Seenaa Magarsaa Barii

Magarsaa Barii

Magarsaa Barii bara 1942 Arsii, Cilaaloo aanaa Leemmuu fi Bilbiloo ganda Leemmuu jedhamutti dhalate. Bara 1953 maatiin isaa wajjiin hacuuccaa baqatanii godina Baalee, aanaa gololchaa iddoo Yaakumaa Dinkittii jedhamutti baqatan.  

Magarsaa Barii dhalatee waggaa 14 booda bara 1956 keessa mana barnootaa galee barumsa jalgabe. Barnoota kutaa 1-4, mana barnootaa warra misiyoonii ‘Mission Interior School’, magaalaa Adaabbaatti argamutti barate.  Kutaa 5-8 mana barnootaa mootummaa Gindhiritti barate.  

Bara 1963 qormaata kutaa 8ffaa fudhatee qabxii ol aanaa fiduun Finfinnee mana barnootaa sadarkaa 2ffaa Koomersiitti ramadame. Yeroo mana Barumsaa Sadarkaa Lammaaffaa Koomersii Finfinnee seene irraa eegalee barattoota Oromoo yeroos Yuunivarsiitii Finnfinnee keessaa baratan wajjin quunnamtii qaba ture jedhama.  Bara 1967 qormaata kutaa 12ffaa fudhatee qabxii olaanaa fiduudhaan darbe. 

Magarsaa Barii bara 1968-1971 Yuunivarsiitii Finfinnee muummee Saayinsii Hawaasummaa, Bulchiinsa Daldalaa baratee, qabxii guddaa fiduudhan ‘Great distinction’ eebbifame.  

Magarsaan erga eebbifamee booda waajjira Abbaa taayitaan Humna Ibsaa Itiyoophiyaatti ramadame. Achirraa gara waajjira olaanaa Telekominikeeshina ltoophiyaatti jijjiiramee hangan bara 1974tti bakka gaafatamaa irra hojjate. Jalqaba 1975 irraa hanga walakkeessa 1976tti itti-aanaa bulchaa kutaa Baalee ta’ee hojjate.

Yuunivarsiitii Finfinneerraa eebbifamee hojii mootummaatti haa ramadamu malee, irra guddaa qabsoo Oromoo irraa qooda fudhachuu fi dalaga dhaaba qabsoo bilisummaa Oromoo hogganuu tokko hundeessuu irratti bobba’ee hojjachaa ture.  Ilmaan  Oromoo hubatoo, qaroo fi muratoo ta’an, dhaaba bilisummaa ijaaruu fi hoogganuu danda’an, Adoolessa 1, 1973 walitti dhufanii Birkii Qindeessituu Waaltaa (Central Coordinating Body) jedhu uuman. Birkiin kun Jeneraal Taaddasaa Birruu hoggaaganmuu yoo  ta’u, miseensonnisaa Magarsaa Barii, Baaroo Tumsaa fi namoota biroo turan. Akka kanan dhaaba bilisummaa kan hunda hammate tokko dhaabuuf sochiin bal’inaan itti fufe.

Sochii biyya keessaa fi alaa walitti fiduun barbaachisaa ta’uun waan itti amanameef baruma 1973 kana keessa jilli qabsaawotaa Oromoo biyya keessaa fi ala turanii walitti dhufuun marii bal’aa adeemsisaa turan. Hogganaan  Birkii Qindeessituu  Jeneraal Taaddasaa Birruu mana hidhaa Galmsoo bahee baadiyyaa Harargee wayta seenu qabsaa’oti Oromoo biyya alaatti leenjifamanii deebi’an Oromooti akka Hasan ibraahim (Elemoo Qilxuufaa) akka dhaqqabaniif miseensoti Birkii qindessituu waaltaa hafan Magarsaa Bariifaa haala aanjessaa turan. Elemoo Qilxuufaa ,Jeneraal Taddasaa wajjin wal quunnamsiisuu haa hanqatan malee haalli yeroo sana ture Qabsoo hidhannoo eegaluuf kannataa waan tureef achumaan qabsoo hidhannoo akka jalqaban taasisan. 

Gama biraanis Magarsaan Oromoota fincila diddaa gabrummaa kibba Oromiyaa keessaati qooda qabaachaa ture hanga baadhiyyaa Baaleetti itti dhaqee qunnamuun dammaqsuu if ijaaruuf tattaaffii godhaa ture. Keessaayyuu bara 1975-1976 wayta I/bulchaa kutaa Baalee ture namoota sochii kibba Oromiyaa keessaa qooda qabaachaa turanii fi Oromoo Somaaliyaa irraa meeshaa waraanaa hidhatanii maqaa Somaalee Aabboo jedhuun Waabee, Kurkurru, Saawweena,Dalloo Mannaa fi Raayituu keessa socho’aa turan dhoksaan itti dhaqee haasofsiisuun sochicha qaama sochii bilisummaa Oromoo taasisuuf tattaafataa ture.

