Falmii Gulaalli: Siyaasaan Ganamuun Dargaggoota Oromoo Falmii Nagaa Gara Qabsoo Hidhannootti jijjiire

Hizqeel Gabbisaatiin

Ebla 15,2022– Mootummaan Naannoo Oromiyaa ji’a tokko keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) balleessuuf duula hunda galeessa jalqabuu beeksise. Mootummaan naannolee biroos humna nageenya isaani erguufi daangaa Oromiyaa waliin qaban cufuun duula kana irratti akka qooda fudhatan gaaffii dhiyeesseera. Dabalataan, aanga’ootni nageenyaa mootummaa Itoophiyaa gara Keeniyaa fi Sudaan Kibbaa imaluun waliigaltee nageenyaa fi seera kabachiisuu walii mallatteessaniiru. Mootummoonni naannolee fi biyyoota ollaa hidhattoota WBO haleellaa dheessanii miliquuf yaalan karaa dhowwachuun duula kana irratti waltumsaniiru. 

Karoora waraanichaa hojiirra oolchuuf humnoota adda addaa shan walitti sassaabamu isaani ibsichi ni akeeka. Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaa, Humna Addaa Oromiyaa fi milishaan Oromiyaa keessa bobba’aniiru. Kallattii shaniin humna WBO waraanuuf kan bobba’an yoo ta’u; kallattii Lixaan adda Wallaggaa, kallattii kibbaan adda Gujii, giddugala Oromiyaatti adda Shawaa Lixaa, kallattii bahaan adda Baalee-Harargee fi kallattii kaabaan adda Shawaa Kaaba fi Bahaan bobba’aniiru. Iddoowwan Oromiyaan naannolee biroo waliin wal daangeessituutti naannoo Somaalee, Gaambeellaa, Sidaamaa fi Beenishaangul Gumuz daangaa isaani cufuuf waraana isaani bobbaasaniiru. Hanga ammaatti, humnoonni naannolee akkaataa ittisuuf isaanitti toluun kan taa’an yoo ta’u, gaaffii dhiyaatuun gara Oromiyaa seenuuf qophaa’aniiru.

Karoorri waraanaa kun kan qophaa’e waraanni Tigraay harka akka kennatuuf jecha tarsiimoo “Anaakoddaa” naannoo Tigraay hudhuuf bahe hordofeeti. Haasaa biraan, kaayyoon duula kanaa naannoo Oromiyaa marsuun uummata cunqursuun hidhattoota WBO keessaa baasanii gara biyyoota ollaa akka hin godaanne taasisuudha. Karoorichi amma hojii ooluu kan eegale yoo ta’u, naannoon Oromiyaa akka marfamte jirtu gabaasaaleen ni mul’isu. 

Marsaa lammaffaa

Duulli kun yeroo gaggeeffamu, qophiin ji’oota dura akka jalqabame ifa ta’e. Hoggantootni waraana Itoophiyaa mormitoota siyaasaa Paartii Badhaadhinaa, keessattuu TDF fi WBO, waliin sadarkaa adda addaan waraanni akka gaggeeffamu eeruu laachaa turan. Amajjii 20, 2022,Itti aanaan Ajaajaa  waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Janaraal Ababaaw Taaddasaa af-gaaffii EBC waliin taasiseen, Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) irratti duula marsaa lammaffaa gaggeeffamaa ture akka xumurame beeksiseera. Dabalataan, ‘sochiin shororkeessummaa’ Qimaant, WBO fi humnoota Itoophiyaa keessatti mootummaa mormuuf socho’an adeemsa duula itti aananiin ni barbadeeffamu jedhe. 

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walga’ii Guraandhala 22, 2022 gaggeesse irratti mootummaan WBO irratti tarkaanfii akka fudhatu Ministirri Mummee Itoophiyaa eereera. Waraana kana “Shanee” jechuun kan ibse Mummichi Ministiraa, akka garee shiftootaa hogganaa hin qabne, akkasumas miidhamtoota fi maallaqa saamichaaf ta’u barbaacha baadiyyaatti kan naanna’u jechuun ibse. Akkana jedhe:

“Shaneen kaayyoo ifa ta’e hin qabu. Maaliif akka qabsaa’u hin beeku. Namummaaf kabaja laachuuf yaada xiqqoollee hin qaban. Uummata akka deeggaraa fi mormituutti addaan qoode kan ilaalan yoo ta’u, isa mormituudha jedhe ajjeesa. Namoota dhuunfaa irra saamicha gaggeessa. Gareen kun maalirraa akka uumame beekuun ulfaata. Dhugaa dubbachuuf yoo ta’e, badii hiika hin qabne raawwata. Wantoota hojjetu biroof sababa qaba jenne tilmaamnuus, Riizortii Wancii Turizimiirraa galii sassaabuun qonnaan bultoota naannichaa fayyadamaa taasisuuf ijaarame irratti miidhaa geessisuun kaayyoon isaa maali? Uummata Oromoof qabsa’aa yoo ta’e, maaliif pirojeektoota misooma uummata Oromoo barbadeessa? Sanada barreeffamaa hin qabu. Hogganaa hin qabu. Garee ulfaataadha.”

