Galmee Jechoota Afaan Oromoo – Afaan Ingilizii Siyaasa Ta’e

Dr. Xilahuun Gamtaatiin 

Dr. Xilahuun Gamtaa: Hayyuu fi barsiisaa jireenya isaa guutuu Afaan Oromoo guddisuu fi gabbisuu irratti hojjate

Kutaa 2: Adeemsa Barreessuu

Hojiin galmee Afaan Oromoo – Afaan Ingilizii kun gulantaa sadiin hojjatame. Isaanis karoorsuu/murteessuu, barreessuu fi maxxansuudha.  Anis haaluma kanaan hojjachuuf murteesseen itti fufe. Murteen murteessu hunda of eeggannoon murteessee, katabee, yaadachiiftu itti godhe. Yeroon barbaadutti salphumatti akkan argadhuuf waraqaa irratti katabee olkaa’e. Namni galmee jechootaa barreessuu jechoota  sirreessee barreessuuf yeroo hunda murtee murteesse hordofuu akka qabu nan beeka. Barruu Taayipiin barreeffamu fuula 400 booda yaada jijjiiruun qisaasama guddaa fi yeroo dheera fudhata. Kana irratti Muxannoon koo kana fakkaata: Tokko dubbifamaa lama (Kur’ci) dhiisee sadi (Kur’cci) fayyadamuu. Inni lammataa /a:/ fi /a/ garaagarummaa dheerina sagalee qabu jedhee yaaduu kooti. Haa ta’u malee, kompiitara waanan hin qabneef, ergan fuula 307 Taayipiin katabee booda /a:/ fi /a/ sagalee dheeraa bakka bu’uu akka hin dandeenye hubadhe. Fuula 307 ergan barreesse booda waa jijjiiruun akkam ulfaata akka ta’e hubachuun nama hin rakkisu. 

Murteen inni jalqabaa yeroon galmee jechootaa kana barreessuu jalqabe murteesse afaan lamaan barreessee Oromootni baratan akka itti fayyadaman ture. Oromootni Itoophiyaa keessatti baratan afaan isaanii  malee afaan lama ni beeku.  Afaan isaanii malee Afaan lamaan barreessu fi dubbisuu ni danda’u. 

Oromootni afaan isaanii barreessuu kan wallaalan filannoodhaan miti. Jarraa tokkoo oliif Afaan Oromoo barreeffamee, afaan hojii akka hin taaneef waanti warri Abisiniyaa hin godhin hin jiru. Afaan Oromoo manneen barnootaa, manneen murtii fi iddoowwan caasaleen mootummaa jiran mara irraa kan dhorkamee bu’aa warra Abisiniyaa eeguf ture.  Afaan Oromoo akka hin barreeffamne fi barruun Afaan Oromoo akka Impaayera Itoophiyaa keessatti hin beeksifamne uggurame. 

Kan nama dhibu, Abbaa Gammachiis yeroo macaafa qulqulluu hiiku qubee gi’iizi fayyadamuun isaa gidiraa hamaa fi adamsamuu jalaa isa hin baasne. Qubee  Afaan  Oromoo kalaquuf kan yaale, Sheek Bakirii Shaaphalos ni adamsame, boodarras godaansa irraa osoo jiruu haala hin beekamneen lubbuun isaa darbe. Ilaalcha kiyyatti tarkaanfiin cimaan akkasii otoo fudhatamuu baatee Oromoon filannoodhaan afaan isaa barreessuu wallaalu hin jiru. 

Galmee jechootaa barreessu eegaluun dura, murteen koo inni lammataa loqoda fi baay’ina jechootaa murteessuu ture. Kanaaf jechoota bu’uura hunda barreessuuf murteesse.  Galmee jechootaa dhuunfadhaan barreessuun ulfaatadha. Jechoota kuma kudhanirratti hojjachuun hojii tokko hojjachuu miti hojii kuma kudhan hojjachuudha. Ani kophaa koon gargaarsa kompiitaraa fi maallaqaa malee badduu baase. Kanaaf jechootni mana keessatti itti fayyadamnu yoo argamu baatan hubatamuu qaba akkasumas ni sirreeffama. 

Jechootni kunneen seerlugan ofii beeku irraa maddan. Anis  barruulee muraasa turan, tamsaasa raadiyoo fi haasa namootaa irraan baradhe. Jechootan hin beekne yoon argu yoo xinnaate namoota shan irraa qaaman yookan bilbilaan ergan qulqulleeffadhee boodan galmee keessa galcha. Kunis hiika sirrii ta’uu dhiisu mala, anaaf jechumaa isaa yoo dubbatan gahaa ture. Nan yaadadha yeroo tokko himimsuu maal jechuudha jedhee nama gaafadhee “Maal, (h)imimsu jechuun maal akka ta’e himbeektanuu? Imimsu jechuun imimsu dhuma kaa! Farda malee ammo maaltu himimsa?” naan jedhe. 

