Aslii Oromoo: Qaroo Qabsoo Dubartoota Oromoo

Finfinnee, Bitootessa 8, 2022 – Guyyaan Dubartootaa Idil addunyaa qabsoo dubartootni mirga isaanii kabachiifachuu fi  walqixxummaaf taasisaniin kabajamuu kan eegale bara 1975. Sana booda ammoo waggaan waggaan akka kabajamu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii murteesse.

Erga Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii  waggaa waggaan Bitootessi 8 Guyyaa Dubartootaa Idil-addunyaa ta’ee akka kabajamu asittis, guyyaa kanarratti mirgi dubartootaa ifaajjii  guddaadhaan argame ni leellifama.

Akkasumas qoollifannaa fi qoodinsa  koorniyaan walqabatu hambisuuf hojiin guddaan hojjatamuu akka qabu guyyaa ergaan adda addaa itti darbuudha.

Guyyaan kunis biyyoota adda addaa keessatti bifa adda addaatin kan kabajamaa ture yoo ta’u,  kan bara kanaas sadarkaa idil addunyaatti yeroo 111ffaaf akka Itoophiyaatti ammoo yeroo 46ffaaf kabajamaa.

Kabaja guyyaa Dubartoota idil addunyaa kana irratti  dubartoonni fi shamarran fakkeenyummaa guddaa qabanii, biyyaa fi uummata isaaniif waan heddu gumaachan, akkasumas walabummaa biyyaa fi uummataaf aarsaa kanfalan kan itti leelifamnii fi ittiin yaadatamaniidha.

Nutis Seenaa Gootota fi Qabsaa’ota Dubartoota Oromoo bu’aa ba’ii heddu keessa darbuun Gootummaa isaani dhalootaan farfamaa jiran keessa tokko kan taate waa’ee qabsooftuu Aslii Oromoo irratti gabaabinaan kan xiyyeeffanne kunooti. 

Aslii Oromoo eenyu?

Aslii Oromoo godina Harargee Lixaa Daaroo Labuutti dhalatte, umurii 15tii qabsoo eegalte. Yeroo saan biyya baqaa keessatti Jibuutii turtuus bara 1983 keessaa Somaaliyaa dhaquun qabsaa’ota bilisummaa Oromootti makamte. Halaa kanaanis lola biyya alagaatti yeroo sanaa gaggeeffamaa turee keesa seente. Bara 1989 bakka Waalli jedhamu keessatti lola Dargii irratti banameen madooftee harka diinaa yookaan mootummaa Dargii kan seente Asliin mana hidhaa keessatti dararaa adda addaa argitee jirti.

“Loolli dubaartiin keessa hin jirree hin tolu” kaan jettu Asliin “Dubaartiin loolchiistus hin taati” jettee yadaatti bara mootummaa Dargii irratti qabsooftee yeroo yadaattu.

Mana hidhaa mootummaa Dargii keessa rasaasa qoma keessa jiruun otoo hin hafiin kan hiraarfamaa turte Asliin, “Dubaartii kenyaa kan dhahamtellee iliilchaa dhahamti. Kaan wareegamtullee ililchaa wareegamti” jetti. Madoo qabduuf guyyaa tokkoof mana yaalaa osoo hin geeffamiin  hidhaa  keessaa waggaa lama booda  miliqxe. maatiishee biraa Godina Harargee Lixaa Daroolabuu deemtee yeroo xiqqoof erga yaalamtee bayyanatteen, booda kaayyooshee ganamaatti deebite. 

Haaluma kanaan Waraana Bilisummaa Oromoo keessatti gootummaan loltee lolchiisu turte marsaa lammataatiif mootummaa ADWUI to’annoo jala oolte. Waggoota torbaa oliif dhittaa mirga namoomaa erga argiteen booda haqa dhaburra du’uu wayya jettee laganna nyaataa taasiste.Sababa kanaanis Shororkeessummaan himatamtee hidhaan waggaa 13 booda, du’uuti  itti murtaa’e

Yeroo sadii murtiin du’aa kan itti murtaa’e Asliin, hidhaa wagaa 13 bodaa si’aa jaalqabaaf yeroo murtiin du’aa itti murtaa’u, “Kaan na ajjeesu rabbii, kaan naa kaasus rabbi. Yoon duu’es biyya kiyya Oromiyaaf Finfinnee walakkaattii wareegama jedhee gammaachu guddaatu natti dhagahame,” jetii. 

Dubartii jabduu mirga uummata isheef qabsoofte kanarra miidhaan gama dubartumma isheetiin daraaraan irratti raawwatameera. Asliin bu’aa ba’ii hedduus argiteetti. Kun hundu osoo irra gahu garuu,  Asliin iccitii homaa hin baasne.

Egaa Dubartootni Oromoo umrii isaanii  guutuu mirgaa fi walabummaa ummata isaanif qabsaa’an akka Aslii Oromoo kun hedduudha, warra kanarraas har’a dhaloonni  waan hedduu barachuu danda’a.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.