Galmee Jechoota Afaan Oromoo – Afaan Ingilizii Siyaasa Ta’e

Dr. Xilahuun Gamtaa:

Dr. Xilahuun Gamtaa: Hayyuu fi barsiisaa jireenya isaa guutuu Afaan Oromoo guddisuu fi gabbisuu irratti hojjate

Kutaa 3

Adeemsa Barreessuu

Galmee Jechoota barreessuun wantootni naaf mijeessan turaniiru. Yeroo sanatti ani ittti gaafatamaa Muummee Barnootaan ture. Pirezidaantiin Yuunivarsiitii (Hayyuu Ikonomiksii), itti aanan Pireezidaantii(Hayyuu Seeraa) fi itti gaafatamaan Muummee Saayinsii Hawaasa(Hayyuu Hawaasa) iccitiin walgahianii wixinee muummee Barnootaa diigu qopheessan. Wixinee kana yoo qopheessan muummee Barnootaa, aanga’oota Yuunivarsiitii fi kaadiroota Darii osoo hin mariisiisin muummeen Barnootaa muummee Saayinsii Hawaasa fi Saayinsii Uumamaa jala akka galu yaada dhiyeessan. Akkuma eegamu hojjattootni  muummee Barnootaa nama gantuu tokkoo alatti  wixinee kana ni morman. Anis hojjattoota Yuunivarsiitii bulchiinsa Yuunivarsiitii irratti kakaasudhaanan himatame. Kuni sirna Koministii keessatti balaa qaba, akeekkachiisni naaf kennamee ture.

Yeroo sana(1977) mootummaan Oromoota “Bitamtoota” fi “Sabboontota dhiphoo” jedhee maqaa itti baasa ture. Ganama yeroo biiroo seenu kallee barreeffamaa sadi balbala biratti fannifamee, dubartiin tokko jala dhaabbatteen arge. Barruu inni tokko ”Xabbaab bihertanyochi innaa qanyi mangadanyoch yi wadimaallu!” jedha. Itti yaadamee haa ta’uu tasa dubartittiin imimmaaniin hudhamaa “Bagan si argadhe, Abbaan warraa koo barataan keeti fi ani halkan guutuu duute jedhanii boo’aa bulle,”jette. Waan naaf yaaddofteef galateeffadheen “Akkuma argitu Lubbuun jira” jedheen.

Guyyuma kana namnin  gantuu jedhee ibse kun, erga Ministeera barnootaatiin ari’ame booda akka inni muummee barnootaa seenu gargaare, biiroo kiyya dhufee aanga’oota wajjin akkamitti hojjachuu akkan qabu na gorse. Waan hunda caalaa jechama, “Sittaazzi inda geetaa; sittittaazzaz inda baariyaa” siibbaal alsammaahim?( Yoo ajajju akka gooftaa yoo ajajamtu akka garbaa)jedhu  yaadadhu naan jedhe. Akka kootti ilaalchi dabaan akkanaa kun bu’uuraa rakkoo hojmaata warra Abisiiniyaati.

Namni aangoo sadarkaa kamittuu argate namni sadarkaa isaa gadii jiru hundi  gaaffii malee ajajamtu fi isaan faarsaa akka itti dhiyaatan eegu. Seerri yoo jiraates aanga’oota kana biratti gatii hin qabu, isaanu seera of se’u. Sababa ilaalcha kanaatiif wanti sirrii jedhamu hin jiru fedhii aanga’oota malee. Mariin dhugaa fi dimokiraatawaa ta’e aanga’oota gulantaa garaa garaa gidduutti hin taasifamu.

