Oduu: Naannoo Oromiyaatti namoonni baay’een dhibee Gifiraa fi Koleeraan qabamu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise; Oromiyaa, Somaalee fi Kibbatti dhibbaatamni qabamu UN gabaase

Finfinnee, Bitootessa 11, 2022 – Naannoo Oromiyaatti torban lama keessatti namootni baay’ee dhibee finnoo fakkaatu Gifiraa fi Koleeraan dhibamanii lubbuu isaani akka darbe Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise. Haaluma walqabatuun naannoo Oromiyaa dabalataan, naannolee Somaalee fi Kibbatti kanneen dhibbaatamaan lakkaawwaman dhibee kanaan akka qabaman Dhaabbata Mootummoota Gamtooman (UN) gabaaseera. 

Naannoo Oromiyaa godinoota garaagaraa jaha keessatti weerarri Gifiraa fi Koleeraa torban lama darban qofatti namoota soddomatti dhihaatan ajjeesuu VOA Afaan Oromoo Biiroo Fayyaa Oromiyaa irraa odeeffadhe jechuun gabaase. Hanga ammaatti daa’imman 7,611 dhibee Gifiraan qabamanii, isaan keessa daa’imman 14 lubbuu isaani akka darbe kan ibse biirichi, weerara Gifiraa ittisuuf daa’imman kuma dhibba jahaa oliif talaalliin marsaa duraa akka kenname himeera.

Dhibeen Gifiraa ji’a jaha oliif Oromiyaa keessatti mul’ataa ture; Godinoota Horroo Guduruu Wallaggaa, Baalee, Arsii Lixaa, Harargee Bahaa, Wallagga Bahaa, Buunnoo Baddallee fi magaalaa Shaashamannee keessatti ammallee heddumminaan kan mul’atu yoo ta’u, naannoo magaalaa Shaashamanneetti ammoo ni hammaata, jedhe biirichi.

Gabaasni UN baasee gama isaatin hanga Guraandhala 25 naannoo Oromiyaa, Godina Booranaa, Abbaayaatti namoonni 104 dhibee Gifiraan akka qabaman mul’iseera. Akkasumas Wallagga Bahaa keessatti qofa namoonni 5 weerara kanaan lubbuu isaani akka dhaban gabaase.

Haaluma kanaan dhibeen Koleeraa ammoo Godina Arsii Lixaa, Harargee Lixaa, Gujii Lixaa Gujii Bahaa, Booranaa fi Harargee Lixaa keessattillee heddumminaan mul’achaa akka jiru kan ibse Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa, dhibeen kun rakkoo qulqullinaatin walqabate kan mudatu waan ta’eef hubannaa hawaasa jijjiiru irratti hojiin bal’aa hojjatamu akka gaafatu eereera.

Oduu walfakkaatuun, Muddee bara 2021 eegalee Naannoo Somaalee, Godina Liban, Aanaalee Dolo’adoo fi Kolmaayoo keessatti dhibeen Gifiraa galmaa’u akka itti fufe Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) beeksiseera. “hanga Bitootessa 3tti dhibamtoota haaraa 700 yoo galmaa’an, namoota 12 ammoo lubbuu isaani darbeera,” jedhe.

Wayita Naannoon Somaalee hongee hamaan miidhamaa jiru kanatti odeeffannoon bahe kanaan, “namoota miiliyoona 3 ol ta’an sababa hongee kanaan kan miidhaman yoo ta’u, kanneen miiliyoona 2.4 ta’an deeggarsa bishaanii arifachiisaa isaan barbaachisa” jechuun kan ibse UN, hanqina nyaata fi bishaan beeladota mudachaa jiru du’a garmalee beeladootaaf sababa akka ta’eefi hanga ammaatti naannicha keessatti bakkeewwan hongeen mudate keessatti beeladoota manaa 900,000 caalan lubbuu isaani darbu himeera. 

Erga Muddee 2021 eegale garuu lakkoofsa namoota dhibaman hir’isaa dhufeera, kanneen dhibeen itti cimee rakkachaa jiran garuu ammallee jiru. “Bakkeewwan qubannaa godaantota shan godina kana keessa argaman dabalatee gandoota 15 keessatti dhibeen Gifiraa mul’ateera,” jedhe.

Rakkoo kana furuufis, Biiroon Eegumsa Fayyaa naannichaa fi Dhaabbata Fayyaa Addunyaa daa’imman umrii ji’a jaha hanga wagga kudhan jiraniif talaallii ittisa Gifiraa aanaalee Godina Liban hunda fi Afdeeraatti kennuuf karoorfateera. Torban lammaffaa ji’a Bitootessa namoota dhibee kanaan shakkaman adda baafamanii hordoffii cimaan ni taasifamaaf. 

Gabaasni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Guraandhala 2020 baasee, Naannolee 5tti Godinaalee 36 keessa, Amajjii 2019 irraa kaasee ji’ottan 13 keessatti dhibeen Gifiraa namoota 12,000 ol akka qabate hima. “Weerara kana keessa dhibbeentaa 67 galmeessisuun naannoon Oromiyaa sadarkaa olaanaarra kan jiru yoo ta’u, naannoon Somaalee dhibbeentaa 21n lammaffaarra jira,” jedha gabaasni UN baase kun.

Naannoo Oromiyaa, Godinaalee  Gujii, Gujii Lixaa  fi Booranaatti  dhibeen garaa kaasaa bifa weeraraatiin ka’e, namoota hedduu irraan rakkoo haammaataa geessisaa akka jiru Addis Standard torban darbe jiraattota dubbisee gabaasuun isaa ni yaadatama. Aanga’ootni Fayyaa naannichaa dhibeen kun sadarkaa weerara jedhamurra akka hin geenye mormanis, hanqinni keemikaala fi qorichaa muudachuun dhibichi babal’ataa jiraachuu mirkaneessaniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.