Paartiin Badhaadhinaa Yaa’ii Waliigalaa Jalqabaa Gaggeessufi

Paartiin biyya bulchu walgahii Waliigalaa jalqabaa gaggeessuf qophii xummureera jedhe. Walgahichi magaalaa Finfinneetti mata duree “Qormaatarraa gara badhaadhinaa ” ni gaggeeffama. 

Walgahiin kun Bitooteessa 02-04 bara 2014 gaggeeffama. Akka ibsa paartichi waajjira muummeetti kenne jedhutti paartichi miseensota miliyoona 11 qaba. Walgahiin walii galaa gaggeeffamuun dura miseensotni konfirensii ni gaggeessus ibsame. Yaa’icharratti miseensonni sagaleedhaan hirmaatan 1,600 sagalee malee ammoo keessummoonni 400 ni hirmaatu jedhameera. Kana malees paartileen siyaasaa obbolaa ta’an 41 biyyoota 38 irraa affeeraman ni hirmaatu jedhameera.

Ibsicha kan kenne barreessaa olaana Adam Faaraah Kaayyoon,  yaa’ichaatiis dhimmoota siyaasaa, diinagdee fi dhimmota hawaasummaa irratti murtii ni dabarsa akkasumas sagalee uummataa seera fi itti gaafatamummaan akka itti fayyadamu ni argisiisa jedhe. Torban darbe paartichi walgahii koree hoji raawwachiistuu fi koree giddu galeessaa gaggeessee ture. 

ADWUI kan bakka bu’e paartiin badhaadhinaa ragaa galmee boordii filannoo irraa argatee jira. Filannoo darbe irratti hirmaate kan moo’e  paartichi walgahii waliigalaa kan seerri biyyattii gaafatu osoo hin gaggeessin ture. 

Guraandhala 26/2022 Bordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Paartii biyya bulchu dabalatee paartileen 26 ji’a tokko keessatti walgahii waliigalaa akka gaggeessan beeksisee ture.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.