 Dhugaa dubbachuuf ganama guyyaa sanaa, barruun maxxanfame, dubartiin waa’ee du’a kiyyaa dubbachuun ishee fi dubbii dhangagga’aan gantuu sanaa baay’ee na yaaddesse. Gaafasuma waaree booda, itti aanaan pirezidaantii hojjattoota muummee barnootaa guyyaa itti aanutti walgahii akkan waamuu natti hime. Walgahii kana irratti wal-falmii guddaatu ture. Warra gantuu malee hojjattootni hunduu gosti barnootaa Baayoloojii, Keemistirii, Fiiziksii, Herregni, Afaan Ingilizii fi Hawaasni sirnaan waan qindaa’anii fi barattoota barsiisummaaf leenji’aniif bu’aa guddaa waan qabuuf muummee barnootaa jala haa turu jechuun falman. Kadiree sirna Dargii kan ture itti aanaan pirezidaantii garuu yaada kana hin fudhanne.

Dhimmicha daran hammeessuuf,gosa barnootaa xiinsammuu baruumsa(Educational Psychology) muummee barnootaa jalaa haa bahu jedhe. Kana malees mana barumsaa li’ul Ba’ida Maariyaam kan barattootni muummee Barnootaa itti shaakalan cufe. Walgahii booda ga’umsa kiyya irratti komii akka hin qabnee fi amma inni aangoo isaa tolfatutti hojii bulchiinsaa yunivarsiitichaa irraa akkan fagaadhu natti hime. Akkuma jedhe itti gaafatamummaan qabu hunda narraa kaasee gara muummee qorannoo Afaanitti na jijjiire.  

Gara muummee qorannoo Afaanitti jijjiiramuun koo galmee jechoota barreessuf  carraa guddaa naaf uume. Muummee Barnootaa ta’ee galmee jechoota barreessuu irra muummee qorannoo Afaani ta’ee barreessuutu salphata. Kana malees, hojii bulchiinsaa irraa waanan uggurameef, torbanitti sa’aatii 12 qofan hojjadha. Kunis yeroo dheeraa galmee jechoota itti barreessu naaf kennee jira. Anis bara 1984 galmee jechoota barreessee xumure.

Adeemsa Maxxansuu

Bara 1984, wixinee jalqabaa waajjira qorannoo fi maxxansaa Yuunivarsiitii Finfinneetti akka ilaalamuuf galche. Akka seera yuunivarsiitichaatti barruun kamuu maxxanfamuun dura yoo xinnaate namoota lama sadarkaa barnootaa barreessaa caalu qabaniin ilaalamu qaba. Namootni ilaalan hojii isaa dinqisiifatanii akka maxxanfamu yaada kennan. Isaan keessa namni tokko garuu maaliif qubee Gi’iizii dhiisee qubee Laatinii akkan fayyadame na gaafatee ture. Suutuma Suuta gaaffiin guddatee gaaffii warra Abisiiniyaa Yuunivarsiiticha keessa jiranii ta’e. 

Kan nama ajaa’ibu sirna awwaalcha soddaa kiyyaa(abbaa haadha warraa koo) irratti qeesiin lafumaa ka’ee “Ahunimmaa woromo dikshinarii tatsifowaal yibbaalaal!”(barana ammoo galmee Afaan Oromoo barreeffame jedhu) jedhe. Sirna awwalcha irratti qeesichi akkas jechuun isaa warra Abisiiniyaa Oromoo jibbanuu kan qaanesse ture. 

Galmeen jechoota kun Afaan Amaaraa waan hin taaneef irra deebi’ee ilaallamu qaba jedhame.  Aanga’ootni warra qorannoo fi maxxansaatiin “Irra deddeebiin haa ilaallamu. Nama lama qofa osoo hin taane namni baay’een hirmaatee hojii falmisiisa kana qeequu qaba” waan jedhaniin natti fakkaata. Waajjirri qorannoo fi maxxansaa seera mataa isaa cabsee galmeen jechoota yeroo lammaffaaf namoota sadiin akka ilaalamu kan godhe dhiibbaa aanga’oota olaanaa irraa itti dhuufeeni jedheen amana. Namootni yeroo lammaffaaf galmee jechoota ilaalan qubee Laatinii fayyadamuu kootiif na arrabsan. Hayyuu Sabboonummaa dhiphoo, diina tokkummaa Itoophiyaa fi barreeffama Afaan Amaaraa jibbu kan jedhuu maqaa natti maxxanfaman keessaa muraasa. Dogoggora qubee Seensa galmee jechoota keessatti arganii Afaan Ingilizii barsiisuu akkan hin dandeenye murteessan. Kan nama dinqisiisu isaanis galmee jechoota erga ilaalanii booda akka maxxanfamu murteessan. 

