Dhaabbatni Albuudaa KEFI Tulluu Kaappiitti Ijaarsa Eegaluun Dura Eegumsa Nageenyaa Cimsuuf Maallaqa Doolaara Miliyoona 10 ol Walitti Qabe

Finfinnee-Dhaabbatni Albuudaa KEFI maallaqa doolaara miliyoona 10 oliin shallagamu walitti qabu beeksise. Dhaabbatichi, maallaqni walitti qabame kun ijaarsi eegalamuun dura eegumsa nageenyaa akka cimsu ibseera. Dhuma kurmaana bara faayinaansii kana irratti guutummaan pirojeektii jalqabsiisuuf karoorfameera.

Hojii babal’ifannaa Pirojeektichaa ilaalchisee dura taa’aan dhaabbata KEFI, Haarii Adaams, Tulluu Kaappiin sadarkaa misooma dabalataa irra akka jiru fi qorannoo bal’aan irratti godhamaa akka jiru eereera. Bifuma walfakkaatuun, maallaqa eerame fayyadamuun bakkeewwan naannawa Tulluu Kaappiitti argaman biroottis hojiileen qorannoo gaggeessu yeroo dhiyootti ni eegalama. 

Dhaabbatni KEFI, Tulluu Kaappiin qabeenya dhakaa albuuda warqee qabu hanga miiliyoona 1.05 ounces (gara giraama miiliyoona 29) fi qabeenya waliigalaa warqee miiliyoona 1.72 ounces (giraama miiliyoona 48) akka qabu tilmaameera. Dura taa’aan dhaabbatichaa Haariin, hammina qabeenya kana hubachuun maallaqa gara dolaara miiliyoona 70tti dhiyaatu wiirtuu damee dhaabbatichaa irratti bahii ta’uu himeera.  

Kanaan dura Ministeerri Albuudaa Itoophiyaa dhaabbatni Albuudaa KEFI hojii Albuuda warqii Tulluu Kaappiif (TKGM) haal-duree fi maallaqa barbaachisu hunda xumarachuun hanga baatii Amajjii 31, 2022 tti gara hojiitti akka seenu carraa dhumaa kennuufi beeksise ture. 

Albuudni Warqii Tulluu Kaappii ( Tulu Kapi Gold Mine ) Godina Wallagga Lixaa magaalaa Ayiraa Gullisoo irraa gara Bahaatti km 28 fagaate kan argamu yoo ta’u dhaabbata Albuuda baasu KEFI jedhamun pirojeektii hojjatamudha. Lafti iskuweer kilometeriin kumni tokko ol Tulluu Kaappiitti aanu qorannoo kaa’amera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.