Hidhattootni Sudaan Kibbaa Naannoo Gambeellaatti Jiraattota 9000 ol Ta’an Buqqisuun, Tokko Ajjeesan

Darajjee Gonfaa tiin @DerejeGonfa

Finfinnee-Jiraattotni aanaalee Laare fi Ji’ako 9000 ol ta’an walitti bu’iinsa tibbana Naannoo Gambeellaa daangaa Sudaan Kibbatti uumameen buqqa’uu tokko ajjeefamuu fi kanneen ja’a ta’an miidhamuu bulchiinsi naannoo Gambeellaa beekise. Itti gaafatamaan waajjira Pirees Seekiriteeriyaatii bulchiinsa naannoo Gambeellaa Ugatuu Adiingaa akka jedhetti  walitti bu’iinsa Sudaan Kibbatti tibbana mormitoota Warraaksa Bilisummaa Ummattoota Sudaan /SPLM-IO/ fi humnoota mootummaa gidduutti ummamee tureen hidhattootni Sudaan Kibbaa daangaa Itoophiyaa ce’uun  jiraattota Godina Nuweer aanaalee Saaree fi Jinkaa gandoota afurii buqqisaniiru.

Dhukaasa naannawa daangaatti tureenis jiraattota kuma 9500 qe’ee fi qabeenya isaani irraa buqqa’an keessaa heedduun Dubartootaa fi Daa’immani. Alaabaan Itoophiyaa fi naannoo dabalatee meeshawwaan biroo saamamuu beeksisera ibsichi.

Qabeenya bade deebisiisuuf mootummaan humnoota nageenyaa hirmaachisuun carraaqqii taasisaa kan jiru yoo ta’u, Loltootni  Mormitoota Warraaksa Bilisummaa Ummattoota Sudaan /SPLM-IO/ daangaa ce’anii akka hin seenneef eegumsi barbaachisaan taasifamaa jiraachu fi aanga’ootni kanneen buqqa’aniif deeggarsi hatattamaa akka qaqaabsiin Ugatuun hubachiisera.

Godina Nuweeritti Bulchaa Itti aanaa aanaa Saree  Ubongi Ukun gama isaatin walitti bu’iinsa tibbana naanawa daangaa Sudaan Kibbatti muudateen, jiraattootni aanichaa hedduun buqqa’uu ibseera.  Kutaaleen Hawaasaa qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’anis, rakkoolee dinagdee fi hawaasummaa addaa addaaf saaxilamuu eeruun qaamoleen dhimmichi ilaallatu kan mootummaas ta’ee miti mootummaa deeggarsaa akka taasisan gaafateera.

Sababa walitti bu’iinsichaatin lammiileen Sudaan Kibbaa  baqatanii gara Itoophiyaa daangaa Saaree fi Jinkaa seenaan jirrachuu kan dubbate Ugatuun, Kanneen dhimmichi ilaalatu akka qulqulleessanis hubachiisera. Jiraattootni Aanaa Saaree Ganda Bilimkuun, dhimma kana irratti mootummaan furmaata waaraa akka isaaniif kennu gaafataniiru.

Naannoo Gambeellaa keessatti hidhattootni Sudaan Kibbaa yeroo adda addaatti  haleellaa qaqqabsisa turaniiru. Haleellaan Wal fakkataan  baatii Amajjii hidhattootaa Sudaan Kibbaa daangaa ce’uun naannichatti  raawwataniin namootni Saddeet ajjeefamuun fi kanneen shan ta’an madaa’uun himamee ture.Komishinarri Poolisii Naannichaa Abula Ubongi, hidhattootni Sudaan Kibbaa Gosa Murle irratti muudate jedhe.  Yeroo sanattis haleellichi kan raawwatame Godina Nu’eer Aanaa Akooboo Ganda  Bakankatti jedhe poolisiin. Komishiiniin Poolisii naannichaa akka ibsetti yeroo yerootti adeemsi gareen hidhattootaa gara daangaa seenanii fi ba’an jira. “Daangaan dheeraa fi waqtii ganna waan tureef eegumsi taasifamaa hin turre” jedhe. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.