Seenaa Gammachiis Dhaabaa

Suuraa: Miidiyaa Hawaasaa

Finfinnee, Gammachiis Dhaabaa (Zakkaariyaas Mul’ataa) bara 1955 wallagga lixaa aanaa Najjoo magaalaa Gorii jedhamtutti dhalate. Barumsa isaa kutaa 1-6tti Mandiitti,kutaa 7-12 Finfinnee mana barumsa Tafarii Mokonnonitti baratee xumure. Yuunivarsiitii Finfinnee seenee waggaa tokko erga baratee booda labsii mootummaa dargii barattoota fi barsiisotaaf taasisee fudhatee dhaadannoo lafti kan qotee bulaa haa ta’u jedhu hojii irra oolchuuf baadiyyaa Oromiyaatti bobboa’e. 

Bobbaa kanaan sirna bulchiinsaa jallaa fi dhiibbaa uummata Oromoo irra gahu argee jijjiirama ejjannoo guddaa fide. Yeroon sun wayita dhaabbilee siyaasaa hedduun waldorgommii keessa turanii fi sabboonummaan itti biqiluu eegale ture. 

Barnoota isaa itti fufuuf Yuunivarsiitii Finfinnee irraa gara koolleejjii qonnaa Haromaayatti jijjiirrate. Hagayya bara 1979 Harargee Bahaa deemuun qabsoo bilisummaa Oromoo dirree bahaatti makame. Bara 1979-1982 miseensa ta’uun hojjataa ture. Bara 1981-82 dabballee ta’uun Arsii Arbaaguugu keessatti hojjate. Waraana milishaa dargii fi waraana bilisummaa Oromoo gidduutti magaalaa Harootti gagggeeffameen madaa’e ture. 

Bara 1983-1984 ajajaa humna zoonii kibba bahaa ta’uun hojjate. Bara 1984 miseensa koree giddu galessaa ta’uun filatameee hanga bara 1987 tti ajajaa humna zoonii kibba bahaa ta’uun hojjate. Bara 1987-88 dhuulchiftoota waraanaa ta’uun hojjate. 

Bara 1989 Kora ABO lammaffaa irratti koree qopheessituu ture.Bara 1989-1990 damee dantaa waraanaa ta’uun hojii isaa itti fufe. Bara 1991 Somaaliyaa deemuun dirqama bahataa ture. Bara 1991 dargiin yeroo kufu Gammachiis humna isaa qabatee naannoo Nageelle gahe. 

Bara 1992 humnoota ABUT waliin akkataa waliin hojjatan irratti waliigalee kan uumatan ta’uus humnootni ABUT waliigaltee cabsuun deeggartoota ABO hidhuu eegalanii waldhabdeen uumame. Humnootni ABUT bara 1992 Gammachiis Dhaabaa magaalaa Nageelletti ajjeesan. 

Hubachiisa Gulaalaa: Seenaan kun kitaaba Goota Oromiyaa jedhu irraa fudhatame

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.