Oduu: Naannoo Beenishaangul Gumuuz, Godina Matakkal keessatti humnoonni nageenyaa namoota nagaa gubanii ajjeesan; mootummaan gocha kanaan “suukkanneessaa” jedhe

Matakkalitti Huumnooni mootummaa namoota qulquluu lubbuun jiran yeeroo guban.

Siyaannee Mokonniiniin 

Finfinnee, Bitootessa 12, 2022 – Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa bakka humnoonni nageenyaa mootummaa yeroo namoota abiddaan gubanii itti ajjeesan suur-sagalee miidiyaa hawaasaa irratti naanna’aa jiru irratti mul’atan eessa akka ta’e ifa godhe. Biiroon Kominikeeshinii Mootummaa akka beeksiseetti, bakkichi Naannoo Beenishaangul Gumuuz, Godina Matakkal, Aanaa Guubaa, Ganda Ayisiid keessa argama. “Gochi raawwatame baay’ee suukkanneessaa kan ta’eefi namummaarraa kan fagaateedha” kan jedhe mootummaan federaalaa, kanneen gocha kana raawwataman seeratti dhiyeessuuf waadaa galeera.

Haata’u malee, mootummaan bakka gocha kana itti raawwatame ifa gochuun ala eenyummaa nama kana ibsurraa of qusateera. Eenyummaa nama abiddaan ajjeefame kana ilaalchisee miidiyaa hawaasaa irratti tilmaamni heddu kaafamaa jira. 

Namoonni gocha kana raawwatan kunniin, ajjeechaa humna nageenyaa gulantaa ‘Ajajaa Kumaa’ qabu tokkoof haaloo bahuuf akka ta’e yeroo haasa’an dhaga’amaniiru. Akkasumas kanneen ajjeefaman irratti jechoota abaarsaa fi namummaa hin qabne dubbachaa turan, kanneen ajjeefaman keessaas namni tokko lubbuudhaan osoo jiru gubate ajjeefame. 

Hogganaa Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa, Dr. Laggasaa Tulluu, fi Deetaan Ministira Salaamaawit Kaasaan, dhimma kana irratti ibsa akka nuuf laatan yaaliin goone hin milkoofne. 

Suur-sagaleen daqiiqaa shan dheeratu kun humnoota nageenyaa Naannoo Amaaraa fi Sabaaf Sablammoota Uummattoota Kibbarraa walitti babba’an miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa waliin agarsiisa. Ji’a Fulbaana bara darbe irratti humni addaa Amaaraa, Gaambellaa, Sidaamaa fi Kibba gara Naannoo Beenishaangul Gumuuz, Godina Matakkal Aanaa Buulan bobba’u isaanii ni yaadatama.

Humni addaa naannolee kunneen irraa walitti babba’anii Naannoo Beenishaangul Gumuuzitti bobbaafaman kun ergama nagaa kabachiisuu isaanitti laatame bahachaa akka jiran kan ibsan Itti-gaafatamaan Biiroo Dhimmoota Ijaarsa Nageenyaa, Abiyoot Albooroo, bakka Hidha Haaromsaa Itoophiyaa argamutti nagaa kabachiisuuf walta’iinsa akka barbaachisu himaniiru. Mootummaan Naannoo Beenishaanguliis, yeroos humna addaa Amaaraa “ergamtoota Juuntaa” fi “haftee ABUT yaadama isaa qabatanii socho’an” balleessuuf gara Godina Matakkal akka bobba’e ibse ture.

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa ibsa har’a ganama laateen, gocha kana gonkumaa sirrii akka hin taane ibsuun, yakkamtoota seeratti akka dhiyeessu beeksiseera. Ibsichi Naannoo Beenishaangul Gumuuz keessatti seera-alummaa fi miidhaa namoota nagaa irratti gahu to’achuuf yaaliin humnoonni nageenyaa mootummaa godhan kaaseera. ibsichi , “mootummaan namoota lubbuu lammiilee irratti balaa geessisaniif obsa hin qabu” jechuun akeekkachiiseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.