Konfedereeshiniin Waldaalee Hojjattoota Itoophiyaa Mootummaan seera hojjattootaa idil addunyaa akka raggaasisu gaafate

Biruk Alamuu tiin @Birukalemu21

Finfinnee, Konfedereeshiniin Waldoota Hojjettoota Itoophiyaa (CETU), mootummaan dhimma hojjettoota manaa, godaantotaa hojjattootanii fi dararaa bakka hojiitti mudatu ilaalchisuun seerota hojjettoota idil addunyaa (ILO) akka raggaasu gaafate.

Konfedereeshinichi konvenshinii ykn waliigaltee seerota hojjettoota idil addunyaa (ILO) keessaa waliigaltee godaansa hojii lakk.97 fi waliigaltee godaantota hojjattootanii lakk.143, waliigaltee hojjattoota manaa lakk.189, fi waliigaltee dararaa fi dhiibbaa lakk.190 ragga’ee hojiirra akka oolu mootummaa gaafateera.

Pirezidaantiin Konfedereeshinichaa Kaasaahun Foloo, “Biyyi keenya bakka jireenya hojjattoota manaa miliyoonaan lakkaawwamaniifi hojjattoota manaa biyya keessaa fi alaa kuma dhibbaatamaan lakkaawwamaniiti. Waliigalteewwan idil addunyaa kana raggaasuun qaama seera biyya keenyaa gochuuf duula eegalleerra” jedhe. Seerotni kun seera hojattotaa godaananii baasuun hojjattoota dararaa irraan gahuu irraa eeguu fi walqixxummaa saalaa mirkaneessu hundeessu dandeessisa, jedhe. 

Pirezdaantichi, hojii dhabdummaan, hiyyummaa, walitti bu’iinsi hin dhaabbannee, qoodiinsa qabeenyaa haqa qabeessa hin taane, jijjiiramni qilleensa fi balaawwan uumamaa, beelli, dabaluun lakkoofsa uummataa fi kanneen biroo, biyyattiin madda hojjattoota godaananii akka taatu gochuu ibse. Akka inni jedhutti, waggoota shanan darban qofa lammiileen Itoophiyaa, baay’inaan dubartootni, 839,000 biyya irraa godaananiiru.

Sadarkaa idil addunyaatti, hojjattootni manaa miliyoona 53 gahan haala hojii rakkisaa ta’e, inshuraansii nageenya isaani hin eegamne, miindaa hin arganne, haleellaa qaamaa fi saal-qunnamtii, hojii dirqii fi daddabarsa namootaan rakkachaa akka jiran ibseera, Pirezidaantichi. 

Itoophiyaa keessatti seera dhimma hariiroo hojjattoota manaa fi hojjachistoota to’atu akka hin jirre kan hime Kaasaahun, mootummaan, dhaabbileen michuwwanii fi qaamolee qooda fudhattootni  biroo dhimma hojjattoota seeraan to’achuuf akka hojjatan gaafateera. Konfedereeshinichi, mootummaan waliigalteewwan idil addunyaa lakkoofsa 189, 97, 143 fi 190 akka raggaasuu fi hojiirra oolchu dhiibbaa gochuu akka itti fufuus waadaa galeera.

Konfedereeshinichi, yaa’ii walakkaa waggaa torban darbe gaggeesseen, Itoophiyaan faayidaa AGOA irraa haqamushee ilaalchisuun mootummaan hojjattoota Paarkii Indaastiriif furmaata waaraa akka laatu gaafateera. AS 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.