Musliimotni Ramadaan keessa dhorkiiwwan manneen barnootaan taasifaman morman, Biiroon Barnoota magaalaa Finfinnee barnootni sochii amantaarra bilisa ta’uu qaba jedhe

 Finfinnee – Barattootni Musliimaa manneen barnoota magaalaa Finfinnee keessa baratan baatii Ramadaana keessa salaata dhorkamu isaaniin gaddu ibsaa jiru. Gama biraatiin, hoggantootni  Biiroo Barnoota magaala Finfinnee fi itti gaafatamtootni manneen barnoota sadarkaa lammaffaa marii gaggeessaniin, barnootni gochoota amantaarra bilisa akka ta’u biirichi hubachiiseera.

Torban kana keessa manneen barnoota adda addaa barattoonni musliima salaata dhorkamaa kan jiran yoo ta’u, tarkaanfii hanga barattoota dareerra ari’utti fudhachaa jiru. Hayyuun Musliima beekamaa Ustaaz Abubakar Ahimad yaada kenneen, “Du’aayii baatii Ramadaana keessa jalqabame sababa gochuun barattoota ari’uuf duula godhame duuba eenyu fi maaltu jira kan jedhu gaaffii keenyaa” jedhe.   

Ustaaz Abubakar, namootni idilee tasgabbii dhabu Itoophiyaa duuba maal akka jiru xiinxaluuf dirqamaniiru jedhe. Gaaffiin “Gochaa kana duuban maaltu yaadame?” jedhu hariiroo uummataa fi mootummaa giddu jiru “gaarii” jedhame ibsamu akka hin dandeenye ibsuun gaaffii guyyaa guyyaa ta’aa dhufeera jedhe. 

Hoggantootni Biiroo Barnoota Finfinnee fi itti gaafatamtootni manneen barnootaa marii kaleessa gaggeessan irratti manneen barnoota tokko tokko keessatti gochoota maqaa amantaan raawwataman mul’achu isaani fi kunis seera ittiin bulmaata manneen barnoota waliin kan faalleessu ta’uu ibseera, biirichi. Marii kana irratti barattootni muraasni mooraa mana barumsaa keessatti gocha amantaa waliin walqabatu raawwachuuf yaalii gochaa akka jiraniifi ajandaan siyaasaas gara manneen barnoota keessa akka seenu gochuun barattoota haala hin barbaachifne keessa akka galan taasifamaa jiraachu ka’eera.

Itti gaafatamaan Biiroo Barnoota Finfinnee, Zalaalam Mulaatuu akka ibseetti, barnootni amantaarra bilisa ta’uus manneen barnoota tokko tokko keessatti sochiin seera sadarkaa idil addunyaatti fudhatamummaa qabu kana faalleessan mul’ataniiru. Barattoonni manneen barnoota hunda keessa jiran yeroo barnootaatti mooraa ala akka hin baanee Daayireektarootni itti gaafatamummaa isaani akka bahatan hubachiisaniiru. Biirichi “Barnootni sochi amantaa kamirraayyuu bilisa akka ta’u itti gaafatamtoota waliin waliigaleera” jedhe.

Marii gaggeeffame fi gabaasaalee dhimma kana ilaalchisee bahanif deebii kan laate Ustaaz Abubakar “Duula bulchiinsa” barattootni musliima salaata akka hin sagadne, akka hin soomne fi barnoota isaani akk hin hordofne gochuuf fudhatame fakkaata jechuun yaaddoo qabu ibseera. “Biiroon Barnoota Magaalaa Finfinnee ibsa baasuusaa galgala dubbisne,” kan jedhe Ustaaz Abubakar, “Hoggansi dogoggoraa bilisummaa amantaa dhiibuu, seerota biyya keenyaa karaa sirri hin taaneen  hiikuu, akkasumas yeroo fi haala jiru tilmaama keessa hin galchine jira” jedhe.

Barattootni Musliima, maatii fi qaamolee qooda fudhattoota kaka’umsa ofiin furmaata dhumaa akka itti barbaadaniifi dhiibbaan barattoota Musliima irratti godhamaa jiru akka dhaabbatu gaafateera. “Qaamni hundu bifa tasgabbii qabuun akka bulu waamichan dhiyeessa,” jedhe. 

Sanbata fi Dilbata dhufu manneen barnoota maatii barattootaa waliin dhimma kana irratti marii akka taasisan Biiroo Barnoota Magaalaa Finfinnee beeksiseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.