Inistitiyuutin Kalaqaa fi Teekinoloojii Jalqabaa Buraayyutti Argamu Bara Dhufuu Eegalee Barattoota Simata

Finfinnee-Itoophiyaa keessatti Inistitiyuutin Kalaqaa fi Teekinoloojii jalqabaa Buraayyutti ijaaramaa jiru bara dhufuu eegalee barattoota ni simata jedhe ministeerri Kalaqaa fi Teekinoloojii.

Kunis kan ibsame yeroo koree dhaabbatan humna namaa fi misoomaa, teekinoloojii fi hodoffii baasii mootummaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Inistitiyuutiii ijaaramaa jiru daawwannaanitti. 

Ministirri Ministeera Kalaqaa fi Teekinoloojii Ballaxaa Mollaa(PhD) inistitiyuutin kun bakka barattootni kennaa qaban guutuu biyyatti dhufan itti baratanii fi adeemsa Itoophiyaan karaa saayinsii fi teekinoloojiin qabdu saffisiisuf kayyeeffate jedhe. Muuxannoon Pirojeektii kana irraa argame gara naannolee biroottis ni babali’isna jedhe ministirichi.

Ijaarsi isaa yeroo xumuramutti inistitiyuutin kun barattoota dandeettii teekinoloojii, saayinsii fi herreegaa qabaniif gosti barnootaa saayinsii, artifishaal intelejensii fi roobotiksii dabalatee gosti barnootaa hedduu kan itti laatamu ta’a.

Walitti qabaan koree hodoffii baasii mootummaa Kiristaan Taaddalaa gama isaatiin inistitiyuutichi barattootni abjuu isaanii akka galmaan gahanii fi kalaqa isaanii gara hojiitti akka jijjiiraniif gumaacha guddaa godha jedhe.

Itti aanaan dura ta’aa koree humna namaa fi misoomaa Dr. Kaayiraddin Tazarraa inistitiyuutichi yuunivarsiitiwwan, manneen barnootaa sadarkaa jalqabaa fi lammaffaa biyyatti keessa jiran waliin qindoominaan hojjachuu qaba jedhe. Itoophiyaan hanqina barattoota kalaqanii hin qabdu hanqina dhaabbilee kalaqa kana hammatan malee kan jedhe Dr. Kaayiraddin inistitiyuutichi kana walmadaalchisuug hojjachuu qaba jedhe.

Inistitiyuutin dandeettii kalaqaa fi teekinoloojii gabbisuu bara dhufuu irraa eegale barattoota 500 ni simata. Ijaarsi isaa yeroo xumuramutti barattoota 1000 ni fudhata. Inistitiyuutichi kutaa barnootaa, labiraatoorii, mana kitaabaa, mana jireenya barattoota fi barsiisotaa of keessatti qabata. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.