Bara 2021 keessa meeltoowwaan keenya afurtama caalaan hidhamaniiru. Xalayaa banana kanaanis mootummaan mirgoota Miidiyaa akka kabaju gaafanna
Finfinnee, Bitoteessa 07/2022 – Nuti Gaazexeessitootni Itoophiyaa fi ogeeyyiin miidiyaa asii gaditti eeramne,dhimma walabummaa miidiyaa irratti ejjannoo cimaa kan qabnu ta’uu fi Itoophiyaa keessatti dhiibbaa sababa hojii qofaaf gaazessitootaa fi Ogeeyyii miidiyaa irra ga’u cimsinee balaaleffanna.” jedha ibsi mormii isaani kun.
Kanaafis miiltowwaan hojii isaanii guutuu addunyaa keessa jiran waliin har’a tokkummaan akka dhaabatanis ibsan.
Waggoota Kurnan darban keessatti, Itoophiyaan halellaa dhaabbilee fi tooftaa ukkamsuu sagaleewwaan ummataa murtessoo ta’an irratti fudhattuu fi garaagarummaa yaadaa danda’uu dhabuu irraa kan ka’e addunyaa irraa biyyoota Gaazexeessitoota hedduu hidhan keessaa tokko ta’uun maqaa ishee galmeessiftee jirti.
Labsiin farra Shororkeessummaa bara 2009 ragga’e, gaazessitootni biyya ganuu, shororkeessummaani fi hanga umurii guututti akka hidhaman himachiisuuf kan karaa baneera.
Kunis Gaazexeessitootni Itoophiyaa hedduun akka hidhaman yookaan ammoo akka biyyaa baqatan taasisuu fi tamsaasa fi maxxansa sab-himaalee afaan mootummaa ta’anii hin tajaajillee cufuuf sababa ta’eera.
Itoophiyaatti haalli siyaasaa bara 2018 keessa ture, abdii hedduu uumee ture, gaazexeessitootni hedduun manneen hidhaatii hikaman,kanneen biyyattin ala jiranis, gara biyya isaanitti galuun dhorkaa tokko malee akka hojjachuu danda’an waadan galamee gara biyyaatti affeeraman. Kanaanis dhaabbileen tamsaasaa hedduun teessoo isaanii Itoophiyaan ala taasifatanii turan biyyatti deebi’uu eegalan. Xumura bara 2018 ttis Itoophiyaa keessatti waggaa kudhanii ol keessatti yeroo jalqabaatiif biyya gaazexeessaan tokkoollee mana hidhaatti hin argamne ta’uun tarkaanfii abdii namatti horu ture
Yaalii waggoota muraasa dura ogeeyyiin miidiyaalee Itoophiyaa fi kanneen biroo babal’ina pireesii walabaa Itoophiyaa gahee isaanii bahuun fooya’iinsi argame akka duubatti deebi’u fi akka dadhabu ta’uusaatti gaddineerra.
Haata’u malee, biyyittiin waadaa walabummaa Miidiyaa kabajuuf galte irraa duubatti deebite. Amma hidhamuun gaazexeessitoota kan baratame ta’eera. Miidiyaaleen odeeffannoo tamsaasan cufamuuf kan dirqaman yoo ta’u, pireesiin walabaa biyya keessaa guutummaa guutuun haleelameera. Bara 2021, gaazexeessitoonni lama, Daawwit Kabbadaa fi Sisaay Fidaa ajjeefamaniiru,gaazexeessitootni fi hojjettooti miidiyaa afurtama ol ta’an ammoo hidhamaniiru. Haala kanaan Itoophiyaan Afrikaatti biyyoota gaazexeessitoota lakkoofsa olaanaa hidhan keessa galteetti.
Yaalii waggoota muraasa dura ogeessonni miidiyaalee Itoophiyaa babal’ina pireesii walabaa biyya keenya irratti gahee isaanii akka bahatan isaan kakaasu fi gahumsa isaanii guddisu duubatti akka deebi’u fi akka dadhabu ta’uusaatti gaddineerra. Miirootni kaka’umsaa sun yeroo dheeraaf gara aariitti jijjiiramaniiru.
Walabummaan miidiyaa hawaasaf murteessoodha, xuqamu hin qaban. Gaazexeessitoonni guddina hawaasummaa fi itti gaafatamummaan akka dhufu dhiibbaa gochuun hawaasa keessa jiraatan gargaaru. Haata’u malee yeroo ammaan kana miiltoowwaan keenya Itoophiyaa keessatti jiran baay’een haala diinummaan maqaa itti bahe jiraatan, sodaachifamaa, mana hidhaa keessatti dararamaa, hidhaa sodaachaa fi hojii isaanii gadhiisuuf yookaan biyyaa bahuuf yaadaa jiru.
Oduu gaddisiisaa hojjettoonni miidiyaa sadi; Amir Amaan Kiyaaroo, Taammiraat Nagaraa fi Toomaas Ingidaa, mana murtiitti dhiyaachuufi jedhu fi haala hawaasa Itoophiyaa keessaa hanqina kanneen gaazexeessitootaaf sagalee ta’an jiru kanatti, nuti gaazexeessitoonni Itoophiyaa maqaa keenya armaan gadiitti tarreeffame walitti dhufne qabxiilee itti aanan dabarsineerra:
– Yeroo yaaddeessaa kanatti rakkoo gaazexeessitoota, hojjettoota miidiyaa fi maatii isaanirratti gahe hubanna. Akkasumas jabina isaanii ni kabajna.
– Torban darbe gaazexeessitoonni baay’ee mana hidhaarraa gadi lakkifamu isaanii ibsaa gaazexeessitoota fi hojjettoota miidiyaa Itoophiyaa maratti hidhamanii jiran atattamaan akka hiikaman irra deebinee gaafanna.
– Falmattoota walabummaa pireesii Itoophiyaa keessas ta’e addunyaa maratti argamaniif, seerota mirga walabummaa pireesii isaanii eegsisan akka kabajamaniif akka dhiibbaa godhan ergaa dabarfanna.
– Dhaabbilee mirga gaazexeessitootaaf falman, kan akka Committee to Protect Journalists (CPJ) fi Reporters Sans Frontières (RSF), gaazexeessitoota Itoophiyaa hidhamanii fi kanneen biyyaa godaananiif aantummaa agarsiisaniif galata keenya ibsu barbaanna.
Maqaa hojjettoota miidiyaa (akkaataa walduraa duubaa qubeetin tarreeffame);
1. Abdulrazaaq Sheek Hasan
2. Akmal Nagaash
3. Argaaw Ashinee
4. Daawwit Indashaaw
5. Dajanee Guutamaa
6. Isheet Baqqalaa
7. Iyyaaspeed Tasfaayee
8. Getaachoo Asaffaa (Phd)
9. Qaalkidaan Ijjiguu
10. Maayaa Misikkiir
11. Muniiraa Abdulmannaan
12. Riyoot Alamuu
13. Saadiq Kadir
14. Shimallis Marasaa
15. Tsadaala Lammaa
16. Zakkaariyaas Zalaalam
*Gaazexeessitoonni heddu xalayaa kana irratti mallatteessuuf fedhii kan qaban ta’uus, hojjechiistoota isaanirraa eeyyama argachu hin dandeenye.