Ifatti himamu baatuus, WBO irratti duula waraanaa gaggeeffamaa akka jiru ifa ture. Bitootessa 15, 2022, duulli WBO irratti gaggeeffamu  akka hin hafne ifa ta’e. Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa fi Ministirri Mummee Itoophiyaa haasaa walga’ii jalqabaa Paartii Badhaadhinaa irratti taasiseen waa’ee qophii godhamaa jiru eeruu laateera. Toftaan duula waraana akka itti aanuuti.

“Shaneen kan Oromiyaa jaalatu haa fakkaatuyyuu malee, adda durummaan diina uummata Oromoo fi Oromiyaati, diina Paartii Badhaadhinaatisi. Miseensa Paartii Badhaadhinaa hundu tokkummaan dhaabbachuun isa falmachuu qaba. Paartii keenya keessa walsakaaluu fi amantaa walirratti dhabu ala diinni kun hunda keenya balleessuuf kan kaayyeeffate ta’u hubannee tokkummaan falmachuuf qophii ta’uu qabna. Yoo waliin falmanne, gareen kun uummata keenya miidhuu hin danda’u. Waliin hin dhaabbannu taanaan, nu qoqqoodee of guddifachuuf qaawwa argata.”

Boodarra tooftaan siyaasaa haasaa kana keessa eerame kun, karoora waraanaa ji’a tokko keessatti WBO balleessu akka ta’e ifa ta’e. Mootummaan Paartii Badhaadhinaa tooftaa waraanaa ifa ta’e baasuu isaa beekuun rakkisaadha. Adeemsa Oromiyaa marsuu garuu guutummaa guutuutti gaggeeffamaa jira.  

Mormii Dargaggootaa Hanga Qabsoo Hidhannoo 

Dhuguma Ministirri Mummee Itoophiyaa akka ibsetti, WBOn garee hidhattoota fuula fi onnee hinqabne, kaayyoo siyaasaa kan hin qabne fi sababa jireenyaa kan hin qabneedha? 

Kanneen siyaasa Itoophiyaa gadi fageenyaan hordofan akkaataa Mummichi Ministiraa WBO itti ibsa dhugaa jiru irraa kan fagaate akka ta’e hubachuu hin dadhaban. WBO’n damee waraanaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) waan ta’eef, kaayyoon siyaasa isaas dhaaba isa uumee wajjiin walfakkaataadha. WBOn mirga hiree ofii murteeffachuu uummata Oromoo mirkaneessuu fi dhiibbaa siyaasaa, diinagdee fi aadaa dhaabsisuuf akka qabsaa’u Mummichi Ministeerallee beeka. Jalqaba 1980’ota keessa erga hundeeffame kaasee dhiira fi shamarran WBO cunqursa falmachuuf lubbuu isaani qaalii wareeganiiru. 

Gaaffiin kun mirgoota Heera Mootummaa Itoophiyaa fi labsii mirgoota namoomaa idil addunyaarratti tarreeffaman waliin kan wal simuudha

Ministirri Muummee Itoophiyaan kan hadheessan WBOn, fuula haaraa Warraaqsa Qeerroo akka Muummichi Ministiraa gara aangoo dhufan godheeti. Warraaqsi Qeerroo ykn mormii Oromoo gaaffii hiree ofii ofiin murteeffachu uummata Oromoo mirkaneesseera. Gaaffiin kun mirgoota Heera Mootummaa Itoophiyaa fi labsii mirgoota namoomaa idil addunyaarratti tarreeffaman waliin kan wal simuudha. Lammiilee Itoophiyaa hundu warraaqsa Qeerroo Oromoo ADWUI kuffiseef hiriira deeggarsa kan godhan sababa tokkummaa kaayyoo kanaatiini. 

Waraaqsi Qeerroo kaayyoo sirna siyaasa fi diinagdee biyyattii bilisa baasu qabatee cunqursaa sirnichaa falmateera. Fooyya’insa jalqabaa jijjiirama mootummaa bara 2018 hordofee taasifaman Abiy Ahmad ittiin leellifamu kan akka bilisummaa haasaa mirkaneessu, hidhamtoota siyaasaa hiikuu fi waltajjii siyaasaa bal’isu bu’aawwan warraaqsa Qeerrooti. Kaayyoon WBOs bu’aawwan warraaqsa Qeerroo kana eeguu fi hiree ofii ofiin murteeffachu dabalatee gara siyaasa dimoikraatawaatti deebi’udha. 

