Sochiin Biyyaalessaa Amaaraa paartiin biyya bulchu garaagarummaa keessoo gara waldhabdee uummataatti jijjiiruuf yaalii gochaa jiru haa dhaabu jedhe 

Finfinnee, Paartiin Sochii Biyyaaleessaa Amaaraa ibsa Kibxata, Ebla 6 baaseen, paartiin biyya bulchaa jiru garaagarummaa keessoo isaa gara waldhabdee uummataatti jijjiiruuf yaalii gochaa jiru akka dhaabuufi garaagarummaa jiru mariin akka hiiku hubachiiseera. Paartichi ibsa kan laate hoggantoota paartii Badhaadhinaa damee Amaaraa fi Oromiyaa gidduu waldarbannaa jechaa godhamu hordofeeti. 

Mootummaan naannoo Oromiyaa ibsa Ebla 4 baaseen garee “Humnoota finxaaleeyyii maqaa Amaaraan socho’an” jedhe waamee akeekkachiisee, “Diinoota Amaaraa fi Sabaaf Sablammootaati” jedhe.

Du’a lammiilee akka sababaatti fayyadamuun akkasumas ibsa garaagaraa baasuun biyyatti gara rakkoo hamaa keessa  akka galtu soda uumuun “itti gaafatamummaan kan hin qabnee fi adeemsa hamaasha ” kan jedhe paartichi gochi kun “Atattamaan sirraachuu qaba” jedhe. 

Akka ibsa paartichaatti, uummattoota giddu waldhabdee siyaasaa uumuuf yaalii gochuun mootummaan itti gaafatamummaasaa bahachuu dhabuun ala “shira siyaasaati” jedheera. Paartichi kufaatii sirna duraa irraa barumsi argamu “Paartii biyya bulchu qofa osoo hin taanee uummataafi biyyaas ni fayyada” jedhe.

Bitootessa 29, walitti bu’insa humnoota hidhatan, naannoo Amaaraa, aanaa Shankooraa irraa dhufanii fi Milishoota naannoo Oromiyaa aanaa Fantaallee gidduutti uumameen koomander Abdiisaa Ifaa dabalatee lubbuu milishoota 26 erga darbe booda qaamolee dhuunfaa fi hoggantoota naannolee lamaan giddu darbannaa jechaa taasifameera. Waajjiraalee gama naannolee lamaan jiran yakkamtoota ifatti osoo hin ibsiin ibsa baasaa turan.

Paartiin Sochii Amaaraa ibsa kaleessa baasen, ibsa mootummaan Oromiyaa dhiyeenya kana baase qeeqera. “Lubbuu lammiileef yaadna yoo ta’e, karaan inni sirrii qorannoo walabaa akka gaggeeffamu gochuudha,” jedhe. Ibsi mootummaan Oromiyaa baase taatee ture bifa biraa itti kenneera kan jedhe paartichi, “Bakka Naannoo Amaaraa keessa jiru akka ofiitti ibseera” jechuun qeeqe.

Qeeqa paartii biyya bulchuu fi mootummaa malee paartiin Sochii biyyaalessaa Amaaraa, heerri mootummaa amma hojii irra jiru, “Suuta suutaan Itoophiyaa diigee, saba Amaaraa tasgabbii dhoowwuuf kan karoorfate. Kunimmoo uummaa Amaaraa qofa osoo hin taane uummata Itoophiyaa hunda gatii kanfalchiisa fi biyyummaa Itoophiyaa irratti balaa guddaa fidaa jira” jedhe. 

Hogganaan Paartiin Sochii Biyyaalessaa Amaaraa Mininstira ministeera Kalaqaa fi Teekinolojii Ballaxaa Mollaa(PhD)ti. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.