Mootummaan Itoophiyaa yaadni furmaata Aministii Intarnaashinaali fi Hiyumaan Raayitis Waach faayidaa hin qabu jedhe; Himannaawwan sarbiinsa mirga namoomaa hunda qorachuuf waadaa gale

Fakkii: Joon Hooms Aministii Intarnaashinaali fi Hiyumaan Raayitis Waach

Finfinnee – Waraana kaaba Itoophiyaa hordofuun Sadaasa 2020 eegalee Godina Lixa Tigraay keessa yakka waraanaa fi sarbamiinsa mirga namoomaa dhalattoota Tigraay irratti raawwatameera jechuun gabaasa waloo dhaabbilee mirga namoomaaf falman, Aministii Intarnaashinaali fi Hiyumaan Raayitis Waach, baasan ilaalchisee Ministeerri Haajaa  Alaa Itoophiyaa ibsa baaseera. 

Ministeerichi ibsa galgala baaseen, gabaasni dhaabbilee mirga namoomaa baasan “Jibba kan hammeessu fi araarri akka ulfaatu kan taasisuu” jedhe. Ministeerichi, dhaabbileen kun, “Garee tokko haala madaalawaa hin taaneen qeeqaa, garee tokko ammoo ija laafaan ilaalaniiru” jechuun himate. Ibsichi dhimmoota daangaa keessoo qaamolee heera mootummaan aangeeffamaniin akka hiikaman eeruun, gabaasichi “Dhimmicha irratti murtoo dabarseera” jechuun qeeqe.

Ibsa guutuu

Mootummaan Itoophiyaa qabiyyee gabaasa dhaabbilee Aministii Intarnaashinaali fi Hiyumaan Raayitis Waach Walqaayit irratti  xiyyeeffatanii baasan of eeggannoon qorachaa jira. Gabaasichi sarbiinsa mirga namoomaa irratti godhaman dabalataan dhimmoota of eeggannoon ilaalamuu qaban kanneen akka jijjiirama siyaasaa, nageenyaa, dhimma daangaa keessoo of keessatti kan haammate ta’uu hubachuun barbaachisadha. Gabaasichi himannaa sanyii balleessuu, yakka waraanaa fi yakkoota dhala namaarratti raawwataman dhiyeesseera.

Mootummaan Itoophiyaa kanneen sarbiinsa mirga namoomaa raawwatan hunda gaafatamtoota taasisuuf kutannoo qaba. Bu’aalee qorannoo  waajjira Komishinara Olaanaa Mirga Namoomaa fi Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa hordofee garee Ministiroota dhimma qorannoo kana hordofu kan hundeessees kanaafi. Gareen kun walga’ii lammaffaa har’a gaggeesseen adeemsa qorannoo kana saffisiisuuf qajeelfamoota adda addaa baaseera.

Gabaasa kanaafis xiyyeeffannoo laachuun ni qorata. Dhimmoota siyaasaa dhaabbileen kun dhimma kana qorachuun itti fayyadaman irratti mootummaan gaaffii dhiyesseera. Dursa, dhimmoota daangaa keessoo ilaalamu kan qaban qaamolee heera mootummaan aangeeffamaniini. Dhimmoota akkanaa irratti dhaabbileen akkasii murtoo laachuun bilchina dhabuudha.  Gabaasni akkasiis dantaa siyaasaaf akka oolu kan beekameedha. Ilaalchi akkasi qorannichi of-eeggannoo sirriin kan hin raawwatamne ta’uu agarsiisuu irra darbe gonkumaa fudhatama kan hin qabneedha. 

Qabiyyee gabaasicha eenyummaa irratti kan xiyyeeffate ta’uun isaa  mootummaa ni yaaddessa. Yeroo tokko gammachiisuuf yaalamu himannichi madaalawaa hin fakkaatu. Ilaalchi kun jibba hammeessuun araara biyya jabduu ijaaruuf barbaachisu ni fageessa.

Gabaasichi bifa miira kakaasuun dhiyaachuu fi adeemsa gabaasa miidiyaa hordofuun qabiyyee fi amanamummaa argannoolee gaaffii keessa kan galchuudha. Karaa biraan, garee tokko qofa qeequun kabajamu mirga namoomaa fi nagaa buusuuf hin fayyadu.

Rakkooleen biroo gabaasicha keessa jiran ifatti mul’atu. Gabaasichi baay’inaan ragaalee garee tokkotti dhiyaatan irratti kan hundeeffame ta’uunsaa madaalliisaa faalleessa. Raayaa Ittisa Biyyaa fi Humna Addaa Amaaraa irratti himannaa haqa qabeessa hin taane gabaasichaan dhiyaatuus, garee qorannoo mootummaan hundaa’e karaa sirriin qorannoo irratti ni gaggeessa. 

Gabaasni kun yeroo mootummaan namoomaaf jecha murtoo walitti bu’iinsa dhaabuu hojiirra oolchuun gargaarsa namoomaa daangaa  hin qabne gara Naannoo Tigraay akka galuuf humna danda’uun hojjechaa jirutti kan baheedha. Tarkaanfiin mootummaatin fudhatamaa jiru kun walitti bu’iinsa jiru karaa nagaan hiikuuf yaalii godhamu irratti bu’uura guddaa akka ta’u amantii jabaa qaba. Haala gaddisiisaa ta’een gabaasichi yaadawwan yaalii nagaa kamiifuu hin fayyadne kan kaa’ee ta’us, mootummaan himannaawwan sarbiinsa mirga namoomaa hunda gadi fageenyaan qorachuun bu’aa argame uummataaf ifa gochuun kutannoo qabu irra deebiin mirkaneessa. AS 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.