Miseensotni ABO, Gaazexeessitootni Mootummaa Ceehumsaa Biyyaalessaa Naannoo Oromiyaa Hundessuuf Socho’uun Himataman

Himatamtoota Muraasa
Suuraa: Miidiyaa Hawasaa

Darajjee Gonfaatiin @DerejeGonfa

Finfinnee- Miseensotni Adda Bilisummaa Oromoo 14 fi Gaazexeessitootni sadi Galmee Qaasim Abdullahii jalatti himataman 17 Kamisa waaree dura mana murtii walii galaa Oromiyaa Calcalii/Saarbeetitti/ dhiyaachuu isaanii Abukaatton Himatamtootaa Tolamaariyaam Magarsaa Addis Standarditti hime. 

Miseensootni Adda Bilisummaa Oromoo 14 fi Gaazexeessitootni sadi Biqilaa Amanu, Dachaasa Wiirtuu fi Dassuu Duulaa Baatii sadaasaa 04, 2014 qabamuun mana hidhaa Daalattii Godina Addaa Naannawa Finfinneetti argamutti hidhaman.

Himatamtootni kunneen kana dura Ebla 04, 2014 mana murtitti dhiyaatanii kan ture yoo ta’u, himata isaanii ilaalchisee mormii akka dhiyeeffataniif ture kamisa har’atti kan beellamame.Haaluma kanaanis mormii isaan barreeffamaan mana murtitti akka dhiyeessan Abukaatton himatamtootaa Tolamaariyaam Magarsaa kan hime.

Himatamtootni 17 galmee Qaasiim Abdullahii jiran kunneen,  Sirna Heera mootummaa ijaaramee jiru diiguun, Mootummaa Ceehumsaa Biyyaalessaa Naannoo Oromiyaa (ORNTG) hundessuuf waan sochootaniif heera mootummaa 238/1/B/ darbitanittu himatni jedhu akka irratti dhiyaate Abukaatton himatamtootaa Tolamaariyaam kan Addis Standarditti hime.

Manni murtichaas erga mormii himatamtootaa fuudheen booda Dhaddacha itti aanuu gaafa Ebla 25, 2014tti  tti beellameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.