Yakki yakka waraanaa fi namoomaa gitu Lixa Tigraayitti raawwatameera- Aministii Intarnaashinaali fi Hiyumaan Raayitis Waach

Naatinaa’eel Fiixee tiin

Finfinnee, Dhaabbileen Mirga namoomaaf falman Aministii Intarnaashinaali fi Hiyumaan Raayitis Waach gabaasa waloo Ebla 6, 2022  baasaniin, Lixa Tigraay keessatti dhalattoota Tigraay irratti ajjeechaa fi yakki namoomaa raawwatameera jedhan. Yakka kanas ”Yakka waraanaafi yakka namoomaa qixxee” jechuun ibsan.

Gabaasni mata duree “We Will Erase You From This Land: Crimes Against Humanity and Ethnic Cleansing in Ethiopia’s Western Tigray Zone,” jedhu kun akka ibsuutti, erga waraanni kaabaa jalqabame eegalee aanga’oota fi humnoonni naannoo Amaaraa dhalattoota Tigraay Lixa Tigraay jiran irratti yakkoota waraanaa fi namoomaatti lakkaa’aman raawwataniiru. 

Gabaasichi erga  waraanni Kaaba Itoophiyaa Sadaasa 2020 eegalee, godinni Lixa Tigraay harka humnoota Amaaraa galee booda, dhalattoota Tigraay irratti duula sanyiin adda baasanii balleessuu dabalatee yakkoota adda addaa raawwatachuu isaanii mul’ise.

Kana malees, ”Aanga’oonni mootummaa Itoophiyaa yakka raawwatamaa jiru kana hadheeffatanii haalan, haala rifaasisuunis dura dhaabbachuu didan” jechuun komata gabaasni waloo kun.

“Deeggartootni Itoophiyaa idil addunyaa fi kan naannoo, hammeenya yakkoota Lixa Tigraayitti raawwatamaa jiran agarsiisuu hin dandeenye” kan jette Barreessituun Olaanaan Amnastii Intarnaashinaal Agnees Kalamaard, “Mootummootni dhimmichi isaan yaaddeessu duula sanyii balleessu kana akka dhaabsisan, dhalattoonni Tigraay nagaa fi fedhii isaaniin gara qe’ee isaanitti akka deebi’an gochuufi yakkoota suukkanneessa kanaaf haqa argamsiisuuf yalii gochu qabu” jette.

Gabaasichi yakkoota baatiilee jalqabaa muraasa keessatti raawwataman irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, milishoota Tigraay akkasumas jiraattonni naannichaa Amaarota hojii humnaaf gara Maayikaadraa dhufan irratti “yakka waraanaa” raawwachu isaani yaadachiiseera.

Taateewwan dhaabbileen kun qoratanii gabaasan keessaa tokko,  Amajjii bara 2021 naannoo riqicha Takazeetti haleellaa milishaa Faannoo jedhamuun raawwatame ni argama. Amajjii 17, magaalaa xiqqoo Gooshuu jedhamuun beekamtutti milishootni Faannoo jiraattota erga sassaabanii booda dhiiroota addaan baasanii hidhaniiru kan jedhu gabaasni kun, miseensotnii humna addaa Amaaraa gama isaaniin dhiiroota Tigree 60tti siqan riqicha Takazee bira geessanii jumlaan ajjeesaniiru jedha.

“Mootummaan hundeeffama milishaa Lixa Tigraayitti yakkoota akkanaa raawwatu diiguufi miseensota humna addaa Amaaraa fi humnoota federaalaa haleellaa raawwatan naannoo saniiti baasuu qaba” jedha gabaasni jaarmiyaaleen kun baasan.  Kana malees,  godinni kun dhaabbilee gargaarsa namootaaf akka saaqamuu fi  warreen jumlaan hidhamaniis gadhiifamanii haqni amansiisaan akka kennamu gaafatan.

Waliigalteen  humnoota waraanatti jiran lamaan [humnoota Tigraay fi humnoota mootummaa Itoophiyaa] giddu godhamu sarbamiinsa mirga namoomaa dhaabsisuuf humna nagaa kabachiisaa idil addunyaa Gamtaa Afriikaan durfamu atattamaan gara Lixa Tigraay bobbaasuu of keessatti kan qabate akka ta’u waamicha dhiyeessaniiru.

Waraanni kaaba Itoophiyaa erga eegalee qaamoleen waraana keessatti hirmaatan yakka waraanaa fi yakka namoomaatiin himatamaa turuun isaanii ni yaadatama. Waraana kanaan walqabatee dhalattoota Tigraayi irratti  ajjeechaan jumlaa fi hidhaan jumlaa qaccee irratti xiyyeeffatee raawwatamuu isaa gabaafamaa ture. AS

.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.