Addunyaa Ministirri Muummee uumeen Qeerroon akka garaa jabaataa farra warraaqsaatti godhamanii ilaalamu. Bara cunqursaa ADWUI akka dhumu kan taasisan Qeerroon, maqaa isaani haareessuufi injifannoowwan qabsoo isaani eeguuf heddumminaan WBOtti makaman. Dhugaa dubbachuuf  Qeerroon Oromoo, qabsaa’otni WBO har’aa, bakka buutoota jijjiirama hawaasaa fi deeggartoota bara abdii haaraa sababa dirree siyaasaa dhorkamaniif  gara gaarreenii ol bahuu filataniiti. Osoo humnoota nageenyaatin hin dararamiin, osoo hin hidhamiinifi osoo hin ajjeefamiin jiraachu waan hin dandeenyeef karaa kana filatani.  

Muummichi Ministiraa gara aangootti kan dhufe sababa qabsoo fi wareegama Qeerroo Oromoon akka ta’e irraanfachu hin danda’u. Guraandhala 22, 2022, haasaa Paarlaamaaf taasiseen WBOn deeggarsa uummata bal’aa waan qabuuf waraanni WBO waliin godhamu salphaa akka hin taane amaneera. 

” Shanee waraanuu fi injifachuun, uummata Oromoo fi humnoota nageenyaa waliin haala qindaa’aa ta’een haleellaa siyaasaa fi waraanaa taasisuuf marii gadi fageenya qabu fi ifa ta’e gochu barbaada. Duula waraanaa qofaan milkii fiduun hin danda’amu. Uummatni Oromoo maaliif garee hidhate kana deeggara jenne gaafachu qabna. Nu bira hanqinni yoo jiraate isa sirreessu qabna. Shanee hadheessu qofa gahaa miti. Maaliif aanaan tokko [Oromiyaa keessa] garee kanaaf dahoo amansiisaa ta’ee fi dhiyeessi kenne jenne gaafachu qabna. Hinqinaalee keenya addaan baasuu qabna. Waanti uummatni nurraa argachuu hin dandeenye maali? Uummata dhaggeeffachu qabna, akkasumas kanneen sirreeffama barbaadan sirreessuuf gahee keenya bahachu qabna.”   

MM Itoophiyaa haasaa walfakkaataa irratti WBOtin kaayyoo kan hin qabne jechuun arrabsee, akkasuma ammoo eenyummaa dhugaa WBO irratti ragaa baheera. 

Erga Mummichi Ministira gara aangoo dhufe booda seerota heera mootummaa faalleessan labsuuni fi mirga namoomaa lammiilee cunqursuun heera mootummaa diiguuf waan hunda godheera.

Muummichi Miniteera, Shaneen har’aa, Qeerroo kaleessa warraaqsa isaatin gara aangootti isa fide akka ta’e beeka. Erga aangoo qabate booda garuu gaaffii bilisummaa, dimookiraasii, haqa fi kabaja dargaggeessi dhiyeessu mormuun siyaasa sirna darbe Oromoo gadi xiqqeesse ilaalu filate. Karaan biraan, kaayyoo dargaggoo Oromoo ganeera. WBOn abbaa irrummaa Mummee Ministira yeroo irraa gara yerootti dabalaa jiru haala bu’aa qabeessa ta’een hidda akka hin fageeffanne gochuuf kaayyeeffate.

Erga Mummichi Ministira gara aangoo dhufe booda seerota heera mootummaa faalleessan labsuuni fi mirga namoomaa lammiilee cunqursuun heera mootummaa diiguuf waan hunda godheera. Seera dimookiraasii paarlaametariin hin socho’u. Karaa seeraan ala aangoo ofitti sassaabu, Pirezidaantota naannolee filataman namoota isaaf gugguufaniin jijjiiru fi humnoota nageenya federaalaa akka qabeenya ofitti fayyadamuun qooddii aangoo federaalaa balleessee jira. Tarkaanfiiwwan kun faallaa injifannoowwan warraaqsa Qeerroo kumaatama itti wareegameeti. Kaayyoon WBO gochoota seeraan-alummaa, dhaabbilee mootummaa balleessu fi siyaasa duubatti harkisu irratti qabsaa’u akka ta’e hubachuuf  bu’uura falaasama hin barbaadu.