Walakkeesa 1976, yeroo Magarsaan Finfinnee dhaqeee Birkiin Qindessituu Waaltaa wixinee sagantaa siyaasaa bara 1974 keessa qopheesse irratti mari’atee akka raggaasuu fi sirna ijaaramaa diriirsuuf kora bu’uuressaa (founding congress) ABO qopheessaa ture. Waxabajjii 11,1976 magaalaa finfinnee keessatti dhoksaan kora bu’ureessaa ABO adeemsisan. Kora bu’uuressa ABO kana irratti kan argaman bakka bu’aata maadheelee sabboontota Oromoo Finfinnee fi godinoota Oromiyaa adda addaa, bakka bu’oota jaarmaa Dargaggoota Oromoo warraaqaa jedhamuu, bakka bu’oota saglii gaafas dirree qabsoo hidhannoo ture yeroo ta’an, hojjattoota Oromoo irraas namooti argamaniiru. Yeroo sana Magarsaa Barii Dura Taa’aa jechuun H/ Duree ABO ta’ee filame.

Gama biraan ammo haalli yeros dirree bahaa keessatti mul’ataa ture qabsoo hidhannoo gochuuf kennataa ykn mijataa ture. Elemoo |Qilxuu jaallan biro wajjin bara 1975 falmaa diinaa wajjin adeemsifame keessatti wareegame iyyuu jaallan dirree keessatti hafanii fi kanneen yeroo sana soomaliyaa irraa biyya seenaa turan namoonni akka Abdulkariim Ibrhaahimfaa (Jaarraa Abbaa Gadaa) KG ABO wajjin quba wal qabaachuun qabsoo hidhannoo finiinsuuf sulula Gobellee seenaa turan. Mootummaa Soomaaliyaa fi Dargii gidduuttis lolli jalqabame.

Haala kanaan bara 1977 walgahii gidduu ABO lammaffaa dhoksaan Finfinnee keessatti gaggeeffamee caasaa jaarmayaa haala yeroo waliin tarkaanfachu danda’u tolchuu dabalatee murtiilee adda addaa dabarse. Akka kanaan qaama hojii raawwatu Ajaja Siyaasaa fi Waraana Olaanaa jedhu, miseensota shan of keessa qabu akka hundeeffamu murteesse. Miseensota shanan keessa Magarsaa Barii dura taa’aa, Gadaa Gammadaa itti aanaa dura taa’aa, Leencoo Lataa barreessaa, Mo’ee Abdoo gaafatamaa siyaasaa fi hawaasummaa, Baaroo Tumsaa itti gaafatamaa hariiroo alaa godhe filate. 

Kana malees gara  tooftaa qabsoo hidhannootti akka fuulleeffatamu fi miseensonni irra jalaan gara dirree qabsoo hidhannootti akka socho’an murteesse. Haaluma kanaan, Fulbaana bara 1977 Magarsaa Bartiifaa gara dirree qabsootti deemanii hoggansa laachuuf imalanii konyaa Arba Guugguu bakka Martii jedhamtutti qubatan. Achumarraan gara Harargee ce’anii saglii Badhoo Dachaasaa fi Raggaasaan durfamuun simatamanii naannoo Bookee Guddaa jedhamu qarree Saaqqataa ganda Aliyyii Gulubee fi Sheek Mohaammad Dooyee jedhamutti WBOtti makaman.

Adeemsa hoggansa qabsoo hidhannoo gara naannoo kanatti godhaa turan milkii heddu argamsiisuus sirna jaarmayaa fi heera bulmaata waraanaa tolfame sadarkaa qondaalota waraanaatti iyyuu waan hin hubatamneef  Magarsaa Bariifaa bakka garaa garaatti kora gaggeessuun hubannoo guddaa laatan. Ergasii kutaalee Oromiyaa bal’aatti socho’u eegalan. Haata’u malee Baaroo Tumsaa fi Badhoo Dachaasaa wareegamu isaaniin waraanni abdii kutatee ture irra deebiin ijaaran dhaaban. 

Hayyuu duree ABO Magarsaa Barii, itti aanaa hayyuu duree Gadaa Gammadaa, miseensota koree gidduu Abboomaa Mitikkuu, Iggazuu Bantii ajajoota waraanaa torba dabalatanii qaama jaarmayaa ABO Somaaliyaa jiru sirna qabsiisuuf murteessuun garas imalaa osoo jiranii hidhattootaan marfaman. Haala kanaan Ebla 15, 1980 gammoojjii Ogaadeen bakka Shinniggaa jedhamutti, Magarsaa Barii fi  namootni isa wajjiin jiran hundi waliin ajjeefaman.

Hubachiisa Gulaalaa: Seenaan kun kitaaba Goota Oromiyaa jedhu irraa fudhatame

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.