Paartiin biyya bulchaa jiru anga’oota sadarkaa hoggansarra jiran 2,500 ol hojii irraa uggure; kumaatamoota irrattis tarkaanfii bulchiinsaa fudhate

Adam Faaraah, Pirezidaantii Itti aanaa Paartii Badhaadhinaa
Suuraa: Paartii Badhaadhinaa

Finfinnee,Bitootessa 16/2022- Paartiin Badhaadhinaa yaa’ii waliigalaa tibbana gaggeesseen booda aanga’oota 2,574 hooggansa irraa akka kaaseefi kunis gahumsi hojii isaanii gamaagamamu bu’aan hojii isaanii madaalamuu fi hanqina naamusaa fi itti gaafatamummaa hojii isaanii irratti bahaniin ta’uu Pirezidaantii Itti aanaa Paartichaa Adam Faaraah himaniiru. Walumaa galatti hooggantootni 108,258 kan gamaaggamaman yoo ta’u, kanneen kuma kudhan caalan irratti tarkaanfiin fudhatameera.

Adeemsa jalqaba yaa’ii waliigalaa paartichaa kaasee hanga dhumaatti ture bal’inaan kan ibsan Adam, hooggantoota tarkaanfiin irratti fudhatame 10,658 keessaa 2,574 hooggansarraa kan kaafaman yoo ta’u, warri kaan ammoo akeekkachiisni itti laatamu fi sadarkaa isaanii irraa akka gadi bu’an taasifamu himan.

Jalqaba baatii Bitootessa irratti, Paartiin Badhaadhinaa Amaaraa miseensota paartichaa adeemsa bulchiinsa liqii irratti seera bulchiinsa maallaqaa fi qabeenya paartichaa cabsaniiru jedhaman ittiseera. 

Akka ibsa aanga’aa olaanaa paartichaa kanaan, Badhaadhinni guutummaa biyyattii keessaa miseensota miliyoona 11 kan qabu yoo ta’u, yaa’ii waliigalaa jalqabaa Bitootessa 10 hanga 12, 2022 gaggeesseera. AS   

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.