Xiinxala: Manni Kiristaana Ortodoksii Tigraay waamicha hariiroo idilee deebisanii eegaluu Sinodoosii “waraana duguuggaa sanyii” uummata Tigraay irratti godhame deeggaraa ture jedheen irraa dhiyaate dide. Maaltu itti aana?
Miseensota Manni Maree Phaaphaasota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tigraay (Suuraa: DW) Madihaanee Iqqubaamikaa’eliin @Medihane Finfinnee, Guraandhala 23/2023 - Manni Maree Phaaphaasota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tigraay walgahii waloo Guraandhala 09 gaggeessee waamicha kanaan dura Sekreetariyaatii Qulqulluu Sinodosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa, Sinoodoosii Mana Kiristaanaa Finfinnee fi Tigraay gidduu