Boordiin Filannoo ABO, ABBO, SBS Yaa’ii Gaggeeffachuuf Guyyaa Dabalataa Gaafataniif Murtii Hin Kennine

Finfinnee, Bitootessa 17/2022- Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa (NEBE) akka kaleessa beeksisetti, Paartileen sadii Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Adda Bilisummaa Biyyaalessa Ogaadeen (ABBO)  fi Sochii Bilisummaa Sidaamaa (SBS) yeroo yaa’ii waliigalaa itti gaggeeffatan irratti  guyyaa dabalataa gaafataniiru. Boordichi garuu hanga yoonaa gaaffi isaanii ilaalchisuun murtii akka hin kennine ibse.

 Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa ibsa Gurraandhala 16,  baaseen  baatii tokko keessatti paartileen siyaasaa 26 ta’an yaa’ii waliigalaa akka waammatan waamicha taasiseera.

Erga Manni maree Bakka bu’oota Ummataa labsii yeroo muddamaa kaase guyyaa tokko booda, Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa  Paartilee Siyaasaa Biyyaalessaa 13 fi kan naannoo 13 Yaa’ii waliigalaa taasisuu fi Wixinee dhiyaate irratti  fooyya’iinsa barbaachisu akka taasisaan waamicha dhiyeessera.

Haa ta’uu malee Paartileen yeroo qabame keessatti yaa’icha gaggeeffachuu akka hin dandeenye fi miseensotni isaanii hidhaa jiraachuu qeeqa dhiyeessaniiru.Konfiraansii Boordichi Paartilee Siyaasaa waliin gaggeesse irratti dura teessuun Boordii Filaannoo Burtukaan Miidhaksaa paartilee yeroo jedhame keessatti yaa’ii isaanii akka gaggeeffatan hubachiisan.Haa ta’uu malee paartileen yaa’icha gaggeeffachuuf wantoota gufuu itti ta’an Boordichaatti beeksisuu akka qaban dura teessun dubbatte.

Akka ibsa Boordichaa kaleessaatti, maqaa  Paartilee siyaasaa yaa’icha gaggeeffatanii,kanneen gaggeeffachuuf guyyaa qabatanii fi  kanneen guyyaa dabalataa gaafatanii tarresseera.

Akka ibsichaattis hanga yoonaa paartileen afur qofti yaa’ii waliigalaa gaggeeffatan yoo ta’u, isaaniis Paartii biyya bulchaa jiru Paartii Badhaadhinaa, Paartii Haaromsaa /Paartii Hiddaasee / Paartii Magariisaa Kafaa fi Paartii Sochii Bilisummaa Uummattoota Gambeellati. Paartileen biroon sadii Paartiin Demokiraatawaa Mochaa, Paartiin Sochii Dimookiraatawaa Argobbaa fi  Paartiin Sochii  Dimookiraatawaa Amaaraa guyyaa yaa’icha itti gageeffatan Boordicha beeksisaniiru.

Boordichi paartii Sochii Biyyaalessaa Amaaraa (NAMA) fi Kongiransii Federaalaawaa Oromoo (KFO) dabalatee paartilee siyaasaa 12 guyyaa dabalataa gaafatan ilaalchisuun deebii kennuufii ibseera. Haaluma kanaanis paartileen kunneen guyyoota baatii Bitootessaa hafanii hanga Ebla 16,2022 tti gaggeeffachuuf karoorfataniiru.

Garuu gaafii paartileen Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), Addi Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogaadeen (ABBO)  fi Sochii Bilisummaa Sidaamaa (SBS)  guyyaa dabalataa  yaa’ii walii galaa isaanii  itti gaggeeffatan ilaalchisee Boordichi hanga yoonaa murtee akka hin kennine.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.