Seenaa Koloneel Maammoo Mazammir

Finfinnee, Koloneel Maammoo Mazammir bara 1929tti Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Gudaritti dhalate. Umuriin isaa barnootaaf yeroo ga’u magaalaa Gudar keessatti mana barumsaa Dajjaazmaach Bashaa seenuudhaan barnoota sadarkaa jalqabaa argate. Akkasumas barnoota sadarkaa lammaffaa mana barnootaa Tafarii Mokonnin keessatti osoo hordofaa jiru barattoota yeroo sana qabxii olaanaa qaban keessaa tokko ta’e mana barnootaa leenjii barsiisotaa Hararitti akka baratuuf carraa argate. 

Haa ta’u malee fedhiin isaa yeroo sanaa barnoota qofa osoo hin taane dhimma waraanaas waan tureef mana leenjii waraanaa Harar seene. Mana leenjii kana keessattis qabxii olaanaadhaan waan xumureef leenjisaa mana leenjii waraanaa Harar ta’e muudame. Yeroo muraasa boodas leenjistoota barnoota sadarkaa olaanaa akka barataniif carraa argatan keessaa isa tokko ta’ee bara 1962tti Yunivarsiitii Finfinneerraa barnoota seeraatiin digirii jalqabaa argate.

Koloneel Maammoo Mazammir osoo barnootaaf Yunivarsiitii Finfinnee jiru waa’ee dhaaba Maccaa fi Tuulamaa odeeffannoo argate. Yeroo kana irraa jalqabees gara dhaabbata Maccaa fi Tuulamaa keessatti makamuuf sochii jalqabe. Fedhiin isaa kunis milkaa’ee gara dhaabbata kanatti makamuudhaan hayyoota Oromoo kanneen akka Birgaader Janaraal Taaddasaa Birruu, Loltuu Lammeessaa Boruu, Haayilamaariyaam Gammadaa fi Alamuu Qixxeessaa waliin ta’uun umuriisaa isa hafee sochii guddaa taasise.

Haa ta’u malee, sochiin kun kan isa hin gammachiifne mootummaan H/sillaasee Maammoo Mazammir fi jaallansaa to’annoo jala oolchee himata “Heera mootummaa diiguudhaan tokkummaa uummata Itoophiyaa yeroo dheeraa cimee ture kan fashaleessu holola sobaa oofuudhaan ummata jeequmsaaf kakaastan” jedhu irratti dhiyeesse. Maammoo mazammir irratti ammoo dhuunfaan himata addaa “Gurraandhala 10 bara 1967 uummata siniimaa Ampiir keessatti walitti qabaman irratti boombii darbatee namoota hedduu irratti miidhaa geessise” jedhu irratti dhiyeessuun Gurraandhala 28 bara 1969 murtoon du’aa irratti murteesse. 

Koloneel Maammoo Mazammir himata ragaa hin qabneen himatamee bara 1969 mana adabbii Gaashiree yookaan “Alam baqqaanyi” jedhamu keessatti fannifame ajjeeffame.
Hubachiisa Gulaalaa: Seenaan kun marsariitii oromedia jedhamu irraa qindaa’e

Post Tags
No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.