishaanichatti yeroo fayyadaman dhukkubni kun aanaalee baayyee keessatti muudate.” jedhe 

Komii gargaarsa fi qoricha dhabuu jiraattotaas, “Amma rakkoon akka malee saffisaan dabalaa jira, daa’immanii fi dubartootni hedduun mana yaalaatti guuramaa jiru. Garuu yaaliin bishaan qoricha addaa addaan wal’aanuu godhame tokkollee hin jiru. Yeroo  beelli ummata ajjesaa jirus amma gaafa dhukkubni ajjeesaa jirus callisanii ilaaluun hanga yoomitti kan jedhu komii guddoo qabna.” jechuun ibse. 

Guyyoo Xullee jiraataa godina Booranaa aanaa waacillee ammoo rakkoon bishaan dhugaati fi hanqinni nyaataa amallee aanichatti du’aatif sababoota ta’uu dubbata.  “Bokkaa xiqqaa tokkotu guyyaa tokko roobee lolaa uumuun balfa beeladootaa dhumanii  madda bishaanitti naqee, filannoo biraa waan hin qabneef namuu sanuma dhugaa jira. Botteenillee bishaanumaa faalame waraabee namaaf fida.  Bokkaan sunillee kanuma guyya tokkoti malee kan lafa jisee marga magarsu hin turree. Rakkoon  sun amma bifa jijjiratee guyyaa guyyaan namni mana yaalaatti dabareef wal dhiphisaa jira.” jechuun akkataa dhukkubni sun itti eegale ibsa.

Qindeessaan deeggarsa dhaabbilee fayyaa Aanaa Waacillee  Boruu Bulee akka jedhutti “Aanichaa keessatti namootni dhibee gara kaasaa dhiigaan wal makaatin qabamuun gara buufataalee fayyaa dhufan guyyaa guyyaan dabalaa jira. Asiin  dura torbanitti namni tokko ykn lama hin caalle dhufu amma guyyaan gara nama 70 tu dhufaa jira. Qoricha waggatti ummataaf ga’a jedhamee, amma fixannee jirra. Dhibeen sun humna ogeessota fayyaati ol ta’uu baatus, garuu hanqinni  qorichaa muudachuun namoota kana booda rakkoo kanaaf saaxilan lubbuu gaaga’uu danda’a.” jedhe

Namootni dhukkuba garaa kaasaan lubbuu dhabuu kan ibse boruun, “Namootni asiin dura dafanii gara mana yaalaa hin dhaqne kan sababa kanaan du’anillee jiru. yoo yaala hin argatin garaa kaasaan nama ajjeesuu danda’a kanaaf mootummaa fi dhabbileen deeggartootaa kessumaa dhimmaa dhiyeessi qorichaa fi qulqulleessituu bishaani irratti tumsa akka nuuf taasisan gaafanna” jedhe.

Hoji gaggessaan Hospitaala waliigalaa Yaabeelloo Areeroo Bikichaa gama isaatiin namootni dhibee garaa kaasatiin qabanii yaalli isaanii humna buufataalee fayyaati ol ta’e gara hospitaalicha akka dhufan Addis Standarditti himeera.  “Haa ta’uu malee kanneen dhibee garaa kaasatin qabaman caalaa kanneen hanqina nyaatatiif saaxilamantu baay’inaan hospitaalichatti wal’aanamaa jira.” jedhe.

Yeroo hanqinni nyaataa muudutu dandeettin dhukkuba ofirraa ittisuu ni xiqqaata, dabalataanis beniinsota du’an rakkoon gama fayyaa cimaa geessisa jira waan ta’eef namootni dhukkuboota adda addaaf salphumatti  saxilamuun gara hospotaalicha dhufan baay’inaa dabalaa jiraachu eerera. 

Hongeen tajaajila hoospitaalichi kennu irratti dhiibbaa akka fide, “Kanaan wal qabatees rakkoon hanqina qorichaa muudateera, kan dhiyaata jiru jira garuu ga’aa miti. Nama hanqina nyaataatin as ciisu nyaata qofa hin kennamuuf qorichoota dandamachiisu heddu kennita kaan isaani  ammoo guyyaa dheeras turu hangi qorichaa jiruu fi namoota dhukkubsatanii dhufanii wal hin gitu.  Hojiin  hospitaalicha inni  guddaan rakkoo gama  hongeen wal qabatee dhufu irratti erga ta’ee bubbuleera.” jechuun ibse.

