Oduu: Kibba Oromiyaa Gujii Lixaatti hidhattoonni WBO mana hidhaa cabsanii, hidhamtoota dhibbaan lakkaa’aman miliqsan
Suuraa Hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO). Suuraa: Miidiyaa Hawaasaa Geetaahuun Laggasaa @Birmaduu2 tiin Finfinnee, Amajjii 11, 2023 - Hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) mootummaan “Shanee” jedhee waamu, mana hidhaa godinaa cabsanii seenuun hidhamtoota 480 ol miliqsuu isaanii qondaalli mootummaa fi jiraattonni Addis Standard’tti himan. Qondaalli mootummaas ta’e jiraattonni