Finfinnee – Mana Maree Nageenya Biyyaaleessaa, Ministira Mummee Abiy Ahmadiin durfamuufi hoggantoota olaanoo Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii fi Nageenyaa, akkasumas Pirezdaantota Naannolee fi kanneen biroo of keessatti hammatu haala nageenya biyyatti irratti kaleessa mari’ateera. Marii kanaan, “garee fi namoota dhuunfaa” meeshaa waraanaa seeraan ala hidhatanii gocha nageenya biyyaa booreessu irratti bobba’an, kanneen sabaaf sablammii garaagaraa walitti buusuuf hojjechaa jiran, akkasumas kanneen odeeffannoo soba tamsaasuun nageenya biyyatti booreesssan irratti tarkaanfiin fudhachu akka jalqabamu beeksiseera.
Kanneen “ergamtuu diina Itoophiyaa ta’uun tajaajilaa turan” fi Tiraanspoortiifi mirga bilisaan socho’u uummataa dhorkaa jiran, sochii Invastimantii kanneen booreessan, kanneen weerara lafaa, hanna fi daldala seeraan ala irratti bobba’anii jiran, akkasumas kanneen gatii meeshaalee akka qaala’uuf meeshaalee dhoksanii fi boba’aa fi oomishaalee biroo gara biyyoota ollaa dabarsan irratti tarkaanfiin akka fudhatamu Manni Marichi beeksiseera.
Ibsi manni marichaa baasee kun yeroo kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti, keessattuu naannolee Amaaraa fi Oromiyaa gidduu walitti bu’iinsi mul’achaa jirutti bahe. Naannolee lamaan gidduu waraanni jechaa fi rakkoolee nageenyaa naannolee lamaan keessatti mudatuuf quba walirratti qabu daran dabalaa jira.
Manni marichi “diinoota” Itoophiyaa saditti qoodeera. Haaluma kanaan, isaan jalqabaa “diinota seena qabeessa” jedhe kan waame ibsichi, “yoo Itoophiyaa lafa kanarraa badde malee diinummaa isaani hin dhaabneedha” jechuun ibse. “Kaayyoo kana galmaan ga’uuf qofaa isaani hin hojjetan” inummaayyuu “ergamtoota” qabu, ergamtootni kun ammoo “diinota lammaffaadha” jedhe. Isaan kanaan “ Yihudoota lammilee isaani maallaqaa fi faayidaa dhuunfaaf” kan gurguran, akkasumas “orma biyya hin qabne” jedheen, ibsichi.
Manni marichi maqaa garee ykn nama dhuunfaa eeruu baatuus, “kanneen jecha isaanif amanamoo hin taane, nama fuulduratti waa’ee jaalalaa fi tokkummaa biyyaa lallabaa golatti ammoo diina waliin hojjetan, gantoota fi biyya diiguuf bolla kan qotan” jedhe.
Ramaddiin sadaffaa “diina Itoophiyaa” ammoo kanneen osoo hin beekiin ramaddii lamaan armaan olitti eeraman waliin hojjetaniidha jedhe, ibsichi. “Xiyyeeffannoo waan hin kennineef bu’aasaallee osoo hin hubatiin ergama diinaa hojiirra kanneen olchaniiti. Gareen kanaan lammiilee Itoophiyaa “kanneen waa hunda fudhatanii irratti odeessan”, ykn waan ajajaman hunda kan raawwatan, akkasumas kanneen odeeffannoo itti laatame hunda “dhiibbaa lammii fi biyya isaani irratti geessisu malu osoo isaan hin quuqiin” kanneen tamsaasaniidha jedheen.
“Itoophiyaa caalmaatti kan qoramte jarreen lamaan kanaani. Diinonni seena qabeessa ta’an diinota keenya beekamaniidha. Itoophiyaanota hin beekamnee fi kaayyoo maleessa ta’an garuu isaanif xiyyeeffannoo osoo hin laatiin gatii guddaa nu kaffalchiisa. Kun hanga yoomitti ta’a?” jechuun kan gaafatu ibsichi “hundi keenya dhaabbannee gaaffii kana deebisu qabna” jedha.
Qaamoleen lamaan kun “jijjiiramicha ittisuufi Itoophiyaan humna Afriikaa jabdu akka hin taaneef waan danda’an hunda godhaniiru” kan jedhe ibsichi, “Itoophiyaanota gosaan qoqqoodanii bituuf, diinagdee dadhabsuu fi dhaabbilee biyya keenyaan utuba ta’an diiguuf yaalii guddaa godhaniiru” jechuun qeeqa.
“Miidiyaalee fi humnoota hidhatan fayyadamii walta’iinsa hawaasummaa keenya diiguu, dhaabbilee amantaa fi hawaasummaa gubuu, hawaasashororkeessuun gochoota badaa hunda raawwataniiru…gochi isaanii suukkanneessaa fi lammiilee kan miidhuu haata’u malee sababa tokkummaa hunda-galeessa saboota Itoophiyaa giddu jiru fi jaalala jabaa biyya isaanif qabaniin, diinonni keenya garuu milkaa’uufi hin dandeenye” jedhe manni marichi.
Ejensiiwwan seera kabachiisanii fi qaamolee haqaa jijjiiramaan dura cabiinsa isaan mudae akka ture kan ibse manni marichi, kaayyoo diinota Itoophiyaa galmaan geessisuuf akka diigaman taasifamaniiru jedhe. “Ergamtoota diinota seena qabeessa keenyaa seera kabachiisaa fi dhaaba nageenyaa lubbuu fi du’a giddu taasisanii turan. Jijjiiramaan booda hojiilee dhaabbilee kunneen irratti hojjetaman sadarkaa Itoophiyaa baraaran irra isaan geessiseera.”
Bulchiinsichi “qormaatilee heddu dandamateera” kan jedhe manni marichaa, amma garuu “obsi” daangaa darbu ibse. “Amma dhaabbilee nageenyaa fi tika sadarkaa olaanaarra waan argamaniif deebii madaalawaa fi yeroosaa eeggate laachuurra duubatti hin deebinu.”
Manni marichi, yaalii rakkoolee nageenyaa biyyattii hiikuuf godhu “hirmaannaa qaamolee baay’ee kan gaafatu” ta’uu ibsuun “lammiilee, dhaabbilee amantaa, jaarsolii biyyaa, miidiyaalee fi kanneen biroo… ejesiiwwan nageenyaa waliin qindoominaan akka hojjetan” waamicha dhiyeesseera.
“Uummanni, diinota nu shororkeessanii fi nu cinqaniif dahoo yoo ta’e yaaliin humni nageenya qofa furuu hin danda’u” jechuun akeekkachiiseera, manni marichi. AS