Oduu:- Magaalaa Mooxaatti, walitti bu’iinsa qaamolee nageenyaa fi Faannoo gidduutti uumameen lubbun qaamolee nageenya darbeera, anga’oonni garuu qaama hin beekamneetu raawwate jedhu

Getaahuun Tsaggaayeetiin

Finfinnee, Ebla 8,2022 Walitti bu’iinsa Dilbata darbe bitootessa 6, 2022 Naannoo Amaaraa Godina Baha Gojjam magaalaa Mooxaatti muudateen namootni hedduun miidhamuu gabaasaaleen ibsaniiru.

Magaalicha keessatti muddamni kan uumame erga humnootni nageenyaa hogganaa Faannoo naannawa sanaa to’annaa jala oolchanii akka ta’edha Raadiyoon Waazemaa kan gabaase. Walitti bu’iinsi Dilbata miseensota Faannoo fi humnoota Federaalaa gidduutti uumame kunis leenjiin loltummaa Faannoof kennamu akka dhaabatu waan gafatameef ta’uutu himame.

Bulchiinsi Magaalaa Mooxaa ibsa Wixata ganama baaseen akka jedhetti, humnootni nageenya afur hidhattoota eenyummaan isaanii hin beekamneen ajjeefamaniiru.

Akka gabaasa Raadiyoo Waazemaatti, garuu wal dhibdeen kun kan muudate erga hogganaan Faannoo magaalichaa maqaan isaa hin eeramne leenjin akka dhaabatu fudhachuu diduun wal qabatee hidhamee booda gara walitti bu’iinsatti akka ce’e ibse.

Akka gabaasichi jiraattota waabeffachuun ibsutti dhukaasa ture sanaan yoo xiqqaate namootni dabalataa 6 akka miidhamanii fi humnootni nageenyaa dabalataa gara magaalichaa galuun akka tasgabbaa’u ta’eera.

Naannichatti haleellaa wal fakkaataan Aanaal Gindee Weeyin, Yejubee, fi Beebiwunyi keessatti humnoota nageenyaa mootummaa naannichaa fi miseensota Faannoo giddutti taasifameen miidhaan ga’uu gabaasaaleen yaadachiisaniiru. Akka gabaasichaatti “Muddamni Faannoo fi Humnoota Nageenyaa Mootummaa Naannichaa gidduu jiru yaaddoo cimaadha,” jedhe. Itti dabaluunis, ‘Sodaa mootummaan caasaa Faannoo balleessuf kaayyefate jedhuun dhoksaan miseensota Faannoof leenjiin loltummaa kennamuu jalqabe,”jedha.

“Gareen hidhate maqaa Faannoo jedhu jala dhokachuun aanaalee biraa keessaa utuu hin hafin walitti qabamuun magaalicha haleelera.”

Bulchiinsi Magaalaa Mooxaa

Bulchiinsi Magaalaa Mooxaa gama isaatin ibsa baasee keessatti, haleellaa Dilbata humnootni hin beekamne riphanii rawwataniin humnootni nageenya afur ajjeefamuu eerera. Itti dabaluunis, “Gareen hidhate maqaa Faannoo jedhu jala dhokachuun aanaalee biraa keessaa utuu hin hafin walitti qabamuun magaalicha haleelera,” jedhe.

Humnootni hidhatan kunneen Hulatti Ijjuu aanaa Inaasee ganda Ayin Birihaan keessattis konkolaataa humna Elektiriikaa Itoophiyaa saamuu fi humnoota poolisii irraa meeshaa hiikkaachuu bulchiinsi magaalichaa eerera.

Ibsichi maqaa humnoota mootummaa magaalichaa utuu eegaa jiranuu ajjeefaman sanneen arfan tarreessera. Dabalataanis miseensonni humnoota nageenyaa fi milishootni hedduun miidhamuu eeruun, haleellaa fudhatame sanaafis gadda itti dhaga’ame ibseera. Jiraattootni magaalaa keessumaa ammoo dargaggootni qaamolee nageenyaa maddii dhaabbachuun shira magaalicha diiguuf taasifamu ittisuukeessatti tarkaanfii barbaachisu akka fudhatan bulchiinsi magaalichaa waamicha taasiseera.

