Battee Urgeessaa Dhibee Tiruun Qabamee Wal’aansa Dhorkame

Battee Urgeessaa, Itti gaafatamaa Sab-qunnamtii ABO

Finfinnee, Bitoteessa 5/2022- Itti gaafatamaa Sab-qunnamtii ABO  Battee Urgeessaa dhibee tiruu(Hepitis B) qabamuus tajaajila wal’aansa akka hin arganne dhorkamu isaa odeeffannoon maddeen maatiisaaf dhiyeenya qaban irraa argame ni ibsa. 

Pirezidaantiin Waldaa Maccaafi Tuulamaa,  Dirribii Dammisee, Batteen dhibee tiruun akka qabamee fi Poolisiin wal’aansa akka hin arganne dhorkuu Addis Standarditti  himaniiru. 

Baatii darbe  keessa hoggantootni Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) hidhaa seeraan alaa mormuun lagannaa nyaataa eegalan, kan akka Mikaa’el Booran, Kennasaa Ayyaanaa, Daawit Abdataa, Lammii Beenyaa, Gadaa Gabbisaa fi Itti gaafatamaan Sab-qunnamtii ABO Battee Urgeessaa dadhabanii gara hoospitaalaa geeffamanii turan.

Dirribiin itti dabaluun, “Dhibee tiruun kan qabame Batteen ammallee haalli dhibamusaa kan mul’atu yoo ta’u, dhibbaa dhiigaa fi dhibee sukkaaraan dhibamaa kan jiru Kennasaa fi kanneen gara Hospitaalaa geeffaman biroo wayyaa’a jiru” jedhan.

Ji’a Guraandhala keessa, Dirribiin ogeeyyiin fayyaa “Nyaata nyaachuu waan hin dandeenyeef dura gulukoosiin wallaanamuu qabu” akka jedhan dubbatanii turan. Itti gaafatamaan Sabqunnamtii Yeroo ABO Lammii Gammachuu, ogeeyyiin fayyaa Hoospitaala Poolisii jiran hoggantootni kunneen waan dadhabaniif itti gaafatamummaa hin fudhannu jechuun osoo hin wallaanin deebisanii jedhe. “Ganama har’aa poolisiin Oromiyaa deebisee hoospitaala fide.” jedhe Lammiin. Dabaluunis “Abukaattoon isaani fi maatii akka hin ilaalleef dhorkamanii jiru.” jechuun Addis Standarditti hime ture.  

Akka Lammiin jedhetti, yeroo gara hospitaalaa geeffaman Kennasaa Ayyaanaa of wallalee akka ture akkasumas Mikaa’el Booran fi Battee Urgeessaa haala yaaddessaa keessa jiraachuu eerera. Haati warraa Battee Urgeessaa  Beezaa Hayilee “Abbaan warraa koo maal akka ta’e hin beeku. Cinqii keessan jira.” jettee turte. 

Hanga ammaatti maatiifi abukaattonni isaan ilaaluuf hin eeyyamamneef jedhaLammiin.  Maatiin Addis Standard dubbise haala jiru odeeffannoo akka hin qabneefi isaan ilaaluuf akka dhorkaman eeraniiru. 

Adda Bilisummaa Oromoon ibsa baaseen haalli fayyaa  hoggantoota dhaabichaa godina Addaa Naannawa Finfinneetti hidhamanii miidhamaa akka jiruufi hoggantootni kunneen maatii isaanitiin akka wal hin argine dhorkamuu isaanii eerera. ABO’n mootummaan Paartii Badhaadhinaatiin hogganamu miseensota ABO hidhaa jiran gidirsaa jira jechuun himate Komishiini Mirga Namoomaa Itoophiyaatiif komii dhiyeessus deebii hin arganne. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.