Hoomaan Hawwaannisaa Aanaa Taltalleetti Muudate Dafee Furmaata Argachu Qaba – Waajjira Qonnaa Aanaa Taltallee

Finfinnee – Hoomaan Hawwaannisa dhiyeenya kana Naannoo Oromiyaa, Godina Booranaa, Aanaa Taltalleetti mudate gamanumaan ittisuu yoo hin danda’amne, oomisha qonnaa irratti miidhaa ulfaataa dhaqqabsiisu akka danda’u Waajjirri Qonnaa Aanaa Taltallee beeksise. Ministeerri Qonnaa gama isaatiin hoomaan awwaannisa muudate akka yeroo darbe kan yaaddeessu miti jedhe.  

Hogganaan Waajjira Qonnaa Aanaa Taltallee, Birhaanuu Amaare akka Dhaabbata Pireesi Itoophiyaaf  ibseetti, bara kana aanaa Taltallee weerarri hoomaa Hawwaannisa yeroo lammataaf mudate. Weerarri inni jalqabaa Sadaasa hanga Ebla 6, 2022 turee  miidhaa garagaraa geessiseera. Hojii ittisa qindoominaan hojjetameenis hoomaa 19 balleessu kan danda’ame yoo ta’u, hoomaan awwaannisa hafees gara Godina Oomoo Kibbaatti dheessee. 

Weerarri hoomaa Hawwaannisa marsaa lammaffaas Ebla 15, 2022 irraa eegalee irra deddeebiin muudachaa kan jiru yoo ta’u, hoomaan kun hormaataaf kan gahe, balali’u fi nyaachu kan danda’u. Marsaa kanaan hoomaan shan mudate. Hoomaan Hawwaannisaa kunis akka hin babal’anneef qaamolee dhimmichi isaan ilaallatu hundaan dafanii farmaata akka laataniif beeksisu isaani hime, Birhaanuun. 

Ministeerri Qonnaa durse iddichatti argamuun hoomaan Hawwaannisa muudachuu mirkaneessuus hanga ammaatti xiyyaaran keemikaala bifu hojiirra akka hin oolchine kan hime Hogganaan Waajjira Qonnaa Taltallee Birhaanuu Amaare, waajjirri qonnaa aanichaa GPS fayyadamuun sochii hoomaa hawwaannisa hordofuun gabaasa dhiyeessaa jirra jedhe. 

Meeshaa hanga fageenya meetira 50 keemikaala bifu danda’u deeggarsaan Ministeera Qonnaa  irraa argachuun danda’amuus bakka karaan lafoo hin mijannetti rakkisaa akka ta’ees hime. 

Akka Birhaanuun ibseetti, Gandoota 12 keessatti lafa qonnaa heektaara 4238, lafa margaa heektaara 7672, bosona heektaara 8471 fi lafa abbaa warraa heektaara 5762 irratti miidhaa geessisaa jira. Waqtiin Arfaasa waan ta’eef dhimmichi dafee furmaata argachu akka qabu kan hubachiise Birhaanuun, mootummaan naannoo Oromiyaa garuu dhimmicha bilbilaan hordofuu ala qaaamaan hin argamne jedhe. 

Hogganaa Itti aanaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Dajanee Hirphaa, gama isaatiin, biirichi Ministeera Qonnaa waliin ta’uun meeshaalee fi keemikaalota humna namaa fi konkolaataan baatamanii bifaman waajjira qonnaa aanichaaf deeggarsa gochuu ibsuun, rakkoo jiru atattamaan furuuf Ministeera Qonnaa waliin dubbachuun waliigaltee kiraa xiyyaara mallatteessaa akka jiran hime.

Ministeera Qonnaatti Daayirekteerri Eegumsa Biqiltuu, Balaaynah Nigusee, hoomaa Hawwaannisaa aanaa Taltalleetti muudate qonnaan bultoota fi horsiisee bultoota irratti miidhaa qaqqabsiise akka hin jirree fi yaaddoon amma uumame kan yeroo darbeerra walqabsiifame akka ta’e himuun, hoomaa Hawwaannisa kana ittisuuf konkolaattota fi ogeessota keemikaala bifan garas ergamanii hordoffiin taasifamaa akka jiru fi dhiyeenyatti hojiin xiyyaaraan bifu akka eegalamu ibseera. 

Aanaa Taltallee Gandoota Aanichaa shan keessatti hoomaan hawwaannisaa muldhachuun lafa heektaara dhibba afur irratti Miidhaa dhaqqabsuun oomisha dhufuuf  sodaa ta’uu isaa gabaafamee ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.