Hoomaan Awwaannisa Godina Booranaa Aanaa Taltalleetti mul’achuun lafa hek. dhibba 4 irratti miidhaa dhaqqabsiisaa jira

Hoomaan Awwaannisaa Godina Booranaa Aanaa Taltallee Gandoota Aanichaa 5 keessatti muldhachuun lafa hektaara dhibba 4 irratti Miidhaa dhaqqabsuun oomisha dhufuuf  sodaa ta’uu isaa himame.

Hoomaan Awwaannisaa kun Aanaa Taltallee Gandoota Aanichaa Makkanniisa, Gandhiile, El-kunee, Wandoo Digree irratti mul’achuun Baala Mukaafi yeroo Midhaan qonna gannaa facaafaman biqilanitti sodaa ta’uu isaa Waajjira Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Aanaa Taltalleetti Abbaan Adeemsa to’annoofi hordoffii Ingidaa Yohaannis hime.

Miidhaa hawwaanisaan dhaqqabu hir’isuuf hojii hojjatamaa jiruun lafa hektaara 400 hawwaannisaan qabame keessaa hanga ammaa lafa hektaara 30 irratti qorichi kan biifame ta’uu Hogganaan Waajjira Qonnaafi qabeenya Uumamaa Aanaa Taltallee Biraanee Amaaree ibse.

Miidhaa hawwaannisaan dhufu hirdhisuuf tarkaanfii barbaachisu yeroofi saffisa barbaadameen fudhachuuf xiyyaarri hojichaa ture yeroo ammaa kan hin jirre ta’uu ibsuu, yeroo ammaa konkolaataan hojjatamaa jiraachuu Biraaneen hime.

Konkolaataan hojii kana irratti bobba’e eeddoowwaan tabbaa, bowwaa seenee hojjachuuf kan rakkatuufi sababa kanaan tarkaanfiin hanga barbaadame fudhatamaa kan hin jirre ta’uu, Biraanee himee midhaan facaafame yeroo isaan biqilanitti miidhaan akka irra hin dhaqqabne deeggarsi xiyyaaraa akka barbaachisu himuu isaa ragaan waajjira kominikeeshinii godinichaa ni mul’isa.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.