Fedhiiwwan siyaasaa 

Waraanni Bilisummaa Oromoo, gaaffilee siyaasaa hanga ammaa mul’atani hin beekne hin dhiyeessine. Kaayyoon WBO gaaffilee siyaasaa, diinagdee fi aadaa uummata Oromoo dhugoomsudha. Mirga hiree ofii ofiin murteeffachu gaaffilee hunda of keessatti kan hammate fi mirga mootummaan kabaju qabu akka ta’e WBOn ibseera.Federeeshinii sab-daneessaa sabaaf sab-lammii fi uummattoota Itoophiyaa mirga ofiin of bulchuu fayyadamanii hawaasa siyaasaa olaantummaa seeraa, mirgoota namoomaa fi haqa hawaasummaa, ijaarsa sirna dimokiraatawaa fi guddina diinagdee irratti hundaa’e fudhachuuf eeyyamamoo ta’u ibseera. Kuni furmaata siyaasaa fudhatama qabu malee gaaffii uummata Oromoof furmaata ijoo miti.

Mummichi Ministiraa kaayyoo siyaasaa addaa WBO beeku yoo barbaade, lafa fi qabeenya uumamaa Oromiyaa qabeenya waloo uummata Oromoo godhanii eeguu, Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa gochuu, fi imaammata barnoota Afaan Oromoo miidhan balleessu keessaa aramu

WBOn sarbiinsa kabaja fi mirga jiraachu Oromoo irra gahu irratti qabsa’a. Qabsichi gochoota namummaa hin qabne babal’achaa jiran, kanneen akka hidhaa seeraan ala, himata malee hidhamu, sakatta’insa seeraan ala fi mirga wabii mana murtiin ajajame dhorku hidhamtoota siyaasaa Oromoo irratti gahaa jiru dhaabsisuuf kaayyeeffate. Itoophiyaa bara kanaatti, Oromoon mootummaaf balaadha jedhame yakkameera. Yeroo filannoo darbe irratti namoota siyaasaa EZEMA Itoophiyaa fi Finfinnee Oromoo irraa eeguuf akka kaayyeeffatan dubbachaa turan. WBOn haleellaa gatii hin qabne akkasi Oromoorraa ittisa.

Mummichi Ministiraa kaayyoo siyaasaa addaa WBO beeku yoo barbaade, lafa fi qabeenya uumamaa Oromiyaa qabeenya waloo uummata Oromoo godhanii eeguu, Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa gochuu, fi imaammata barnoota Afaan Oromoo miidhan balleessu keessaa aramu. Kana malees, Finfinneen qaama ijoo Oromiyaa ta’uushee mirkaneessu barbaada, WBOn.

Kuni hundu gaaffilee siyaasaa adeemsa siyaasaa gara furmaatatti geessu barbaadaniidha. Qabsaa’ootni WBO, qabsaa’ota bilisummaa gaaffiilee bilisummaa, walqixxummaa fi kabaja uummatni Oromoo kaasee kabachiisuuf wareegama olaanaa kafaluun hanga dhumaatti falmachuuf murannoo qabaniidha. Dhalootni dargaggeessa Oromoo amma jiruus dhimma Oromoo irratti lubbuu isaa kennuuf qophii ta’u agarsiisuus, waraanni garuu kaayyoo isaani yookaan mala qabsoo filatan miti.

Siyaasa hidhannoo hinqabne

Adda Bilisummaa Oromoon murannoo nageenyaaf qabu agarsiisuuf yeroo adda addaatti mootummaa injifannoo Oromoo irra ejjetee fi sirna Impeeriyaalii Itoophiyaa deebisuuf tattaafachaa jiru waliin mariif taa’eera.  Hoggantoonni WBO ofiisaani waldhibdee jiran karaa nagaa qabeessa ta’een hiikuuf murannoo akka qaban irra deddeebiin beeksisaniiru. Hoggantoonni ABO furmaata siyaasaa gaaffii uummata Oromoo keessummeessu danda’u fi wareegama kafalameef kabaja laatu uumuuf marii haqa qabeessa akka gaggeeffamuus murannoo qaban agarsiisanillee, mootummaan paartii Badhaadhinaa garuu karaa faallaan isaan hidhuun WBO irratti waraana labse. Walwaraansa Itoophiyaa keessa jiru waldhabdeewwan siyaasaaf furmaata waraanaa akka hin jirre yeroo agarsiisaa jiran kanattillee, Mummichi Minitiraa dargaggoota Oromoo isa morman ajjeesu fi gara mana hidhaatti guuruuf duula maqaa balleessii irratti gaggeessaa jira.

Adeemsi kun mootummoota darbaniin yaalameera. Hundu injifatamanii irraanfatamaniiru. WBOn gara-jabeenyummaa mootummoota Itoophiyaa dhufaa darbaniin miidhaa lubbuu hammana hin jedhamne irraan gaheera. Garuu hundumasaa dandamatee har’a gaheera. Muummeen Ministira, waldhabdee kana dhaabsisuuf tooftaalee bu’aa hin qabne dhiisee marii siyaasaa yoo fudhate fi Itoophiyaa badhaate inni dubbatuuf ijaaru yoo jalqabe gaariidha. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.