Afaan mi’eeffadhee qulqullummaa koo mirkaneessuufan yaale. Galmeen jechoota kuni hojii saayinsii malee barreeffama Afaan Amaaraa balleessuuf akka hin taane qalbeeffachiise.Qubee Afaan Amaaraa irraa jibba akkan hin qabne mirkaneessuu fi sodaa isaanii salphisuuf barruu “Ye Beet Siraa”(Hojii Manaa) jedhu Afaan Amaaraatiin barreessee maxxansiise. Barruu kanaaf Birrii 150($30) naaf kanfalame. Kana malees barruu kana konfirensii idil addunyaa qorannoo Itoophiyaa irratti dhiyeessee qubeen Laatinii galmee jechoota barreessuf malee Afaan Oromoo akka ittiin barreefamuuf miti jedheen amansiisuuf yaale.

Konfirensicha booda hayyuuwwan Kuush Awurooppaa, Ameerikaa, Raashiyaa fi Eeshiyaa jiran galmee kana irratti fedhii fi deeggarsa qaban ibsan. Sana booda dhaabbatni maxxansaa biyya Jarmanii tokko galmee jechoota kana baasii tokko malee maxxansuuf fedhii akka qabu xalayaan na beeksise. Anis carraa kana fayyadamee aanga’oota Yuunivarsiitichaa dubbisuu jalqabe. 

Galmee jechoota kana dhaabbata biyya Jarmanii jiruuf kennu irraa Yuunivarsiitichi hojii kana ofii osoo maxxanse garii akka ta’un itti hime.  

Finfinnee keessatti yoo maxxanfame gatiin maxxansaa salphaa waan ta’uuf Itoophiyaa keessatti namni gatii madaalawaan argachuu danda’a. Yuunivarsiitichi galmee jechoota kana gurguruun galii argachuu bira darbee aanga’ootni mootummaa Afaan Oromoo hin beekne namoota isaaniif hiikan akka hin dogoggorreeef itti fayyadamuu danda’u. Hunda caala ammoo siyaasa sirnichaa Afaan Sabaaf sab-lammoota “dagaagsuu” jedhuuf baay’ee gaarii ture.

Sababootni armaan olitti tarreesse bu’aa buusuu eegalan. Xalayaa Jarmanii naaf ergame, wixinee galmee jechoota fi gaaffii Sadarkaa gargaaraa Pirofeesaraa irraa gara Pirofeesaraa waliigalaatti guddachuu wal qabsiisee Seenetii Yunivarsiitichaaf akkan galchu namni na gorse. Anis akkan gorfame godheen guddina  argadhe. Galmee Afaan Oromoo kana sadarkaa Pirofeesarummaatti guddachuuf osoon turse kan jedhu yaadan qaba ture. Miseensi Seenetii tokko baga gammadde erga naan jedhee booda qoosaa “Namni tapha kaartaa taphatu, Jookerii isaa hin gatu. Barruu gaggabaan sadarkaa Pirofeesara waliigalaatti guddachuuf gahaa ture ” naan jedhe. Yoo inni akkas naan jedhu nan kolfe, kayyoon galmee jechoota kanaa sadarkaa yookan maallaqa ittiin argachuu miti galmee kun maxxanfamee arguu qofa. Namoota maxxansa galmee jechootaa gufachiisu yaalan bira darbee bu’aan argame. 

