Ambulaansiin aanaa Gursum irraa gara Adaamaa imalaa ture humnoota ‘Finxaaleyyii Amaaraatiin’ gubate- Bulchiinsa Godina Shawaa Bahaa

Finifinnee– Bulchiinsi godina Shawaa Bahaa humni finxaaleyyii Amaaraa ‘Faannoo’ jedhee of waamu Ambulaansii gube jedhe.  Ambulaansiin kun namoota afur fe’uun godina Harargee Bahaa aanaa Gursum irraa Ebla 19,2022 gara Adaamaatti imala ture jedhe waajjirri kominikeeshinii godina Shawaa Bahaa.

Maxxansi Feesbookii waajjirichaa akka ibsutti, halkan keessa sa’aati 11tti, godina Shawaa Bahaa aanaa Boosat ganda Qaawwaa bakka addaa Hayaa Boolee jedhamutti, humni finxaleyyii Amaaraa namoota ambulaansii keessa jiran 4  keessaa 2 irratti miidhaa salphaa geessise ambulaansicha ammoo gubee jira. Haala miidhamtootni irra jiran ibsuu baatus waajjirichi namootni miidhaman lubbuun hafuu fi hospitaala Adaamaatti yaalamaa jiraachuu eerera. 

Humni kun  gurmaa’un meesha gurguddaa hidhatee yeroo gara garaa qaama nageenya fi hawaasa irratti ajjeechaa lubbuu, saamicha fi hanna irratti bobba’ee gufuu nageenyaa fi misooma ta’aa  jira jedhe waajjirri kominikeeshinii godina Shawaa Bahaa.

Mootummaan naannoo Oromiyaa dhiyeenya kana humnoota finxaaleyyii Amaaraa jedhu himachaa turuun isaa ni yaadatama. Mootummaan naannoo Oromiyaa ibsa baaseen “Humni finxaaleeyyii maqaa Amaaraatiin socho’an qabatamaatti diina ummata Amaaraa fi sabaafi sablammii biyya kanaati” jedhee ture.

Godinni Shawaa Bahaa erga walitti bu’insi humnoota hidhatan, naannoo Amaaraa, aanaa Shankooraa irraa dhufanii fi Milishoota naannoo Oromiyaa aanaa Fantaallee gidduutti uumamee koomander Abdisaa Ifaa dabalatee milishootni 26 du’anii booda madda himannaa ta’ee jira.  Humnootni kunneen albuudna seeraan alaa Ganda Xuxxuuxxii irraa  Konkolaataa torbaan fe’ame gara Affaaritti geeffama ture, Kaampii Ilaalaatti too’atame keessaa harka qabu jedhameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.