Walitti Bu’insa Godina Addaa Saba Oromootti Uumameen Namootni Kurnaan Lakkaawwaman Du’aniiru

Darajjee Gonfaatiin @DerejeGonfa

Finfinnee, Naannoo Amaaraa Godina Addaa Saba Oromoo Aanaa Jiillee Dhummugaa fi Godina Shawaa Kaabaa keessatti Walitti bu’iinsa umameen namootni 10 ajjeefamuu fi hedduun miidhamuun gabaafame. Walitti bu’insi kun Dilbata gara galgalaa akka eegale Jiraattootni Addis Standarditti himan.

Kabbadaa(Maqaan sodaa nageenyaaf jijjiirame) jiraataan aanaa Jiillee Dhummuuga akka bilbilaan Addis Standarditti himeetti, daangaa Shawaa Roobit, Naannoo Amaaraa Godina shawaa kaabaa, fi Godinan Addaa saba Oromoo bakka Wasan Qurqur jedhamu irratti Faannoo naannoo Amaara Dilbata sa’aatii 11:00 irraa eegalee jirattoota irratti haleellaa bane..

Kabbadaan waan uumame akkas jechuun ibse “Jalqaba Faannnoon wal gurmeessuun daangaa Godina addaa Saba Oromoo keessa seenuun bakka Kollash jedhamutti qonnaan bultoota irratti tarkaanfii fudhateen namoota lama ajjeesanii heddus madeesan”. Haa ta’uu malee tattaaffi qaamoleen nageenyaa taasisaniin dhaabatee kan ture yoo ta’u, humna isaani cimsachuun Wixata ganama irraa jalqabee hanga galgalaatti haleellaa Faannoon bane ummatni ofirra ittisuuf lolli gaggeeffamuu hime.

“Namni tokko Wixata ganama nu biratti dhahamee ajjefame, ani namoitni 3 ajjeefamuu argeera, kan rukutaman ammoo baay’edha, kuni kanan ani argeedha malee heddu ta’uu danda’u” jedhe Kabbadaan. Akka inni jedhutti sababni Fannoon isaan haleeluf, “Godinni addaa kun asitti hin barbaachisu ejjannoo jedhu ” waan qabaniifi.

Humni Faannoo alabaa sirnoota darbee qabatan gara daangaa Godina Addaa Saba Oromootti baay’inaan geejjibsifamaa turuu kan hime Kabbadaan, humni Faannoo Humna Addaa Naannoo Amaaraa ol waan ta’eef Poolisii Federaalaa gara sanatti dhaqaa akka turan odeeffannoo qabaachuu himera.

Jiraataan Shawaa Roobit, Anteenaa Takkaa gama isaatiin, Humni Addaa Naannoo Amaaraa lolicha dhabsisuuf wayita yaalanaitti walitti bu’iinsi Faannooni fi humni addaa giddutti akka uumamee himeera. “Faannoon Humni addaa nu deeggaruu ilaalcha jedhuu qabatanii socho’aa turan isaan ammoo gidduu seenanii qixatti walirraa dhorkaa turan, sanaan walitti bu’iinsi gudduu isaanitti umaamee” jechuun Addis Standarditti hime.

Anteenaan jiraattootni Magaalaa Shawaa Roobit,hedduun sodaa irraa kan ka’e guyyaa wixataa guutuu gara magaalota Ollaa naannoo Amaaraa Dabra Siinaa fi Dabra Birhaanitti baqachuu hime.

Bulchaan Jiillee Dhummugaa Ahimad Mohaammad lola dhaabsisuuf, Humni Addaa Naannoo Amaaraa fi Polisiin Federaalaa gidduu seenaa akka turanii fi hoggantoota naannoo Amaaraa waliin wal qunnamuun akka walirraa deebi’an taasisuun qindoomina Humna poolisii federaalaa fi human addaa naannoo Amaaratiin wixata galgalarraa dhukaasni dhaabchuu himeera.

Ahimad, Faannoon yeroo addaa addaatti xuxuqqaa ummata walitti bu’iinsaaf kakaasu taasisaa turuu himuun wal dhibdeen kun gara walitti bu’iinsatti guddachuu hime. Humni addaa Naannoo Amaaraa walitti bu’iinsi kun akka dhaabbatuuf gidduu seenee walirraa dhorkaa akka turee fi sababa kanaanis Humna Faannoo waliin walitti bu’iinsi akka uumame himeera.

Odeeffannoo hanga ammatti qindaa’en , aanaa Jiillee Dhummugaa irraa namootni 10 ta’an ajjeefamuu fi kanneen 34 ta’an madaa’aniiru kan jedhe Ahimed ragaan namoota kanneenis qindaa’aa jiraachuu himera.

Faantahuun(Maqaan sodaa nageenyaaf jijjiirame) jiraataa aanaa Jillee Dhummuugaati. Innis haleellaan kun Kallattii lamaan gama Jiille Dhummugaa fi naannawa magaala Baatetitti adeemaa jiraachuu hime. “Ummatni ammo qe’ee keenyarraa hin buqqanuu kan jedhuun ofirraa ittisa jira guyyaa Wixataa lola cimaatu deema ture” jechuun bilbilaan Addis Standarditti hime.

Asiin duras haala dhokataa ta’een Oromoota Walloo naannoo sana jiran, sabummaa irratti xiyyeeffchuun haleellaan irratti rawwatamaa ture kan jedhu Faantahuun “Amma kana immoo ummata nagaan jiraatu dararuu, ajjeesuu fi qe’ee isaa irraa buqqisuuf lola ifatti bananii” jedhe.

Jiraataan Shawaa Roobit biraa maqaan isaa akka eeramu hin barbaannee ammoo lola guyyoota lamaaf ta’e kanaan jiraattootni magaal Shawaa Roobit hedduun baqachuu himeera. “Ummatni keenya kana duras jiila qaba, waraanni ka’ee jennaan maatii ofii guurratee baqate malee lolli gara magaalaa Shawaa Roobit hin geenye. Bulchiinsi magaalaa akka ummatni hin baqanne dhorkaa ture, garuu humnaa ol ta’uun hedduun baqatanii turan. Har’ammoo haalli jiru tasgabaa’ee jennaan deebi’aa jiru.” jedhe.

Dhimma kana irratti yaada akka kennaniif Bulchaa Godina Shawaa Kaabaa, kan Naannoo Amaaraa Taadasaa Gabra Tsaadikif yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.