Akka yaada kiyyaatti mormitootni kiyyaa akka of duuba deeb’an kan taasise hirmaannaa itti gaafatamaa mummee qorannoo Afaaniiti. Namootni Yuunivarsiiticha keessa hojjatan hundi itti gaafatamaa muummee qorannoo Afaanii kana ni kabajus ni sodaatus.Namni kun bakka bu’aa paartii qofa miti dhimma siyaasaa Yuunivarsiiticha hunda gaggeessa kana malees darbee darbee TV irratti Mangistuu bira taa’ee mul’ata. Wixinee galmee jechoota erga ilaale booda akka maxxanfamu fi namni hojii kana mormu akka afaan qabatu murteesse. Murtii kana booda aaran galfadhe. Kan na dinqisiise barruun koo “Sababoota Afaan Oromoo barreessuf qubeen Laatinii akka filatamu taasisan” jedhu konfirensii Mooskootiif qopheesse fudhatama argate.

Haa ta’u malee yeroon aara galfachuu kiyyaa dheeraa hin turre. konfirensii  Mooskootti barruu koo akkan hin dhiyeessine na danquuf yaalanii turan.Durduuba Sagantaa Finfinneetti qophaa’e Mooskootti rabsame irratti mata dureen barruu kiyyaa waliin dhahamee ture. Kunis haamilee na buusanii akkan hin hirmaanne na taasisuuf ture. Mata dureen waliin dhahamus namni baay’een qooda fudhachuuf argamee ture. Osoo barruu kiyya dhiyeessuu hin eegalin hirmaattotni mata duree akka sirreessan itti hime. Sagantaan kiyya waree booda ta’us sa’aatii tokko keessatti dhiyeessee raawwadheen marii eegalchiise.

Gareen warra Abisiiniyaa Afaan Oromoo qubee laatiniitin barreeffamuu hin qabu jechuun eegalan. Hunduu dabareedhan “Maaliif qubee laatiniitin ta’e? Maaliif qubee gi’iizitiin hin ta’in” jedhanii gaafatan. Inni tokko keessa ba’ee”Adeemsa qubee Laatinii filachuu keessatti seera afaanii qofatu ilaalamuu qaba, kuni garuu murtee siyaasati” jedhe. Yoon kana dhagahu gaaffii tokkon gaafadhe,”Akka qorataa tokkotti mirga qubeen fedhe fayyadamee afaan koo barreessuu hin qabuu? Maaliif aanga’ootni Abisiiniyaa naaf filatu?” Yeruma sana galmeen jechoota kun maaliif uggurame naaf gale. Galmeen jechoota akka hin maxxanfame ugguruun qabsoo Oromoo gabrummaa jalaa baasuuf godhamu irratti aggammii isa salphaadha. ajjeechaa, gidiraa hidhaa fi saamichi Oromoota gabrummaa jalaa bahuuf tattaafatan irra gahu ija dura na dhufnaan boo’e. Hiramaattota keessa Maammoon Raashiyaa tokko ol ka’ee itti gaafatamaa muummee qorannoo Afaaniitti quba qabee “Ati itti gaafatamaa muummee qorannoo Afaanii taatee akkamitti hojii akkanaa dinqisiifachuu dadhabde” jedhee gaafate. Walitti qabaan sagantichaa akka boqonnaa fudhanne taasise.

 Yeroo boqonnaadha deebinu teesson hedduun duwwaa ta’e. Gareen warra Abisiiniyaa sun waan hafaniif hirmaattotni qabiyyee fi ijaarsa galmee jechoota irratti seeran mari’achuun ni danda’ama.  Namootni sagaleen idil addunyaa /(,(,(/ bakka buufaman Afaan Oromoo keessa jirachuu isaanii beeku barbaadan. Kan wixinee galmee jechoota hin dubbisin tokko warraaqsa (revolution) keessa jiraachuu na gaafate. Gaaffilee kana deebisuun maaliif qubee Laatinii filattee deebisuurraa salphaadha. Muuxannoon ani qabuun aanga’ootni Abisiiniyaa haqa Oromoo amananii hin fudhatan. Dhugaa irraa miliquun hin danda’amnes yoo argan “biihoonim, biihoonim, biihoonim …” (ta’uyyuu,ta’uyyuu,ta’uyyuu)jedhu.

