Oduu:- Sababa hongee oromiyaa keessatti muudateen namootni miliyoona 3.5 ta’an rakkoof saaxilamaniru

Finfinnee, Ebla 9,2022–  Sababa Hongee Oromiyaa keessatti muudateen namootni miliyoona 3.5 ta’an, kanneen miliyoona tokko caalan  Harargee Bahaa fi Lixaa dabalatee rakkoof Saaxilamaniiru jedhee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Biiroon Qindeessi Dhimmoota Namoomaa (UNOCHA) ibse. Naannoo Oromiyaatti aanga’ootni bulchiinsa mootummaa miidhaa hongeen geessisu furuuf akkasumas, namoota sababa hongeen miidhaman miliyoona 3.5 ta’an deeggaruuf karoora xumureera jedhe dhaabbatichi.

Dabalataanis sababa hoongee naannoo oromiyaa Gujii lixa itti fufeen lubbuun daa’imani 27,000 oli fi dubartota 22,000 ta’an eggumsa gahaa barbaadu jedhaniru.

Aanaalee Harargee Bahaa fi Lixaa 21 keessatti rakkoo haammaataa keessa jiranii, kan dhiyeessi bishaanii konkolaataatin harka 70 barbaadani fi yeroo ammaatis godinaalee lamaanitti deggara hatattamaa dhiyeessa bishaanii konkolattota fe’uumsaa 42 ol barbaadan kanneen miliyoona tokko ol ta’an kan dabalatudhas jedhameera.

Hongee muudate kanaan Manneen Barnootaa 334  (Harargee Dhihaa 123  fi Harargee Bahaa 211) keessatti barattootni Kuma 300 hanqina bishaaniif kan  saaxilaman yoo ta’u,  Aanaa Haawwii Guddinaatti ammoo manneen barnootaa 40 ta’an akka cufamaniif sababa ta’eera.

Godinaalee Harargee lamaan keessatti du’aatiin beeladootaa akkaan dabalaa akka jiruu fi Beeladootni hedduu (Harargee Bahaa irraa 377,000 fi Harargee Lixaa 400,000) godaansaaf saaxilamaniiruu.

Lakkoofsi namoota rakkoo kanaan midhamanii akka dabaluu  fi maatiwwan hedduun bishaan, nyaataa fi marga beeladootaa barbaaduuf godaansa akka itti fufantu eegama.Hanga baatii Gurraandhalaatti roobni eegamaa ture utuu hin roobiin hafuu isaatinis rakkoon kun caalattu akka hammaatu ta’aa jira. Deeggartootni deeggarsa namoomaa taasisan naannolee haalan miidhaman keessatti deeggarsa isaanii dabalaa jiru, Haa ta’uu malee Lubbuu beeladootaa dhumaa jiranii baraaruu fi jireenya hawaasaa rakkoo jalaa oolchuuf  humnaa fi deeggarsa ariifachiisaa barbaachisa. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.