Finxaaleeyyii saamicha lafaa irratti bobba’an irratti tarkaanfiin fudhatamaa jira- Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii magaalaa Finfinnee

Dr. Qana’aa Yaadataa,
Madda: Waajjira Kominikeeshinii magaalaa Finfinnee

Natnael Fite tiin

Finfinnee – Finxaaleeyyiin fedhii garagaraa qaban guyyoota ayyaanaa sababeeffachuun taatewwan magaalattitti qophaa’aniifi rakkoo qaala’insa jireenyaa fayyadamuun rakkoo uumuuf akka carraaqan, keessumaa finxaaleeyyii sabummaa bu’ureeffatan, kan amantiin gurmaa’aniifi kanneen sochi siyaasaa hin barbaachisne uumuuf carraaqan to’annoo jala oolchuun qorannoon gaggeeffamee tarkaanfiin fudhatamaa jiraachu ibse Hogganaan Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii magaalaa Finfinnee Dr Qana’aa Yaadataa OBNtti hime.

Dhiyeenya kana magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftoo aanaa 9 qaxanaa 3tti namoonni 97 kutaalee magaalaa Boolee aanaa 12 fi Aqaaqii Qaallittii aanaalee 5 fi 6 irraa walitti babba’an karaa qindaa’aa ta’een lafa misooma magariisaaf qophaa’e keessa yeroo garaagaraa seenuun bosona achi keessaa ciruun karaa seeraan alaa saamicha lafaa gaggeessuuf turan too’atamuun isaani ni yaadatama.

“Lafa saamuun daangaa babal’ifachuudhaaf namootni dhuunfaa deeman baay’eedha. Maqaa amantaatiniis dhaqanii lafa saamuudhaaf deemuun jira. Fakkeenyaaf naannoo Lammii Kuraa, Laaftoo, Koolfee, naannoo daangaa Oromiyaarratti maqaa amantaatiniis, dhuunfaadhaanis, gareedhaanis lafa saamuudhaaf humni deemuu jira. Kana karaa qabsiisaa jirra. Caasaan nageenyaas itti dhiyeenyaan hordofaa jira, tarkaanfiin qabatamaas fudhatamaa jira,” jedhe.

Itti dabaluun, “Fedhiin jiru salphaa miti. Nuti yeroo waan kana qorannu dhimma lafaa qofa miti. Dhimmi siyaasaa, dhimmi lafa babal’ifachuu, kanarra ka’anii uummata walitti buusuuf deemuun keessa jira,” jedhe.

Sochiin gurmaa’insi finxaaleeyyii fi yaaliin saamicha lafaa iddoo adda addaatti taasifamu fedhiin isaani ijoon sochii siyaasaa jijjiiruu fi xiyyeeffannoo argachuuf akka ta’e kan hime  Qana’aan, nageenya waarawaa buusuufi abjuu finxaaleeyyii fashaleessuuf murtoo siyaasaa akka barbaadu dubbate. 

“Yeroo kamuu dhimmi nageenyaa, dhimmi yakkaa jedhamu bu’uurri isaa siyaasa, furmaantni isaas siyaasa. Finxaaleeyyiin jiru yeroo jedhamu dhaabbilee siyaasaa yookaan dhaabbilee amantaa keessa qofa miti, caasaa mootummaa keessallee jiru. Akka mootummaattis akka paartiittis humnoonni akkasii akka qulqulla’aniifi tarkaanfiin akka fudhatamu kallattiin taa’ee jira. Kanarratti hunda’amee tarkaanfiin fudhatamaa jira,” jedhe.

Finxaaleeyyii muraasan ala hawaasni magaalaa Finfinnee nagaa barabaada kan jedhe Qana’aan, kan bara daree irra walbira qabame yeroo ilaalamu sochiin nageenya magaalittii fooyya’aa ta’u dubbate. Yaaddoo nageenyaa hambisuuf karoora tarsiimoo fooyya’aan ba’ee hojiirra oolaa kan jiru fi caasaa nageenya Oromiyaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachu ibse.

Rakkoo nageenya magaalaa Finfinnee keessatti muudatu fi mul’achuu malu too’achuuf marii hawaasa magaalaa giddugaleessa godhachuun karoora qinda’aadhaan hojjetamaa jiraachuus hime.

“Marii uummataa irratti dhimmi mankaraaressummaa jedhamu kun Finfinnee keessatti seera hin qabatu taanaan, walitti bu’iinsa Finfinnee keessatti uumuu qofa osoo hin ta’iin biyya kanaafiyyuu balaadha kan jedhu irra deddeebiin ka’eera,” kan jedhe Dr Qana’aan, yakki meeshaadhaan gurmaa’anii saamuu, saamicha lafaa fi ijaarsa seeraan ala akka jiru marii kana irratti ka’uu fi gaaffiin dhiyaate kunis sirri ta’uu irratti amanamee rakkoo kana hiikuudhaaf irratti hojjetamaa jiraachu hime. AS

Post Tags
No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.