Godina Booranaatti namoota midhaan deeggarsaa hatan irratti tarkaanfiin fudhatame- Bulchiinsa Godina Booranaa

Finfinnee – Aanaalee Godina Booranaa garaagaraa keessatti namoonni 56 deeggarsa hawaasa hongeen miidhamaniif dhufe faayidaa dhuunfaaf olchan jedhaman to’annoo jala oolfamanii tarkaanfiin garaagaraa irratti fudhatamuu bulchiinsi Godinichaa akka beeksise OBN gabaaseera. Gocha kana keessatti namootni qooda qaban hedduu waan ta’aniif isaan hafanis seeratti dhiyeessuuf hojiin jalqabame akka cimsuus bulchiinsi godinichaa himeera.

Namooota shakkaman to’annoo jala olchuun kan danda’ame eeruu hawaasaa cinatti hordoffiifi sakkata’iinsa cimaa taasifamee akka ta’e kan hime Bulchaan Godina Booranaa, Jaarsoo Boruu, himeera. Keessumaa naannoo magaalootaatti namoota hannaafi hojii badaan shakkaman 12 to’atamanii seeraaf dhiyaachuun dhimmi isaanii qulqullaa’aa jiraachuu dubbate. Kanneen keessaa magaalaa Moyyaaleetti namoota sadarkaa hoggansaa irra jiran 5 irratti tarkaanfii bulchiinsaa fudhatamuus hime.

Fulbaana darbe gargaarsi nyaataa hawaasa hongeen miidhamaniif dhiyaachaa jiru haala itti fufiinsa qabuun uummata qaqqabaa akka hin jirree fi namoonni hoggansarra jiran faayidaa dhuunfaa isaaniif oolchaa akka jiran Addis Standard  gabaasuun isaa ni yaadatama.

Danqaa hoggantootni dhiyeessi deeggarsa irratti godhan rakkoo nyaataa uumamaa jiruuf sababa ta’uu isaanii jiraataan Addis Standard  yeroo sana dubbise tokko himeera. “Gargaarsichi nu bira hin geenye, hoggantootni waan hunda faayidaa dhuunfaa isaanif fudhatan. Rakkinichi beela qofa osoo hin taane, hanqina bulchiinsa gaarii fi hawaasaaf yaadu dhabuudha,” jedhe.  

Aanaalee godinichaa  Goomolee, Guchiifi Waacillee fi aanaalee birootti bakkoota sababa hongee muudateen lammiilee fi beeyladoonni isaanii miidhaaf saaxilamanitti, namoota midhaan deeggarsaa mana kuusaatti kuusan, akkasumas hanna deeggarsaa irratti hirmaatan 44 irratti tarkaanfiin fudhatameera jedhe Jaarsoon. Kanneen keessaa Aanaa Goomoleetti deeggarsa hawaasa aanichaaf dhufe hatanii gurgurachuun isaani ragaan kan irratti mirkanaa’e seeraan murtee argachuun adabamuus kaaseera.

Dabalataan Aanaa Guchiittis maallaqa karaa seeftineetiin dhufee kan sagantaa ”Drought shock response” jedhamuun raabsamaatiin jiru faayidaa dhuunfaaf olchaniiru jedhamanii shakkaman to’achuun dhimmi isaanii murteef dhihaachuus hime, Jaarsoon. Gama kenna tajaajilaan hawaasa dallansuun miidhaa qaqqabsiisan aanaalee akka Taltallee keessatti kan himataman jiraachuus eereera.

Bu’uura murtee yaa’ii Caffeen, qaama gocha hannaafi hojii badaa waliin tuttuqaa qaban ofirra muruun tajaajilli hawaasa akka qajeeluu kan hojjatamu tahuu fi milkaa’ina kanaafis hawaasni eeruu kennuunis tahee saaxiluun akka tumsuu qabu bulchaan Godina Booranaa Jaarsoo Boruu himeera.

Fulbaana darbe irraa kaasee hawaasni Aanaalee Godina Booranaa garaagaraa keessatti hongeen miidhamanii jiran hedduu deeggarsa nyaataa isaanif dhufe hoggantootaan jalaa hatamaa jiraachuu iyyachaa kan turaniiru.  Tarkaanfiin amma fudhatame ilaalchisuun odeeffannoo argachuuf yaaliin  Addis Standard Bulchaa Godina Booranaa Jaarsoo Booruu  argachuuf godhe hin milkoofne. Qajeelchi Poolisii Godina Booranaas qaaman malee odeeffaannoo akka hin laatne ibse. 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.