Itoophiyaa keessatti bara 2021 walitti bu’iinsi harka 161 guddachuu qorannoon Ifoomse

Finfinnee – Pirojeektiin naannawa walitti bu’iinsa hidhattootaa fi ragaa taateewwanii (ACLED) jedhamu haala walitti bu’iinsa guutuu Itoophiyaa keeessa jiru galmeessuun,  gabaasa isaa walitti bu’iinsa bara 2022tti yaaddoo ta’an jedhu keessatti, bara 2021 tti Itoophiyaatti taatewwaan walitti bu’iinsaa harka 161 (161%) guddachuu ibse.Kunis bara biyyattii keessa walitti bu’insi hedduun ture ta’uu kan agarsiisudha jedhe ACLED’n.

Gabaasichi itti fufuun,Humnootni mootummaa, Milishoota naannolee waliin ta’uun imala hidhattootaa duubatti deebisaniyyuu, biyyattiin yeroo dhihoo  keessatti daandiin wal qoqqoodu babal’achuun walitti bu’iinsi heddu biyyatti  akka eeggatu akeekkachiisera.

“Itoophiyaatti, humni mootummaa yaaddoo nageenyaa hedduu ta’an ittisuuf qophii akka hin qabne akeekkachiifna,” kan jedhe qorannichi kanaaf ammoo, sodaan humni hidhattoota ABUT fi  WBO waggaa tokko keessatti bakka heddutti uuman ragaa ta’uu eerera.

Walitti bu’iinsa  kanneeniin ACLED’n, “Kufaatii qaamolee siyaasaa, sirnaa, tasgabbii itti fufiinsa qabu fiduu fi rakkoo jiru hiikuu dadhabuu irraa kan dhufe” jedhe. “Kunis hawaasni idil addunyaa meeshaalee, gamtaa fi dhiyeenya  lola addunyaa dheeraa fi dhuma hin qabne furuuf gargaaru akka hin qabne saaxile” jedhe gabaasichi.

ACLED’n waggaa waggaan baatiwwaan dhufan keessa walitti bu’iinsa yookiin haalota balaa guutuu addunyaa hammachuu danda’an yookiin fooyy’uu danda’u 10 adda baasa.

Bakkeewwan kurnan ACLED adda ba’an kunneenis bakkeewwan amma walitti bu’iinsi jiru qofaa utuu hin taane, kallattiiwwaan haaraa, bakkeewwan  haleellaan itti rawwatamuuf ta’u fi walitti bu’iinsa keessatti haalota jijjiiraman ilaalchisuun kan dhiyaatu ta’uun gabaafamera.

Gabaasa guutuu asii argattu. 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.