Namni galmee jechootaa barreessu jechoota afaan biraa madaqfamanii fi hiikaman kan akka Kootii(coat),  rophilaanii (‘airplane’) fi abbaa buddeenaa (‘ye injeraa abbaat’) dagachuu hin qabu. Ani gama kiyyaan nuti Oromootni karaa seera qabeessaa jechoota ogummaa fi saayinsii ittiin madaqsinu akka tolfannun jajjabeessa.  Jechi ‘Sputnik’ maqaa maashina Gamtaan sooviyeet tolchee lafatti marsiteeti. Haa ta’u malee Afaan Ingiliziitti madaqfamee itti fayyadamaa jiru. Loqoda ilaalchisee waa dubbachuu hin barbaasu. Yeroo namootni shakkiin guutamanii Oromoo addaan qoqqooduf dhama’anitti, waan isaan Oromoo ittiin qoodaan laachufii hin barbaadne. Loqoda Maccaa kan Tuulamaa waan jedhu fayyadamuun hin barbaachisu. Ani ejjannoo jechi Afaan Oromoo iddoo kamittuu dubbatamu kan Oromoo hundaati kan jedhun fudhadhe. Kuni qabeenya keenya yeroo waa’ee aartii, siyaasaa, daldalaa, dippilomaasii, haqa, saayinsii fi teekinoloojii barreessinuufi dubbannu itti fayyadamnu. 

Waa’ee Afaan Oromoo waaltessuu irratti, Oromootni dhimma kana furuuf mari’achaa jiru. Ani garuu waaltessuun dura yoo xinnaate wanti lama guutamuu qaba.  Inni jalqabaa, odeeffannoo afaanii guutuu Oromiyaa keessa jiru sassaabuun garaa garummaa jira jedhamu qorachuu. Garaagarummaan xixiqqoon akkaata jechaa fi hiikaa jiraachuu mala sunis adda bahee karaa saayinsaawa ta’een qoratamuu qaba. Kana haalan hojjachuuf yeroo, obsa, kutannoo, maallaqaa fi meeshaalee hedduutu barbaachisa. 

Afaan Oromoo waaltessuun dura kan guutamuu qabu inni lammataa Of-danda’uu/Bilisoomudha. Oromoon yeroo dhimmoota Oromiyaa ofiin bulchuu eegale, Afaan Oromoo akka isaaf malutti guddisa malee, ajaja qaama olaana “ye belaay akaal” warra harka wayyaa jalaan murtee laatan irraa dhufeen hin ta’u. Afaan Oromoo afaan hojii yoo ta’e waalta’uun dirqaman ta’a deema. Fakkeenyaf yeroon jalqaba galmee jechootaa barreessu maqaa fi tartiibni baatii wal hin fakkaatu ture. Maxxinsi galmee kanaa amma jiru kana mul’isa. Gabateen waqtii Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) waaltessuun Amajjii, Guraandbala, Bitootessa, Caamsaa, Ebla, Waxabajjii, Adoolessa, Hagayya, Birraa(Fulbaana), Onkoloolessa, Saddaasa, and Arfaasaa(Mudde) tarreessuun akka yaadannu nu taasisee jira. 

Dhumarrattis qubee seera-barnoota Afaan Amaaraa dhiisee qubee Laatinii fayyadamuuf murteessuun koo murtii siyaasaa olaanaa of keessa qaba ture. Sababa kanaafi murtii “Galmee Jechoota Afaan Oromoo – Afaan Amaaraa- Afaan Ingilizii” karoorfame dhiisuuf murtaa’een, wixinee “Galmee Jechoota Afaan Oromoo – Afaan Ingilizii” jalqabaa siyaasa Abisiniyaa keessa gale. 

Qubeessa waalta’aa amma fayyadamaa jirru fayyadamuu kanan dhiiseef ABO wajjiin hidhata waan qabuufi. Murteen kun rakkoo hedduu keessa na galche. Namootni hedduun idduma arganitti na qeeqaa turan. Wixineen jalqabaa Afaan Oromoo- Afaan Ingilizii erga aanga’oota bira gahee booda, maxxansa isaa tursuuf yookan ammo hambisuuf ulaaga natti jabeessan. Kana booda, gaaffilee maaliif qubee Laatinii fayyadamte? Maaliif qubee gi’iizi hin fayyamin? Maaliif Afaan Oromoo -Ingilizii filatte? Maaliif Afaan Amaaraa-Oromoo hin godhin? Maalii afaan lama qofa ta’e? Jedhan malaan deebisuufin yaaduu eegale. Gaaffilee bu’aa hin qabne kunneen gaafachuun, koree qulqulleessitu dhaabuun maxxansa galmee jechootaa tursuuf akka ta’e dhuma barruu kanaa irraa ni hubatama. Galmeen jechoota kuni maxxanfamuuf waggaa shanii ol fudhate. Wixineen jalqabaa bara 1984 xumurame 1989 maxxanfame. 

Kutaa sadaffaa Torban itti fufa

Hubachiisa Gulaala: Barruun kun Hagayya 1/2020 Marsariitii Curate Oromia jedhu irratti Afaan Ingiliziitin maxxanfame.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.