Marii sana irratti dubbi himaan damee afaanii Ameerikaa irraa dhufe dubbii gara mormitoota galmee jechootatti deebise. Barruu dhiyaate irratti yaada xumuraa erga laatee booda Galmeen jechoota hojii guuddaa jedhe. Anis himannaa karaa jalaa bilisa ta’e, nan gammade. Kan booda mormitootni galmee jechoota ni badu jedheen yaade.

Yeroon Finfinneetti deebi’u, mormitootni koo akka hin teenyen arge. Dursa sagantaa namoota Mooskootti waraqaa dhiyeessanii deebi’an keessaa maqaa kiyya hambisan. Miidiyaan milkii akkanaa hedduu afarsa waan ta’eef,maqaa kiyya hambisuun dogoggora miti. Itti aansanii namootni dur sobas ta’u kolfanii harka na fuudhan naan oodan. Sadaffaa barataan kiyya miseensa sirnichaa ture, galmeen jechoota marii paartii irratti kaafamee hojii Adda Bilisummaa Oromoo harka lafa jalaatin hojjatame jedhamu natti hime. Haallin keessa jiru baay’ee nama dhiphisa. Wanti gochuu danda’u karaa cabe haa yaa’u jedhee taa’ee waan dhufu ilaalu qofa.

Waanti ta’uu danda’u (1) Galmeen jechoota ugguramuu,(2) hojii irraa hari’amuu,(3) hidhamuun fi (4) ajjeefamuu. Akka carraa ta’ee omtuu hin taane. Waajjirri qorannoo fi maxxansaa hojii kiyya koree seenetiin galmee jechoota akka ilaaluuf dhaabef akkan dhiyeessu natti himan. Anis aariin guutamee kana dura namoota ja’a amansiise akkasumas konfirensii idil addunyaa lama irratti akkan dhiyyeesse itti hime. Isaanis “Dhimma afaanii irratti hayyoota waan ta’aniif warra koree amansiisuu qabda,” naan jedhan. Warri koree keessa nama tokko qofatu qorataa afaanii ture.

 Miseensota  koree kanaa keessa sadi Mooskootti dubbii na dhorkaa turan. Murteen isaanii waan fedhes yoo ta’e adabadhee gaaffii isaanii deebisuuf murteesse. Akkuman shakka hunduu gaaffii siyaasa fi “Maaliif qubee laatiniitin ta’e? Maaliif qubee gi’iizitiin hin ta’in” jedhu na gaafatan. Tokko ammoo dhuma irratti madda maaliif hin tarreessin naan jedhe. Galmee jechoota irratti maddi hin kaa’amu jechuudha jedheen hin qaanessu jedhee itti dhiise. Adabachuun kiyya bu’aa fide hunduu amala kiyya dinqisiifatan.

Gaaffii fi deebii kiyya booda hima “Yeroo ammaa kana baayyinni Oromoo tilmaaman miliyoona 19” jedhu balleessi naan jedhan. Anis waan isaan jedhan balleessee galmeen jechoota maxxandamuuf fudhatama argate. Kana booda hojiin koo biiroo kiyyaafi waajjira dhiyeessii galtee maxxansaa yuunivarsiitichaa gidduu marmaaru ta’e. Galtee maxxansaa biyya alaati dhufu waan tureef waggaa lamaaf marmaare. 