Akka Areeroo jedhutti hospitaalichatti qofa daa’imman sababa hanqina nyaataatiin miidhamanii yaalamaa jiran 54 ol  ta’u. Kana malees dubartootni fi manguddootni rakkinaaf caalatti warra saaxilaman keessatti argamu.Kanneen rakkoo kanaan lubbuun darbanis jiru. 

Kannafuu qaamoleen dhimmi kun ilaalatu furmaata waaraa akka taasisan gaafanna, namni hanqinni nyaataa muudate dhukkuba dandamachuu hin danda’u, gara kaasaan muudatee  kunis wal’aansa hin arganne taanaan yeroo gabaabaa keessatti lubbuu namaa baasaa waan ta’eef utuu hin babala’atin xiyyeeffannoo guddaa barbaadas jedheera.

Hongee mudate kana hordofee hanqina bishaanii irraa kan ka’e,  bishaan faalamaa fayyadamu hawaasichaa dabaluun, lakkoofsi namoota dhibee garaa kaasaa  fi dhibeewwan wal qabataniif saaxilamanii daraan dabaluu kan himan Itti gaafatamaa itti aanaan waኣjjira fayyaa Godina Booranaa Moluu Dimaa  “sadarkaa weerara jedhamurra hin geenye” jedhe.

Dhibee garaa kaasaa dhigaan makaa kun  aanaalee akka Areeroo, Diilloo,Waacilee, Dirree, Miyoo, Taltallee fi kannen biroo keessatti bal’inaan  mul’ate akka jirus himaniiru. “Haa ta’uu malee hanqinni dhiyeessii qorichaa fi Keemikaalota bishaan qulqulleesanii irraan kan ka’e rakkoon  hammataa jira.” jedhe. Dhibee kanaaf sababa kan ta’e balfi, rakkoo daran akka hin hammeessineef  hawaasa kaakasnee beeladootni dhuman akka bolli qotamee awwalaman taasisaa jirra jedhe Moluun. 

Dhibeen kun babal’achaa  deemuu akka danda’u sodaa qabu, “Hongeen haala amma jiruun yoo itti fufe lakkoofsi namoota dhibee garaa kaasaa fi wal qabatoo ta’anii dabaluu waan danda’uf dhiyeesiin qorichaa fi keemikaalaa xiyyeeffanaa akka kennamu jila sanaaf ibsinee isaanis yeroo gabaabatti akka nuuf dhiyeessan waadaa galaniiru.”jechuun ibse Moluun.

Hogganaan Itti aanaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Abarraa Botoree babal’inni dhibee kanaa sababa qulqullina bishaaniitiin ta’uu fi tibba kana haalaan dabalaa jiraachuu gabaasni yeroo yeroodhaan biiroon isaanii fudhatuu akka agarsiisu himaniiru. Iddoowwan hedduutti bishaan dhugaaatii Bootteedhaan dhihaataa jiraatus bishaan dhihaatu kana qulqulleessuuf hanqinni keemikaalaa akka mudates jedhu.  “Haa ta’uu malee , dhukkubni kun hamma duriitirraa dabale jechuudha malee akka weeraraatti kan ka’e miti,” jedhan.

“Iddoowwan sababa hanqina roobaatiin hongeen mudateen booda dhibeewwan akka kanaa muudachuu akka danda’an dursamee waan shakkamuuf lubbuu namaarra miidhaan akka hin geenyeefis xiyyeeffannoon hojjatamaa jira” jedhe, namoota sababa kanaan du’an jedhamanis haaleera.

Tibba Kana jilli Ministira Fayyaa Liyaa Taaddasaa durfamu  kan bakka bu’oota Dhabbata Fayyaa Addunyaa, Dhaabbata Nyaata fi Qonnaa Addunyaa Itoophiyaa fi UNICEF Itoophiyaaof keessaa qabu Gurraandhala 22, godina Booranaatti tajaajila wal’aansa namoota hanqina nyaataa fi to’annoo dhibee hanqina  qulqullina bishaan dhugaatiin dhufu irratti keennamaa jiruu fi kutaalee hawaasa hongeen miidhaman daawwachuu Ministeerri fayyaa kan ibsee ture.

“Daawwannicha irrattis jiillichi dhimma deeggarsa ariifachiisaa fi itti fufiinsa qabu  irratti hooggansa godinichaa  waliin marii taasisuun,  meeshaalee wal’aansa dhukkuba tasaa wal’aanuuf oolu meetirik toonii 31 ol ta’u Dhaabbata Fayyaa Addunyaa irraa fuudhaniiru,” jette Liyaan. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.