Dhorkiiwwan sochii amantaa Ramadaan keessa manneen barnootatti taasifaman ana hin ilaallatan – Ministeera Barnootaa

Finfinnee – Barattootni Musliimaa manneen barnoota magaalaa Finfinnee keessatti baratan baatii Ramadaana keessa mooraa mana barumsaa keessaa fi mana barumsaa ala bahanii akka hin salaatne dhorkamu isaanii hordofee komiiwwan hordoftoota amantaa Islaamaan dhiyaatu ilaalchisee Ministeerri Barnootaa toora fuula Feesbuukiitiin ibsa laateera. Ministeerichi, marsaalee hawaasaa gara garaa irratti dhimmichi ministeericha waliin walqabata waan jiruuf, kunis hanqina hubannoo qindeeffama federaalaan waan ta’eef ibsa laachuuf akka dirqame ibse.

Itti fufuun, “Sirni Federaalaa haala kamiin akka hojjetu fi hariiroo manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa Naannolee irra jiraniifi Ministeera Barnoota giddu jiru irratti hanqina hubannoo waan jiruuf ibsi kun barbaachise,” jedhe.

Ministeerichi Labsii 1263/2014 keeyyata 34 eeruun, Dhimmichi  humna Biiroo Barnoota Naannolee ol yoo ta’e malee Biiroolee Barnoota Naannolee keessa akka hin seenne keeyyatichi akka dhorku ibseera. Kanaafis, waldhabdeewwan amantaa waliin qabatanii magaala Finfinnee keessatti mul’achaa jiran akkaataa Heera Mootummaatin Biiroo Barnoota Finfinnee kan ilaallatu ta’u beeksise. 

Haata’u malee, akkaataa bu’uura tarsiimoo biyyaaleessaa keeyyata 90, keeyyata xiqqaa 2n, barnoonni haala kamiinuu dhiibbaa amantaa, siyaasa fi aadaa irraa bilisa ta’u akka qabu hubachiiseera. 

Wiixata darbe Waajjira Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Finfinnee, marii bilbilaa Hogganaa Itti aanaa Biiroo Barnoota bulchiinsa magaalaa Finfinnee waliin taasiseen, Biiroon Barnoota magaalichaa barattootni musliimaa manneen barnoota Finfinnee keessatti baratan yeroo salaatatti mooraa mana barumsaa ala bahanii akka salaatan murteessu himeera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.