Baatiwwaan darban keessa caaseffamni seeraan alaa Faannoo ijoo dubbii tureera. Humna mootummaa Federaalaas ta’ee kan naannoo Amaaraa idilee jalatti kan hin hammatamne dargaggootni hidhatan hedduun humnoota mootummaa waliin ta’uun garee hidhattoota Tigraayi irratti duuluun isaanii ni himama.

Komaaandi Postiin mana maree nageenyaa teessoo mootummaa naannicha kan taate Bahidaar baatii Sadaasaa keessa miseensotni Faannoo akka gurmaa’anii fi caasaa humnoota nageenyaa mootummaa keessatti akka galmaa’an waamicha dhiyeessuun kan yaadatamuudha. Komaandi Postichi Faannoon gurmaa’ee fi leenji’e caaseffama humnoota nageenyaa keessa galuu barbaaduuf bulchiinsi magaalichaa deeggarsa barbaachisu akka taasisuuf waadaa galamee ture. Beekamtii waajjira bulchiinsaa fi nageenya naannichaatin alatti qaamni magaalota adda addaa keessatti hidhatee argame akka gaafataman baatidhuma sana keessa ibsamee ture.

Haaluma wal fakkaatuun jalqaba baatii Amajjii keessa marii mootummaa Federaalaan qophaa’e kan naannolee heddu hirmaachise irratti rakkoo nageenyaa muudate, ajjeechaa lammilee nagaa fi hidhattoota seeran alaa keessumaa Faannoon meeshalee waraana gara dhuunfatti jijjirachuu ilaalchisee bal’inaan mari’atameera. Manni maree nageenyaas meeshaalee waraanaa sochii garee hidhattootaa Tigraay waliin hariiroo qabanii fi humnootni seeran alaa babal’ataa jiraachuun irratti mari’atame ture.

Hogganaan Biiroo Komunikeeshiinii naannoo Amaaraa Gizaachoo Mulunaa Dhabbata Pireesii Itoophiyaatti akka himetti, “mootummaan miseensota Faannoo biyyaa fi bilisummaa ummataaf wareegama kanfale ni gurmeessa malee hin hiikkachiisu,” jedhe

Daarektarri olaanaan Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa fi Pirezdaantii Naannoo Amaraa duraanii kan ta’an Tamasgeen Xurunaa qorannoo humnoota idilee hin ta’in irratti taasifame bu’ura godhachuun tarkaanfiin barbaachisu akka fudhatamu ibseera. Kana hordofees anga’ootni naannoo Amaaraa fi paartileen siyaasaa tokko tokkoo yaadicha mormuun mormii isaanii dhageessisaniiru.

Wayita sanattis hogganaan Biiroo Komunikeeshiinii Naannoo Amaaraa Gizaachoo Mulunaa Dhabbata Pireesii Itoophiyaatti akka himetti, “mootummaan miseensota Faannoo biyyaa fi bilisummaa ummataaf wareegama kanfale ni gurmeessa malee hin hiikkachiisu,” jedhe. Itti dabaluunis, “Seenaa uummata Amaaraa keessatti Faannoon ummata diinaa fi kufaatii irraa eeguun misoomaa fi nageenya tiksuuf aarsaa kanfaleera,” jedhe Gizaachoon. Kanaafuu dhimmi mootummaan hidhannoo irraa hiikuuf hin jiraatus jedhe. Kaayyoon mootummaa Faannoo hiikkachiisuu utuu hin taane, lammilee biyya isaaniif miidhaman deeggaruu ta’uu hubachiisera.

Xumura baatii Gurrandhalaa paartiin Baaldiraas Dimokiraasii Dhugaaf ibsa baaseen, “Faannoon humna idileen alaa utuu hin taane nageenyaaf ogummaa fi human isaa fayyadamuun weeraraa fi kufaatii biyya irra ga’u kan ittisu humna ummataati”jedhe.Dabalataanis Baaldiraas odeeffannoo mariin mootummaa Federaalaa fi aanga’oota Tigraayi gidduutti adeemsifamuuf jedhu irratti yaada gorsaa dhiyeesse ture.

Paartichi “Faannoon humna yeroof walitti qabamee haleellaa biyyatti irratti adeemu falmuu human ummataati malee ijaarama caasaa seeran alaa miti.Seenaa yeroo dhihoo yoo ilaalle weerara Xaaliyaan irrattis seenaan wal fakkaatu mul’ateera,” jedhe.  AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.