Seenaa Laggasaa Wagii

Laggasaa Wagii
Suuraa: Miidiyaa Hawaasaa

Finfinnee, Laggasaa Wagii  bara 1960, Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Meettaa Roobii, ganda Kuyyuu Giccii jedhamutti dhalate. Laggasaan kutaa 1-4, mana barumsaa sadaarka tokkoffaa Bakkamee jedhamuuti barate. Barnoota isaa kutaa 5-8 ammoo mana barumsaa Hinccinniitti barate. Sana booda gara Finfinneetti deemuun kutaa 10-11 magaaluuma Finfinneeti barate. Laggasaan barumsa isaa haga kutaa 11ti barate booda barnoota akadaamii dhiisee baruumsa Makaanikummaa fi Konkoolaata oofu bara 1975 keessa barate.

Laggaasaa Wagii hojii daldala irraatti bobbahuun magaalaa Dirree Dhawaa keessaati waggaa torbaaf kan jiraachaa ture. Laggasaan maatii horatee jiraachaa turus, bara1990 maatii isaa dhiisee Dhiha Oromiyaa deemun QBO hogganummaa ABOtiin gaggeeffamutti makame. Bara 1991 barumsa siyaasaa fi leenjjii waranuumma, gahummaan xumuratee,dirree dhihaatti miseensa ABO ta’e. Bara 1991 dirqama dabballummaan zoonii Begitti ramadame. Zoonii kana keessatti dirqama dabballummaa gahummaan osoo bahaa jiruu mootummaan Dargii kufe.

ABO’n mootummaa Cehumsaa keessaa akka baheen waraanatti dabalamuun diina jabinaan lolee lolchiiseera. Falmaa diinaa wajjin godhamuu hanga walakkeessa bara 1993 itti fufuun of ijaaruuf humna daangaa Sudaanii fi Itophiyatti bahee waliin ture.

Bara 1994 humna ijaaramee walkeessaa Dhiha Oromiyaatti deebi’e keessa Laggasaa tokko ture. WBO diinaa wajjin falmaa hadhaawaa itti fufuun bara 1997 keessa yeroon  mootummaan magaalota Sudaan Kurmuk fi Giizan rukutee qabatee xurreen dhiheessii akka hin cufamneef humna of-duuba daangaatti deebi’ee keessa ture Laggasaan. Bara 1993-1998 tti sadaarkaa miseensuummaa irra kaase hanga sadaarkaa qondaala waraana ol-anaati dirqaama fudhatee qabsaa’aa ture.

Bara 1998 keessa miseensota ABO leenjii addaaf biyya ollaatti ergaman keessaa ture. Bara 1998/99 irraa kaase itti anaa moora leenjii WBO waliigala tahe hojjaachaturuun isaa seenaan isaaadeesa. Bara 2000 keessa Oromooti biyya ollaa keessa jiran walitti qabuun Waldaa Hawaasa Oromoo Eritrea ijaare. 

Bara 2000 irraa kaase barumsa fi haroomsa waraanummaa, siyasaa fi tikaa erga baraate booda ajajaa bobbaaa fi quunnamtii Dhiha Oromiyaa tahuun hojjate.  Bara  2002 dirqama dhaaba fudhatee gara dirree dhihaatti bobba’e.

Sochii WBO bara 2002 Dhiha Oromiyaa  Dambii Dolloo, Gidamii , Begii fi Mandii keessatti tahaa turan irratti akka ajajaa waraanaa fi siyaasaatti hoggana kennee jira.  Bara  2002 hanga guyyaa itti wareegametti (05/11/2008) ajajaa WBO Dhiha Oromiyaa ture.

Hubachiisa Gulaalaa: Seenaan kun  Gabaasa BBC Afaan Oromoo irraa Qindaa’e  

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.