Finfinnee, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Biiroon Qindeessi Dhimmoota Namoomaa (UNOCHA) gareen wabii nyaataa fi sirna nyaataa qorannoo dhiyeenya baaseen, roobni turee eegaluun isaa miidhaa hongeen dhaqqabisaa jiru daran hammeessa jedhe.
Naannoo Oromiyaatti hongeen Godinaa 8 aanaa 56 keessatti mudate rakkoo hamaa qaqqabsiisaa tureera. Sababa gogiinsa kanaan lammiileen miiliyoona 3.2 gargaarsaaf kan saaxilaman yoo ta’u, beeyladoonni kuma 800 ol du’aniiru, kuma 300 ta’an ammoo sababa hanqina nyaataa looniin waan miidhamaniif deeggarsa humna namaan akka socho’an taasifamaniiru.
Gabaasni naannolee hongeen itti muudate keessatti dhimmoota oomisha midhaanii, haala horsiifatee bultootaa, gatii gabaa fi nyaataa, Haala wabi nyaataa yeroo ammaa fi kan gara fuula duraa gadi fageenyaan kan xiinxale jira.
Sababa hongeetiin giddu galeessa fi baha Itoophiyaatti oomishni bara 2022 giddu galeessaa gadi akka ta’u,Bulchiinsa Galaanaa fi Qilleensa naannoo Biyyaalessaa/NOAA/ irratti hundaa’udhaan, Sirni netwoorkii of eeggannoo Beela Duraa /FEWS NET / qorannoon oomisha midhaanii naannoo Baha Afrikatti dhiyeenya gaggeesse ni mil’isa.
Gama biraatiin naannoleee horsiifatee bultootaatti, waqtii roobaa amma jirutti bakkewwaan tokko tokkotti fooy’iinsi muraasni akka taasifamutu eegama. Haa ta’uu malee raagni rooba giddu galeessaa gadii fi hoo’insi lafaa giddu galeessaa olii fooyya’iinsi guddaa hin fidu kana malees lafti naannoo horsiisee bultootaa fi gariin qonnaan bultootatti yeroo gabaabaatti deebi’ee waan goguuf, haala duraan jiru waliin waqtii gogaa baatii Adoolessaa- Fulbaanaa dhufutti haala barameen olitti ni miidha.
Kana malees haalli gabaa addunyaa miidhaa hongeen uumaa jiru daran hammeesa jedha gabaasichi. Waktii roobaa giddu galeessa gadii, baatii Bitootessaa hanga caamsaa dabalataan haalli Yuukireen keessatti uumame dhiibbaa gabaa Baha Afrikaa irraan yahuu danda’u tilmaama keessa galchuun,raagni gatii naannichaa akka eerutti, guutuu Itoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaa keessatti gatiin midhaanii haalaan dabalaa akka deemuun hanqina nyaataa maatiwwaan galii gadi aanaa qaban irraan ga’a.
Gareen Hojii wabii nyaataa fi nyaata madaalamaa (FSNWG)baatii Bitootessaa hanga Caamsaa 2022tti guutuu kibba Itoophiyaatti namootni miliyoona 5.5 hanga 6.5 hanqina nyaataa cimaaf saaxilamu. Haalli wabii yaataa baatii Waxabajjii hanga Fulbaanaa dhufuu jiru rooba baatii Bitootessaa hanga Caamsaa irratti hundaa’a. Haa ta’uu malee, gogiinsa waktii duraa mul’atuu fi raaga ammatiin haalli amma jiruun gara gabaasa hanqina roobaa barbaadamuu gadi ta’uu akeeka, kunis hanqina nyaataa caalatti hammeessa.
Haala roobaa giddu galeessaa gadii keessatti waayita gargaarsi namoomaa yoo hin jiraanne, namootni hongeen midhamanii miliyoona 15 hanga 20 ta’an hanqina nyaata saaxilamuu waan danda’aniif naannolee yeroo balaa keessatti akka ramadaman taasifamee fudhatama.
Kana malees, bara 2022tti , daa’imman 6.9 ta’an sababa rakkoo sorataan wal qabatuuf kan saaxilaman yoo ta’u kanneen keessaa ammoo kanneen miliyoona 2 ta’an rakkoo cimaaf saaxilamu. Lakkoofsi daa’imman sababa hanqina nyaataan wal’aansa barbaadan Itoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaa kan bara darbee yeroo wal fakkataa wajjin wal bira qabamee waayita ilaalamu hedduu dabaleera.
Roobni yeroo isaa eeggate guutumaa guututti dhabamuu fi haala deeggarsi namoomaa Abbootii warraa rakkoo hammaataaf saaxilaman qaqqabuu dadhabuun akkasumallee abbooti warraa tokko tokko hanqinni midhaan nyaataa cimaan muudachuu rakkinacha akka hammeessuu danda’us eerameera.