Heeruma Umurii Malee Jalaa Bahuuf Cimina Gaafata, Sa’aadan Jalaa Baatee Jirti

Suuraa: UNICEF Itoophiyaa/2022/Naahom Tasfaaye

Cabsaan sirna fuudhaaf eerumaa naannawa Baaletti gareen warra dhiiraa warra dubaraa dhaquun intala isaanii akka itti heerumsisaan gaafataniidha. Shamarraan kanneen heerumsiisuu fi dhiisuu kan maatii irratti hundaa’aa waan ta’eef baarsiifataa akkasii kana keessatti shamarraan kunneen umurii isaanii kichuutti barnoota addaan kutanii heerumuun ala filannoo biraa hin qaban.

Shamarree wagaa 16 kan taate Sa’aada Sultan Mustafaa, waayita  isheen mana barnootaa Gabaa Qeekutti  Kutaa 5ffaa barattu kan muudates kanuma ture. Dargaggoonni  fi namootni gara maatii  Sa’aada dhaquun akka itti heerumsiisaan gaafatan. Akka barsiifata naannawa sanitti abbaan ishees lakkii jechuu waan hin dandeenyeef, saadaa itti heerumsiisuuf irratti walii gale.

Akka carraa ta’ee, barsiisaa Sa’aada fi  Daayirekteera mana barumsichaa Mohaammed Abdul-Raahim,Sa’aada daree keessaa gaafa dhabu qorachuu eegale. Barattoota muraasa gumii shamarranii ta’an gara Sa’aadan jirtutti erguun dhimma ishee akka gaafatanii fi mana barnootatti deebi’uuf fedhii qabaachuu ishee akka qulqulleessan taasise.

Waayita hiriyyoonni ishee bira dhaqanis, gaa’ila sana akka itti fufu hin barbaannee fi fedhiin ishees barnootatti deebi’uu akka ta’e ibsiteef, Mannni barnootaas, gumii shamarranii waliin ta’uun, miseensota Abba Gadaa, jaarsolee biyyaa fi bulchiinsa naannichaa waliin ta’uun Saadaan heeruma dirqiin itti galte keessa akka bilisa baatuu gochuuf sochiin eegalame.

Manni barnootichaas qormaata ishee jala darbe kan simesteera lammaffaa gara kutaa 6tti ishee dabarsu akka qoramtu haala miijesseef.Haa ta’uu male Manni barnootichaas ta’ee miseensonni abbootii gadaa Saadaa mana barnootatti deebisuun dura Saadaa fi maatii gidduutti walitti bu’iinsi akka hin uumamneef gorsa walitti fufiinsa qabu keenuufitu irra ture

“Utuun gaa’ila dirqiin heerumsiifame kanan keessa turee, silaa ulfaa’ee  barnoota kootti deebi’uu hin danda’uun ture.  Akkan waan kana keessaa ba’uuf namootnis akka na deeggaran kan taasisan barsiisaa koo Mohammed Abdul-Rahim baay’een galateeffadha.” jetti Sa’aadan.

Amma miseensa Gumii Shamarranii mana barnootichaa taatee hojiiwwaan hubannoo hawaasaa cimsuu addaa adda irratti hirmaataa jirtii. Shamarraan umurii malee heerumsifamanii fi rakkoo addaa addatiif saaxilaman akkasumaas maatiif muuxannoo ishii irraa ka’uun gorsaa hubannoo adda addaa kennaafii jirti.

Koreen miseensota Abbootii gadaa hawaasicha keessatti hedduu kabajamanii fi fudhatamummaa qaban manneen barnootaa fi aanga’oota naannawa sanii waliin ta’uun barmaatilee boodetti hafaa hawaasa rakkoof saaxilan akka Cabsaa akka hafu hubannoo kennaa jiru.

Haa ta’uu malee ammas sochiin kun laafaa ta’uu isaatiin barmaatilee miidhaa qaban kanneen jala hawaasa baraaruu waan hin dandeenyeef hirmaannnaa fi kaka’uumsa ummataa cimsuu irratti ciminaan  hojjatamuu barbaachisa.

Manneen Barnootaa keessatti Gumiin akka Shamarranii Motummaa fi dhaabbata gargaarsa Daa’immaanii UNICEF walii ta’uun gochicha dhaabsisuuf carraaqqi taasisaa jiru. Gumiiwwaan Manneen Barnootaa wal-ta’iinsa bakka buutota aanga’oota naannoo fi Abbootii Gadaa waliin ta’uun waltajjiiwwaan hubannoo qopheessuun keessumaaa heeruma umurii malee fi kittannaa dubaraa irratti  kutaalee hawaasaa adda addaa waliin marii taasisaa jiru. Miseensootni gumii kanneenis deeggarsa hiriyaa fi namoota rakkoo akkasiin miidhaman gara mana barnootaatti deebisuu irratti waliin hojjataa jiru.

UNICEF sochii Koreen Abbootii Gadaa, Gumiin manneen barnootaa fi  aanga’oonni naannoo hubannoo hawaasaa gama kanaan cimsuufi  Shamarraan akka Sa’aada rakkoof saaxilaman baraaruuf hojjataman irratti deeggarsa mallaqaa fi  tekinikaa taasisaa jira.

Sa’adan amma Gaa’ila dirqamaan itti galte sana adda kuttee barnoota ishee itti fufu isheetiif hedduu gammadde. “Barattootni barnoota isaanii dhiibbaa tokko malee itti fufuun, mula’ata isaanii akka milkeessan deeggaruuf barsiisaa ta’uun barbaada” jetti Sa’aadaan.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.