Boordiin Filannoo Ragalee Yaa’ii Waliigalaa Paartiin Sochii Bilisummaa Oromoo dhiyeesse Poolisiin Qorachiisaa jira

Waraqaa Ragaa Sochii Bilisummaa Oromoo
Suuraa: Walta

Finfinnee, Boordiin filannoo Biyyaalessaa xalayaa kaleessa Komishiniii Poolisii Federaalaati barreesseen ragaalee Yaa’ii Waliigalaa fi mallattoo miseensotaa paartiin Sochii Bilisummaa Oromoo dhiyeesse akka qoratu gaafate. 

Bara 2011 paartii biyyaalessaa ta’uun kan galmaa’e Paartiin  Sochii Bilisummaa Oromoo yaa’ii isaa Bitootessa 15, 2014 galma aadaa Oromootti gaggeessee jira.  Akkaata labsii lakk. 1162/2011 paartiin biyyaalessaa tokko yaa’ii walii galaa gaggeessuu yoo xiqqaate miseensota 500 hirmaachisuu qaba.  

Haa ta’u malee paartichi namoota 250 qofa akka hirmaachisee yaa’irratti argamuun lakkaa’een jira jedhe Boordiin Filannoo. Gaaggessaan walgahiicha miseenstoni Sochii Bilisummaa Oromoo namootni  541 akka argaman ibsuyyuu bakka butootni Boordii filannoo kan lakkaa’an namoota 250 qafa akka ta’e ibse. Kana malees miseensotni yeroo gara galma yaa’ichaa seenan galmaa’a akka hin turree kan ibse boordichi, Bitootessa 22/2014 xalayaan hirmaattotni walgahichaa namoota 634 akka ta’an ibsu paarticha irraa na gahe jedhe. 

Haalotni armaan olitti ibsaman maqaa fi mallattoo dhiyaata dhara akka ta’an shakkeen jira kan jedhe boordichi komishiinii poolisii federaalaatti kutaan qorannoo yakkaa ragaalee dhiyaatan qoratee dhugummaa isaanii akka mirkaneessu gaafate. Paartileen otoo beekanii ragaa dharaa yookan ragaa dhugaa hin taane boordichaaf yoo dhiyeessan akka itti gaafatamanis yaadachiisee jira Boordiin Filannoo biyyaalessaa. 

Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa ibsa Gurraandhala 16,  baaseen  baatii tokko keessatti paartileen siyaasaa 26 ta’an yaa’ii waliigalaa akka waammatan waamicha taasiseera. Erga Manni maree Bakka bu’oota Ummataa labsii yeroo muddamaa kaase guyyaa tokko booda, Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa  Paartilee Siyaasaa Biyyaalessaa 13 fi kan naannoo 13 Yaa’ii waliigalaa taasisuu fi Wixinee dhiyaate irratti  fooyya’iinsa barbaachisu akka taasisaan waamicha dhiyeessuun isaa ni yaadatama. Kanuma hordofee paartileen hedduun yaa’ii waliigalaa taasisanii jiru.  AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.