Qabiinsi mana hidhaa keessatti Battee Urgeessaa mudate seera idil addunyaa kan cabseedha jedhe OLLAAn

Battee Urgeessaa, Itti gaafatamaan Sab-qunnamtii ABO

Gara waggaa tokkoof himannaan osoo irratti hin banamiin mana hidhaa keessa kan ture Itti gaafatamaan Sab-qunnamtii ABO, Battee Urgeessaa, dhibee tiruu (Hepitis B) qabamuus tajaajila wal’aansa akka hin arganne dhorkamaa akka ture maatii fi maddeen adda addarraa mirkaneessusaa Waldaa Hoggansa fi Leegaasii Oromoo (OLLAA) gabaasa haala Battee ilaalchisee baaseen beeksiseera. Akkasumas haalli kun heera idil addunyaa cabsaa jedheera, OLLAAn.

Batteen, Bitootessa 20, 2021 waahiloota isaa ABO mana hidhaa Buraayyuu keessatti hidhamanii turan gaafachuuf wayita dhaqeen ture konkolaachisaa waliin Poolisootaan kan qabame. Mana Murtii dhiyaate wabiin akka gadhiifamu manni murtichi ajajuus, Poolisiin garuu ajaja qaama oliirraa dhufe hordofaan jira jechuun mana hidhaatti tursiiseera. 

Kana booda Caamsaa 15, 2021 gara mana hidhaa Awaash Malkaasaatti fudhatamuun hoggantoota fi miseensota ABO dabalatee hidhamtoota 4000 ol waliin hidhame akka tureefi mana hidhaa san keessa dararaa heddu argaa ture jedha gabaasni OLLAAn baase kun. Hidhamtootni mana hidhaa san keessa hiikaman akka jedhanitti, mana horsiisa Handaaqqoo keessa tursiifamaa akka turaniifi rakkoo qulqullinaan Battee dabalatee hedduun isaani dhukkubaaf saaxilamaniiru. 

Akka gabaasni OLLAA kun jedhutti, Batteen mana hidhaa kana keessa eegdootaan doorsifamaa akka ture, haleellaa irraan gaheen mataa isaarratti madaa’e fi miidhaa lafee dugdaa irra gahee ture. Yeroo kanas dhibee tiruun qabamu akka malu shakkamuus, haleellaa kana hordofee wal’aansa akka hin arganne ibsameera.   

Baatii jaha booda Batteen gara Kaampii Humna Addaa Oromiyaa Sololiyaa Galaanitti jijjiirame. 

Ji’a Guraandhala bara 2022 keessa Battee Urgeessaa dabalatee hoggantootni Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) hidhaa seeraan alaa mormuun lagannaa nyaataa eegalan. Komiin isaani tajaajila wal’aansa dhorkamu, akkasumas maatii fi abukaatoo qunnamu dhabu ilaallata.

Sababa lagannaa nyaataa gaggeessaa turaniin Battee fi hoggantoonni biroo dadhabanii gara Hospitaalaa geeffamanii turan. Wayita kana Batteen dhibee tiruun akka qabame jiru beekamuus Abukaatoo fi Haakimoota akka hin argannee dhorkame ture jedha gabaasni OLLAA.

Boodarra garuu Bitootessa 11, Batteen wal’aansa fayyaa arifachiisaa akka argatuuf yeroof mana hidhaa irraa wabiin akka bahu taasifamu kan ibse OLLAAn, “mana hidhaatii bahee akka yaalamu kan godhame mana hidhaa keessatti abdii fayyuu waan hin qabaanneef qofa, biyya alaas yaalamuun irra jiraachu danda’a” jedhe. 

Haala adeemsa seeraa Battee hordofaa akka ture haala kanaan kan ibse OLLAAn, qabiinsi isaa seera idil addunyaa kan cabse akka ta’e eereera. Kunis seera Waadaa Idil-addunyaa Mirgoota Siivilii fi Siyaasaa (ICCPR) keessaa, keewwata 9 irratti “Namni tokko himannaan osoo irratti hin banamiin mana hidhaa keessa tursiifamu hin qabu”, keewwata 10 irratti “Namni hidhaatti jiru kamiyyuu, qaamaanis haa ta’u sammuun dhaanamuu akka hin qabneefi wal’aansa fayyaa barbaachisu argachuuf mirga guutuu qaba” jedhu kan faalleessu akka ta’e hime.

 Akkasumas Seera Qabiinsa Hidhamtoota Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (Seera Maandeellaa) keewwata 25 irratti, “Hidhamtootni akkuma hawaasa biroo tajaajila fayyaa guutuu argachuuf mirga qabu” jedhu kan cabse akka ta’ees eereera, OLLAAn. 

Batteen “Sababa dararaa mana hidhaa keessa isarratti gaheen” dhibee tiruun qabamuu erga mirkanaa’e booda, wal’aansa barbaachisu akka argatuuf Bitootessa 11, 2022 wabiin bahee yeroo ammaan kana Hospitaala Adaraa jedhamu keessatti ciisee yaalamaa akka jiru, Itti gaafatamaan Sab-qunnamtii ABO Yeroo, Lammii Gammachuu, miidiyaa hawaasaa isaanirratti beeksisaniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.