 Anaaf bu’aa ba’ii hunda keessa darbuun gatiin isaa galmee jechoota maxxansiise. Onkoloolessa 1990, yeroo galmeen jechoota 1000 maxxanfamee mana kitaaba yuunivarsiitii Finfinnee seenu barattootni Oromoo fi Oromootni hedduun hiriiranii kitaaba tokko Birrii 30 jiratan.  Galmeen jechoota kun Finfinnee alatti Birrii 300($60) gurgurame. Galmeen jechoota baay’ee waan barbaadameef namni tokko, galmee jechoota tokko qofa akka bitatu taasifame. Yuunivarsiitichi galii gurgurtaa irra harka 90 yoo fudhatu kan kiyya harka 10 ture. 

Jaalalli guddaan Oromoon Afaan isaatiif qabu na ajaa’ibsiise. Namootni Oromummaa isaanii dhoksaa turanis suuta jedhanii dawoo jalaa as bahuu eegalan. Dawoon isaanii arrabsoo warra Amaaraa jalaa isaan hin baasne. Warri Amaaraa ormi hanguma fedhe Amaara ta’uu yaaluus adda baasanii qosa’uu sirriitti danda’u. 

Namootni galmee jechoota fayyadaman hedduun kennaa, xalayaa fi yaada garii naaf kennuun na jajjabeessaniiru. Fakkeenyaaf Pirofeesar Bakister yaadannoo “Waan barbaachi hin argine harka kiyya irraa waan naaf keessef galatoomi” jedhu naaf erge. 

 Tokko ammoo “Ergan galmee jechoota kana dubbiseen Afaan Oromoo akkuma Afaan Ingilizii fi Afaan Amaaraa gosa jechaa saddeet qabachuuf isaa hubadhe.” Lammiin Ingiliz Hoospitaala Xuqur Anbassaatti fayyaa barsiisu tokko “Akkuman galmee jechoota argadheen jechootni hundi sirrii ta’uu Oromoota qarqara Finfinnee jiraatan irraa mirkaneeffadhe” jedhee na kofalchiise.

Muuxannoon fi taajjabbii koo irraa aanga’ootni Abisiiniyaa Oromoo keessa fedhii isaan eenyummaa isaaniif qaban balleessuuf akka dhamahantu naaf gale. Hanga Afaani fi aadaan Amaaraa baba’atu Afaan Oromoo kan walakkaa uummata biyya sana keessa jiruun dubbatamuu yoo bade isaanif dhimma miti. Aggaamiin isaan Afaanota 80 ol balleessuuf taasisan maqaa “Tokkummaa Itoophiyaa” jedhuun sabaaf sab-lammoota aadaa Amaara jalatti akka ukkamfaman godhe.

Mootummoota dhufaanii darban keessatti abbummaan “Tokkummaa Itoophiyaa”garuu namoota murtaa’e qofa. Sirni hunduu, sirni Atsee, Sirni Koministiis ta’e Dimokiraasii Oromoo irratti xiyyeeffatu. Warri abbummaa qaban kun nama galmee jechoota barreessunuu “Diina tokkummaa Itoophiyaa” jechuu irraa duubatti hin jedhan.

Wahilli koo lammii Ingilizii tokko yoo galmeen jechoota tokko salphumatti  tokkummaa Itoophiyaa diige, durumaanu biyyittiin tokkummaa hin qabdu jechuudha naan jedhe.

Muuxannoo fi bu’aa ba’iin Galmee Jechoota Afaan Oromoo- Afaan Ingilizii barreessee maaxxansiisuuf keessa darbe kanan qoodeef dhiibbaa karaa hundaan Oromoo irra gahu mul’isuufi.  Muuxannoon kiyyaa kan argisiisu aanga’ootni Abisiiniyaa Oromoo qaaneessuuf dhiibbaa Afaan Adaa fi seenaa Oromoo irratti taasisuuf fageenya dheeraa akka deemani. Galmee Jechoota kunis dhiibbaa kana jalaa hin baane.

Hubachiisa Gulaala: Barruun kun Hagayya 1/2020 Marsariitii Curate Oromia jedhu irratti Afaan Ingiliziitin maxxanfame.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.