Ambaasaaddarootni Hedduun Biyyoota Garaa Garaatti Muudaman

Finfinnee- Dubbi himaan Ministeera Haajaa Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii, Ambaasaaddarootni hedduun biyyoota garaa garaatti muudamuu ibse. Muudamni kun Pirezidaant Sahilewarq Zawudeetin Amajjii 26,2022 ragga’uu ibse. Muudamni kun ga’umsa irratti kan hundaa’e ta’uus eere jira. 

Dhimma lammiilee Itoophiyaa Saawudi Arabiyaa keessatti hidhamanii jiranii ilaalchisee, “Namoota 35,000 galmeessinee gara biyyaatti deebisuuf qophii irra jirra ” jedhe. Kana malees Ambaasaaddor Diinaan dhimma walitti bu’insa daangaa Itoophiyaa fi Sudaan irratti yaada kenne. “Biyyootni lameen marii haaraa hin gaggeessine. Sudaan keessa tasgabbiin waan hin jirreef dhimma akkanaa ta’aaninii mari’achuuf mijitaa miti” jedhe. 

Yuukireeni fi Raashishaay garaagarummaa isaanii marii nagaatiin akka hiikan waamicha kan dhiyeesse ambaasaaddarichi walitti bu’insi kun yoo babal’ate guutummaa adduunyaa miidha jedhe. Kanumaan walqabsiisee lammiileen Itoophiyaa Yuukireen keessatti ugguraman ilaalchisee “Imbaasiin dhiyeenya irraa jiran hordofaa jiru. Ammaaf odeeffannoo gadi fageenya qabu hin arganne” jedhe.  Ibsa torban darbeen Imbaasiin Xaaliyaan, Ingilizii fi Jarmanii jiran dhimma lammiilee Itoophiyaa jiranii hordofaa jiraachuu ibsamuun isaa ni yaadatama. 

Haaluma kanaan:-

1. Ambaasaaddar Baacaa Dabalee- Keeniyaa

2. Ambaasaaddar Dr. Injinaar Silashii Baqqalaa- Ameerikaa

3. Ambaasaaddar Tafarraa Darribawu- Jaappaan

4. Ambaasaaddar Dassee Daalkee- Kooriyaa Kibbaa

5. Ambaasaaddar Hasan Ibraahiim- Misir

6. Ambaasaaddar Dhaabaa Dabalee- Ruwaandaa

7. Ambaasaaddar Jamaal Bakar- Paakistaan

8. Ambaasaaddar Faayisal Aliyyii- Kuwaataar

9. Ambaasaaddar Isaayyas Gootaa-Moorookoo

10. Ambaasaaddar Tsaggaa’aab Kabbabawu- Awustiraaliyaa

11. Ambaasaaddar Mirete’aab Geetaa- Siwiidiin

12. Ambaasaaddar Fiqaaduu Bayyanaa – Eertiraa

Ambaasaaddarota teessoo isaanii Itoophiyaa taasisuun biyyoota garaagaraatti Ambaasaaddarummaan muudaman

13. Ambaasaaddar Xaafaa Tulluu- Biraaziil

14. Ambaasaaddar Dr. Gannat Tashoomaa-Kuubaa

15. Ambaasaaddar Shittaayee Minaalee- Kootdivaar

16. Ambaasaaddar Professar Fiqaaduu Bayyanaa- Indooneezhiyaa

17. Ambaasaaddar Rashiid Mahaammad- Zimbaabuwee

Gaggeessaa Waliigalaa Qoonsilaa ta’uun kan ramadaman:-

18. Ambaasaaddar Anteenehi Taarikuu- Gadaariif

19. Ambaasaaddar Akililuu Kabbadaa- Dubaay

20. Ambaasaaddar Sayid Mahaammad- Hargeessaa

21. Ambaasaaddar Awwal Wagariis- Baahireen

Ambaasaaddarota ittaanaa dursaa Miisiyoonaan ramadaman:-

22. Ambaasaaddar Asaayyee Alamaayyehu- Gaanaa

23. Ambaasaaddar Hayilaay Birhaanee- Jarman

24. Ambaasaaddar Bizuunash Masarat- Indiyaa

25. Ambaasaaddar Yoseef Kaasaayee- Niwuwoork

26. Ambaasaaddar Zalaalam Birhaan- Waashingitan

27. Ambaasaaddar Furtuunaa Diibaakoo- Beeljiyeem

28. Ambaasaaddar Warqaalemayyehu Dassitaa- Keeniyaa

29. Ambaasaaddar Wuubisheet Damissee- Ingilizii

30. Ambaasaaddar Mulugeetaa Kaliil- Paakistaanitti ramadamaniiru.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.